Waancaa Afrikaa: Taphoota har’a gaggeeffamuun eenyutu waancaaf darba?

Taphataa Ayivorii Koost

Madda suuraa, Getty Images

Dorgommiin Waancaa Afrikaa 2023 jalqabaa hanga har’aatti hedduu hawwataa ta’ee itti fufeera. Keessumaa tapha nuusa xumuraa irratti diraamaa hin dagatamnetu mul’ate.

Biyyi Waancaa Afrikaa 2023 keessummeessaa jirtu Ayivorii Koost akkaataan itti xumura walakkaaf geesse raajiidhuma.

Amma DR. Koongoo mo’attee waancaaf dabartii?

Ayivorii Koost tapha nuusa xumuraa Maalii waliin taphatteen boqonnaa duraa taphataa tokko kaardii diimaan dhabdee garuu gooliin daqiiqaa dabalataa 122ffaa irratti argatteen mo’atte.

Biyyi xiqqoo osoo hin yaadamiin Waancaa Afrikaa 2023 kanarratti cimtee mul’atte Keep Veerdeen ammoo Afrikaa Kibbaa waliin nuusa xumuraa irratti walitti dhufanii daqiiqaa dabalataanis wal mo’achuu dadhabanii dhumarratti rukuttaa peenaalitiidhaan warri Bafaanaa Bafaanaa injifatanii walakkaa xumuraaf darbaniiru.

Tapha Keep Veerdee fi Afrikaa Kibbaarratti ajaa’iba kan ture ammoo karra eegaa Afrikaa Kibbaati. Peenaalitii itti rukkutame shan keessaa afur oolche.

Kanaaf, taphni Roobii Guraandhala 07, 2024 galgala sa’aatii fi 5:00 irratti gaggeeffamu biyyoota lamaan Waancaa Afrikaa 2023f darban kan adda itti bahu ta’a.

Sa’aatii 2:00 irratti kan taphatan Naajeeriyaa fi Afrikaa Kibbaadha.

Naajeeriyaan Waancaa Afrikaa irratti si’a sadii shaampiyoonaa taateetti. Afrikaa Kibbaa ammoo tokko qofa-bara 1996 kan injifatte.

Biyyi Waancaa Afrikaa 2023 qopheessite Ayivorii Koost ammoo bara 1992 Senegaaliin, bara 2015 ammoo Ikuwaatooriyaal Giinii mo’uun shaampiyoonaa taateetti. Garuu biyya ofiitti waancaa argattee hin beektu.

Yoo milkiin toleef har’a DR Koongoo kan osoo hin mo’amiin as qaqqabde irra yoo aanteef dorgommii waancaa Dilbata gaggeeffamuuf dabarti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tapha sa’aatii 2:00 irratti Naajeeriyaa fi Afrikaa Kibbaa walitti fiduun tilmaamni mo’achuu Naajeeriyaatiif kennameera. Haata’u malee, gahumsa addaa dursaan taphattootaafi karra eegaan Afrikaa Kibbaa Roonweel Wiiliyaams agarsiisaa jiruun warri Bafaanaa Bafaanaa salphaatti harka kan kennan hin fakkaatu.

Karra eegaan Afrikaa Kibbaa kun tapha nuusa xumuraa Keep Veerdee waliin turerratti rukkuttaa penaaliitii afur deebisuun seenaa hojjeteera.

Galgala sa’aatii 5:00 irratti ammoo taphni Ayivorii Koost fi DR. Koongoo ni eegama.

Ayivorii Koost bara kana carra qabeettiidha jechuun ni danda’ama. Tapha sadarkaa ramaddiirratti tokko qofaa mo’achuun, lama mo’amtee idaan goolii osoo irra jiruu sadarkaa sadaffaarra warra jiran keessaa sadarkaaarfaffaatti hiree argatte.

Tapha ramaddii boodas mo’atanii darbuudhaan Senegaaliin, nuusa xumuraatti ammoo Maalii mo’attee walakkaa xumuraatiif geesse.

Tapha mo’atanii darbuutiin Masirii mo’attee, nuusa xumuraan ammoo Giinii injifachuudhaan xumura walakkaatiif kan qaqqabde DR Koongoo salphaatti waan gadi jettuuf hin ta’u.

Har’a DR Koongoo waliin ammoo maaltu ishee eeggata? Biyya qopheessite ta’uuniifi hamileen deeggartootaa dirree guute waa gargaaree waancaaf dabartii?