Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Siidaan Kumsaaa Morodaa 'bakka isa madaalu' akka dhaabbatuuf kaafame'
Bulchiinsa magaalaa Naqamtee marfata 1ffaa irra dhaabbatee kan ture siidaan mootii Kumsaa Morodaa Goda Hambaa Wallaggaa keessa akka dhaabamuuf bakka isaatii kaafamee Jira jedhe bulchiinsi magaalichaa.
Osoo hin eegamiin marfata bakka ture irraa kan dhabame siidaan Kumsaa Morodaa dubbii ijoo tahee ture.
Mootiin Kumsaa Morodaa magaalaa Naqamtee bu'uuressuun mootii Wallaggaa ta'uun kan bulchaa turaniifi akkasumas masaraa mootii ammayyaa magaalicha keessatti ijaarsisaniiru.
Waajjirri Komunikeeshinii magaala Naqamtee fuula Feesbuukii isaa irratti akka maxxansetti siidaan kun kan kaafameef ''bakka isa madaalu akka kaa'amuufi'' jedhe.
Waa'ee Mootii Kumsaa Morodaa yoo ibsu nama'' barnoota ammayyaa'aa bu'uuressanidha. Mootiin Kumsaa Morodaa nama ogummaafi ogeessota adda addaa jajjabeessan turani'' jedhe.
Dabalataan yeroo jalqabaatiif barnootni amantaa afaan Oromoo akka barsiifamu nama eeyyamanidha.
Kanuma bu'uura taasifachuun bulchiinsi magaalaa Naqamtee siidaan isaanii marfata tokkoffaarratti akka ijaaramuuf qorannoo Yuunivarsiitiin Wallaggaa gaggeesse bu'uura godhachuun Siidaan isaanii marfata 1ffaa irratti akka ijaaramu ta'e.
Yeroo ammaa immoo Siidaan kun sababa misooma kooridarii bakka siidichi dhaabbaterratti hojjetamuuf kaafamuu ibsame.
Yeroo ammaa hojii misoomaa koriiderii hojjetamaa jiruun wal-qabatee naannoo marfata siidaan mootii Kumsaa Morodaa irra jiru sanatti pilaazaawwan gurguddaa miidhagina magaalichaa daran dabalan ijaaramaa jiru.
Kanaaf daandiin akka hin dhiphanneef Siidaan Kun kabajaan gara mooraa godaambaa wallaggaa keessatti bakki qophaa'eefitti akka darbuuf kaafamuufi torban kana keessa bakka isaaf qophaa'etti kan dhaabbatu taha'' jechuun Itti Aanaan Kantiibaa magaalichaa Obbo Tamsageen Mirreessaa dubbachuu ibse.
''Siidichis bakka sanaa kaafamuun kan barbaachiseef siidaan Mootii Kumsaa Morodaa marfata irra ta'uun kan konkolaataan itti naanna'urra darbee namootni akka barbaadanitti suuraa itti ka'uufi seenasaanii dubbisuuf kan hin mijanne waan ta'eefi'' jedhan.
Siidichi godaambaa keessa ta'uun immoo namootni akka barbaadanitti daawwachuufi seenaa isaanii guutuu waliin akka argataniif yaadamee qaama misooma kooridarii keessatti dizaayinii mataa isaatiin kan karoorfamee hojjetamedha jedhan kantiibichi.
''Mootummaan misooma aadaafi babal'ina turizimiitiif xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiruun Masaraan Kumsaa Morodaas qarshii miliyoona 350 oliin haaressuuf karoorsee hojjechaa jira,'' jedhan.
Jiraattonni magaalichaa maal jedhan?
Magaala Naqamtee marfata tokkoffaa bakka jedhamuun beekamutti waggaa tokkoon dura dhaabbatee kan ture siidaan Mootii Kumsaa Morodaa Dilbata darbe bakkaa dhabamuu jiraattonni BBC'tti himan.
Jiraataan magaalichaa yaadasaa BBC'tti himan tokko, Wixata ganama yeroo karaa marfata kanaa darban siidaan mootichaa bakka turerraa kaafamee arguu himan.
"Ganamuma kanan arge ani. Siidaan sun bakka kanaa ka'eera. Eenyutu maaliif kaase kan jedhu waanin beeku hin qabu," jedhan jiraataan kun.
Siidaan mootichaa bakka tureerraa tasa kaafamee mul'achuun jiraattota akka raajee fi waan raawwatame irratti jiraattotaaf wanti ibsame akka hin turres dabaluun dubbatan.
"Akka jiraataa magaala kanaatti siidaan kun ka'uu fi kaasnee akkas goona kan jedhu waanti dhagahame omtuu hin jru. Ganamuma bakka turerraa dhabame. Tarii waan fooyyee qabu gochuudhaaf ta'a jedheeman yaada," jechuun abdii qaban dubbatan.
Ogeessi Waajjira Aadaa fi Turizimii Magaala Naqamtee irraa dubbisnes siidaan kun bakka marfata turerraa kaafamuu BBC'f mirkaneessaniiru.
Haata'u malee, sababa kaafameef irratti garuu akka waajjira isaaniitti odeeffannoo hin qabnu jedhan.
Dhimma siidaa erga dhaabbatee waggaa tokkoon booda bakka turerraa kaafame kanaa kan gaafanne Itti gaafatamtuun Waajjira Aadaa fi Turizimii godina Wallagga Bahaa Aadde Immabeet Namarraa "Hojiif baadiyyaa waanin jiruuf waa'ee ka'uu siidaa kanaa waanin beeku hin jiru" jechuun BBCtti dubbatan.
Jiraattonni BBC'n dubbise garuu addabaabayiiwwan magaalattii gurguddoo lamaan irraa marfata kaasuun gara ifaa tiraafikaatti jijjiiruuf yaadamee ta'uu hin hafu shakkii jedhu akka qaban dubbatan.
Qorataa Seenaa fi maanguddoo magaala Naqamtee kan ta'en Obbo Charinnat Waaqwayyaa gamasaaniin, siidaan Mootii Kumsaa Morodaa ka'uu isaa ofii akka hin arginee fi ammaan dura garuu magaalattii bakka adda addaatti siidaa Gootota birooyyuu dabalataan akka dhaabbatuuf mariin taasifamee turuu himu.
"Marfanni tokkoffaan siidaa Mootii Kumsaa Morodaa, marfanni lammaffaan kan Hayilee Fidaa, bakka Niiw Jenereeshin jedhamu ammoo siidaa Baaroo Tumsaa, iddoo tokkommoo kan Abdiisaa Aagaa jedhameeti amma dura kan mari'atame" jechuun karooraa fi waan beekan BBCtti himan.
"Eegasii akkaatuma jedhameen marfata tokkoffaa irratti siidaan Mootii Kumsaa Morodaa jalqaba bara 2017tti dhaabbate. Kan warra kaaniis eegasii hin dhaabbanne. Amma ka'e kan jedhamu kana ammoo ani ijakootiin hin argine. Garuu isaaf siidaa qofa osoo hin taane isaa oluu osoo jiraatee ni malaafiyyuudha" jedhan.
Waa'ee kaafamuu siidaa Mootii Kumsaa Morodaa kana bulchiinsa magaalichaa irraa odeeffannoo argachuuf yaaliin BBCn taasise hin milkoofne.
Siidaan amma kaafame kanatti baasii birrii miliyoona 23tti dhihaatuun akka ijaaramuuf jedhu bulchiinsi magaala Naqamtee ijaaramuun saan dura Muddee bara 2016 ibsee ture.
Mootii Kumsaa Morodaa eenyu?
Akka qorataa Seenaa Obbo Charinnat jedhanitti, magaala Naqamtee lafa isaaniirraa kennanii akka ijaaramtu kan godhanii fi moggaasa Naqamtee jedhu kana akka argattu kan godhan Mootii Kumsaa Morodaati.
"Lafa akaakayyuu isaarraa qalaada 18 kennee kan magaala Naqamtee ijaare isaaniidha. Akaakayyuun isaanii Bakaree Godaanaati. Magaalichattis masaraa waan ijaarrataniif bakka kana Naqamtee Gadaa ootaa jedhanii moggaasanii turan" jechuun seenaa beekan ibsan.
Magaalli Naqamtee kan hundoofte ALI bara 1829tti. Yeroo sana naannoo sana bulchaa kan turan ammoo akaakayyuu Kumsaa, Bakaree Godaanaati.
Naannoon Magaala Naqamtee ammaa kun yeroo sana ona onaan kan ture malee akka magaalaatti qindooftee fi Moggaasa Naqamtee jedhu kana kan argatte bara 1880tti Mootii Kumsaa Morodaatiin ta'uus himu.
Bakaree Godaanaa hanga bara 1860tti waggoota 30tti dhihaatuuf Leeqaa bulchan.
Mootii Kumsaa Morodaa ammoo aangoo maatii isaaniirraa dhaalan ilma isaanii Hambis Kumsaatti erga dabarsaniin booda Hambis Xaaliyaanotaan ajjeefamuus dubbatan.
Seenaa Itoophiyaa keessattis mootota kutaalee adda addaa bulchan keessaa aangoo hanga dhaloota ja'aatti walitti dabarsanii kan bulchan isaan qofa akka ta'es dubbatu Obbo Charinnat.
Mootii Kumsaa Morodaa maqaa Dajjaazmaach Gabra Igzaabiheer jedhamuunis beekamu.
Kumsaa Morodaa Abbaan isaanii Mootichi Morodaa Bakaree bara 1839 lubbuun isaanii darbuun isaatiin booda aangoo fudhatanii hanga bara 1923tti mootii Leeqaa Naqamtee ta'uudhaan bulchaa turan.
Masaraan isaan yeroos ijaarsifatanii fi balbala shan qabus Magaala Naqamtee keessatti kan argamuu fi godambaa ta'ee kan daawwatamudha.