US daanyota ICC afur Israa'eliifi US irratti xiyyeeffatan jetterra uggura keesse

Maarkoo Ruubiyoo, Ministira Haajaa Alaa US

Madda suuraa, Getty Images

Hogganaan mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii US uggura daanyiota(abbootii murtii) Mana Murtii Yakkaa Idila-addunyaarra keesse akka kaaftu gaafate.

Voolker Taark uggura kana haleellaa daanyotarratti xiyyeefate'' jechuun ibsan. Uggurichi ''kabaja olaantummaa seeraaf kennamu seera walqixaan ilaaluu US nan dhaabadhaadhaaf jettu faallaa adeema'' jedhan.

Ministirri Haajaa Alaa US Maarkoo Ruubiyoo Kamisa darbe daanyota afur akka hin malletti Israa'eliifi USrratti xiyyeeffatan jedhan irratti uggura kaahuu isba baasaniin beeksisan.

Qoqqobbiin kun kan kaahame ICCn Ministira Muummee Beenjamiin Netaaniyaahuu dabalatee aanga'oota olaanoo Israa'el irratti ajaja hihdaa baasuufi himannaa US Afgaanistaan keessatti yakka waraanaa raawwatteetti jedhu qorachuu eegaluu himuun booda.

Taark qoqqobbii kaahameen ''akka malee jeeqameera'' jechuun, irra deebi'amee ilaalamuun akka ka'u'' waamicha godhaniiru.

Daanyonni arfan dubartootadha. Lamummaan isaaniis kan Ugaandaa, Peeruu, Beniiniifi Islooveniyaadha.

ICCn qoqqobii kaahame kanaaf ibsa baasuun deebii kenneen ''walabummaakoo xiqqeessuuf yaalii ifaa godhameedha'' jedhe.

Qoqqobbiin kaahame qabeenyaan isan US keessaa qaban akka ugguramu ajaja.

Qoqqobbii kana booda Ministii Muummee Beenjamiin Netaaniyahuu Ruubiyoo fi Pirezidant Doonaald Tiramapiin gidduusseentummaa isaaniif galateeffataniiru. ''Mirga Israa'eliif dhaabbattan'' jedhaniin.

Ruubiyoon ibsa isaanii keessatti gochaa haqaafi bu'uura hin qabneen'' Israa'eliifi US irratti xiyyeeffatan jedhan.

Ruubiyoon dabluun ICCn kan fiixee qabate dantaa siyaasaa kan qabuufi raga gaha amalee US fi miichootashee kan xiyyyeefate ta'uu ibsaniiru.

''Adeemsi hamaan kuniifi humnaa ol aangootti fayyadamuun kun walabummaa fi nageenya biyyaalessaa US fi michootashee, kan Israa'eliin dabalatuu irratti aggaamame'' jedhan.

ICCn gama isaan ibsa baaseen namoota uggurri irra kaahame cina aakka dhabatuufi hojiisaas danqaa malee akka itti fufu beeksise.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qoqqobbichi namoota arfan qofarratti kan xiyyeeffate osoo hin taane qaamota mana murtichaa deeggaran irratti xiyyeefatee jedheera. Miidhamtoota homaa hin beekne dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamus miidha jedheera.

ICCn mana murtii sadarkaa idila-addunyaati yakkoota akka duguuggaa sanyii, yakka namoomaafi yakka waraanaa ilaaluudha.

Bara darbe yakka waraanaa Gaazaatti raawwatame jehdeen walqabatee Benjamiin Netaaniyaahuufi Ministira Ittisaa isaanii duraanii Yu'aav Gaalaant irratti ajaja hidhaa baaseera.

Ajajaa waraana Hamaas kan ture fi booda kan ajjeefame Mohaammed Da'iif irrattis ajaja hidhaa baasee ture.

Guraandhala darbe Tiraamp ICC irratti qoqqobbii diinagdee kaahaniiru. Abbaa Alangaa olaana adhaabbatichaa Kariim Kahaan irrattis qoqqobbiin kaahameera. Himannaan Tiraamp ''humnaa ol aangootti dhimma bahuu'' kan jedhuudha.

Daanyoti lameen Bosaa fi Ibaneez lammiilee US Afgaanistaan keessatti yakka waraana araawwatan jedhanirratti qorannoon akka banamu ajajaniiru.

Dubartootni lamaan hafan Alapiinii Gaansuu fi Hohleer ammoo Netaaniyaahuu irratti ajajni hidhaa akka bahu murteessaniiru.