Qorichoonni Ulfa ittisuuf fudhataman dubartoota dhiphina keessa galchuu danda'uu?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo dhihoon asitti waa'een qorichoota ulfa ittisuuf fudhatamanii, keessumaa dhiibbaan inni miira isaanii fi fayyaa sammuu isaaniirratti fiduu malu dubartoota yaaddessaa jira.
Kana qofas osoo hin taane ilaalchi dogogoraa qaamoleen tokko tokko qorichoota ulfa ittisuuf fudhataman kanarratti odeeffamus dhagahama.
Keessumaa odeeffannoowwan akkanaa yeroo miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiifamu namoota miliyoonaan qoodama.
Haa ta'uutii dubartoonni yaaddoo dhugummaa qabu qaban akkuma jiran kanneen miidiyaa hawaasummaa irratti hordoftoota hedduu qabanii fi dhiibbaa uumtota ta'an ilaalchonni dogogoraa qorichoota ulfa ittisan kanarratti gadhiisan laayyoo miti.
Namootni akkanaa kuni waa'ee yaala fayyaa irratti beekumsa gahaa qabaachuu baatanilleen ofitti amanamummaadhaan dubartoonni qorichoota ulfa ittisan kana akka hin fayyadamne yeroo gorsanis nimul'atu.
Qorichootni ulfa ittisuuf liqimfaman ilaalchaa fi namummaa fayyadamaa sanarratti dhiibbaa fiduu malaa?rakkoowwan akka dhiphinaa fi fayyaa sammuu fiduu keessatti gahee qabaatuu?
Qorichi ulfa ittisu bara 1960 yeroo jalqabaatif Ameerikaa keesatti gabaarra oole. Waggaa lama keessattis namootni miliyoona tokkoo fi kuma 200 fayyadamaniiru.
Yeroo sanatti qorichoonni xixiqqoon fudhataman mallattoo bilisummaa fi jabina dubartootaa akka ta'anittis ilaalmee ture. ulfi hin barbaachisne hojiirraa yookan barnoota irraa nadhaaba yaaddoo jedhu keessaa isaan baase.
Har'a qorichootni ulfa ittisuuf liqimfaman addunyaarratti dubartoota miliyoona 150 yookan dubartoota harka 16 ta'aniif filannoo ta'eera.
Istiroojiinii fi Piroojestiroonii kan jedhamn qorichoota ulfa ittisuuf liqimfaman lamatu jira. lamaanuu hormoonii namtolchee irraa hojjetaman.
Lamaan isaaniiyyuu kan hojjetan kan hojjetan dhangala'aa balbala Gadaamesaa irra jiru furdisuun sanyiin dhiiraa hanqaaquu bira akka hin geenye dhorkuun yookan ovaariiwwan hanqaaquu akka gadi hin dhiisne ittisuuni.
Haa ta'u malee qorichoonni ulfa ittisuuf liqimfaman kana keessa hormoononni jiran qaama dubartootaa irratti qofa osoo hin taane fayyaa sammuu dubartootaa irrattis dhiibaa fiduu malu.
Yunvarsiitii Biyya siwizarlaanditti ogeessa fayyaa gadaamessaa fi daa'immanii kan ta'an Dr. Yohaannis Bitzar "Sammuu irratti dhiibbaan Hormoonotaa walxaxaadha" jedhu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namoota tokko tokkoof kiniinonni kuni dhiibbaa gaarii ta'e uumuuf. Namoota kaan irratti ammoo miira aarii fi dhiphina uumuu mala" jedhan.
Seenaa waggoota 65 qoricootni ulfa ittisuuf liqimfaman qaban keessatti ofeeggannoo qorichoota kanaratti kennamuu baayyee gadi aanaadha.
Waggoota 40f hojii yaala ulfaa fi Gadaamessaa kan hojjetan Dr. Bitzar. "…Leenjii ulfaa fi gadaamessaa keessatti waa'een fayyaa sammuu mataduree miti. Kuni ogeessota yaala sammuutiif dhiifamee jira" jedhan.
"Ammaan dura waa'ee kiniiniiwwan kanaa yeroo haasofnu waa'ee kaansarii, kantaruu dhiigaa, dhangala'uu dhiigaa, ulfaatina qaamaa dabaluu fi kan kana fakkaatantu haasa'ama. Waa'een fayyaa samuu keessatti hin hammatamu" jeddhu.
Qorattoonni dhimma kanarratti qprannoo taasisanis yeroo hedduu dhiibbaawwan cinaa kiniinonni kuni fidanii fi waa'ee fayyaa samuu irratti qorannoo yoo taasisan hin mul'atu.
A.L.A Bara 2016 qorattoonni biyya Deenmaark dhimma kanarratti waraqaa qorannoo erga maxxansiisaniin booda jijjiiramni ilaalchaa dhufuu himu Dr. Bitzar.
Qorattoonni Deenmaark waggaa 14 keessatti dubartoota umriin isaanii waggaa 15 hanga 34 gidduu jiran miliyoona Tokko caalan irratti waa'ee fayyaa sammuu isaaniin waan walqabatuqorachuuf ragaalee wiirtii fayyaa biyyattii sakatta'aniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Qorattoonni kuni akka jedhanitti dubartoonni kiniinii Istiroojiinii liqimsan kanneen qoricha hin fayyadamne waliin yoo walbira qabamu carraa. Ji'oota ja'a booda qorichoota dhiphina hir'isan fudhachuu isaanii harka 70 akka ta'e bira geenyeerra jedhan.
Kanneen kiniinii 'Mini Pill' jedhaman fudhataniif ammoo carraan kuni gara harka 80tti akka olka'us himan.
A.L.A bara 2023tti gareen qorattootaa Yunaayitid kingidam galmee dubartoota ruubii miliyoonaa ta'en sakatta'uun bu'aa walfakkaataa argachuu ifoomsan.
Dubartoonni kunneen qorichoota kana liqimsuu jalqabanii waggaa lama booda kanneen qoricha kana hin fayyadamne waliin yoo walbira madaalaman carraan dhipinaaf saaxilamuu isaanii harka 71 akka ta'es himanii ture.
Garee qorattoota Deenmaark kan durasn Yunvarsiitii Koopanhaganitti Ispeeshaalitii ulfaa fi Gadaamessaa kan ta'an Dr. Ayivaan Lidigard "Qorichoota kana fayyadamuu jalqabuu fi mallattoowwan dhiphina sammuu nama jalqabuu gidduu hariiroon jira" jedhan.
Fayyaa sammuu fi kiniinota ulfa ittisuuf liqimfaman gidduu hariiroo jiru irratti qorannoowwan yaadota olitti eeraman kana faallessanis jiru.
Qorattoonni Yunvarsiitii Ohaayoo qorannoowwan kana dura taasifaman 26 erga ilaalaniin booda qoricha ulfa ittisuuf liqimfamu Piroojestiroonii fi dhiphina sammuu gidduu hariiroo xiqqaa ta'etu jira jedhan.
Iswiidinitti dubartoota 200 hanga 340 ta'an irratti qorannoo bira ataasifameen Piroojestiroonii fudhachuun gara dhiphinaatti miira nama geessu hin qabu jechuun jala muran.
Hospitaana Istookholm jirutti Ispeeshaalistii Ulfaa fi Gadaamessaa kan ta'an Helena Koop Kaaliner hariiroo qorichoota ilfa ittisuu fi liqimfamanii fi fayyaa samuu irratti qorannoowwan taasifaman irratti garaagarummana kan mul'atu amala dubartoota qorannoo kanarratti hirmaatanii iraayi jedhu.
Kana yeroo ibsanis haalli fayyaa sammuu haala nama nama dhuunfaa qorannoo kanarratti hirmaatee irraayi jedhu.
Kana malees kiniiniiwwan kuni biraadiiwan garagaraa hanga 30 caalan waan qabaniif gosti kiniinii qorattoonni qorannoo kanaaf fayyadaman bu'aa qorannoo adda addaa akka dhufu gochuu malas jedhu.
Lammiin Iswwiidin Dr Soofiyaa Zeetermaark gamasaaniin bu'aawwan qorannoo kana irratti dhiibbaa uumuu kan danda'an kanneen akka hidda dhalootaa (Genetics)fi bakka jireenya nama qoratamu sanaa bu'aa qorannoo irratti dhiibbaa qabaachuu akka malan eeru.
Dr,Soofiyaan Iswiidinitti galmee fayyaa dubartoota miliyoona tokkoo yeroo qoratan kanneen galii gadi aanaa qabanii fi kanneen godaantota ta'an irra akan dhufan hormoonota ulfa ittisan kana yeroo fudhatan carraa miirri isaanii jijjiiiramuu bal'aa qabaachuu himu.
Lidegaard gamasaatiin qorannoowwan kana balisanii ilaaluun akka barbacahisu himu.
"Dubartoota hormoonii ulfa ittisu fudhatan tokko tokkorratti miirri jijjiiramuun akka mul'atu homaa shakkii hin qabu. haa ta'u malee kan rakkoon sammuu isaan mudatu harka 7 hanga 8 qofa akka t'e hubachuun barbaachisaadha"
"Dubartoonni kunneen sababa kanaan qorichoota kana fayyadamuu dhaabuuf dirqamuu malu. Dubartoota omisha kana fayyadaman hedduu sammuu isaanii keessatti miirri tasgabbii irraa hin mul'atu|' jedhan.
Haa ta'u malee dubartoota tokko tokkoof ammoo qorichootni ulfa ittisan kuni miidhaa cinaa isaan fidanirra faayidaan isaa caalee argamuufii mala.

Madda suuraa, Getty Images
Qorichoonni ulfa ittisan kunneen bu'a qabeessa ta'uun alatti fayyaa namaatiif bu'aa gaariis fiduu malu.
Akka Koopkaarner jeddhanitti "Dhukkuba Gadaamessaa, dhubbuba marsaa laguu dhufuu duraa wayyeessuuf gahee qaba" jedhu.
Ulfaa'uun, keessumaa biyyoota guddachaa jiran keesatti ofumaafuu rakkoo fayyaa hordofsiisuu mala.
Kun osoo kanaan jiruu qorannoowwan hedduun ulfa hin baraachisnee fi dhiphina gidduu hariiroo cimaan jiraachuu bira gahuu akeeku.
Qorannoo biyyoota adda addaatti taasifame kana ilaaluun ogeessonni fayyaa qorichoota ulfa ittisanaii fi kanneen liqimfaman kana maamiloota isaaniif ajajuuf ofeegannoo godhu.
"Kana dura dhiphinni simudatee yoo beeke, yookan irra deddeebiin dhiphinni yoo sitti dhagahama ta'e, yoo rakkoo fayyaa samuun walqabatu qabaatte, kiniinii kana yeroo fudhattu miirri mukaa'uu sitti dhagahamuu mala" jechuun akeekkachiisu Koop Kaarner.
Kiniiniiwwan kana yeroo jalqabaatiif yoo fudhatan miira ofii dhageefachuun baayyee barbaachisaa akk ata'es gorsu. Yookan biraandii tokkorraa kan biraatti jijjiirachuu barbaachisa.
Tari kiniiniiwwan kana erga fudhataniin booda miira isaanii irratti jijjiiramni haaraan yoo mul'ate gara dhaabbilee fayyaa deemuun mariisisuun barbaachisaa ta'uus himu.
Kiniinota kan afudhachuun baayyee namoota dhuunfaa irratti akka hundaa'uu fi gosa kamtu nama kanaaf filatamaa ta'a jedhanii adda baasuun ogummaa akka barbaadus himu.
Kiniinota ulfa ittisuuf liqimfaman kanaan alattis kanneen hormoonii ofkeessaa hin qabnee fi hormoonii xiqqaa qabanis jiru. kana malees koondoomii fayyadamuun, luuppii gadaamessa keessa taa'u, Impilaantii kan irree keessa awwaalamuu fi waggaa sadii hanga shanii fayyadu, kanneen lilmoodhaan kennaman, ujummoo sanyii dhiiraa gara gadaamessaa geessu guduunfuu filannoowwan biraati.
Dhiirota irratti ammoo sanyiin dhiiraa akka darbee hin deemne karaa cufuu (Vacectomy)n mala ulfa ittisuu kan biraati.












