USfi UKn industirii boba'aa Raashiyaarra qoqqobbii cimaa kaa'an

Bulchiinsi Baayidan industirii boba'aa Raashiyaarra qoqqobbii cimaa kaa'uu beeksise. Kunis galii Raashiyaan bobaa'aarraa argachuun waraana Yukireenitti gaggeessaa jirtuuf oolchitu danquufi jedhame.

Qoqqobbiin US kun dhaabbileefi namoota dhuunfaa Raashiyaa 200 olirratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, daldaaltonn, qondaalonni mootummaa, kampaaniwwan inshuraansifi kaanis keessatti argamu.

Raashiyaan akkuma Yukireen weerarteen biyyoonni lixaa qoqqobbii garaa garaa heddu Raashiyaarra kaa'anii turan.

Ergasii tarkaanfin USfi UK kun kan jalqabaa ta'a. UKn dhaabbilee boba'aa Raashiyaa kanneen akka Gasprom Neft fi Surgutneftegas irra qoqqobbii akka keessu beeksisfte.

"Kampaaniwwan boba'aa Raashiyaa irratti xiyyeeffachuun madda galii Raashiyaa gogsa," jedhan Mininstiirr Dhimma Alaa UK Deevid Laamii.

Dabalataanis, US eenyu boba'aa Raashiyaa karaa seeran akka bituu qabu daangessuuf sochii gochaa jirtu. Akkasumas dooniwwan Raashiyaa dhoksaadhan boba'aa biyyoota addunyaa garaa garaatti fe'an irrattis akka xiyyeeffattutu ibsame.

Pirezidaantiin US Joo Baayidan akka jedhanitti pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin haala rakkisaa keessa jira.

"Gatiin boba'aa [US keessatti] saantima sadi ykn afuriin dabaluu danda'a," jechuun qoqqobbiin bulchiinsisaanii kaa'e "guddina diidinagdee Raashiyaa irratti dhiibbaa cimaa qaba" jedhan.

Pirezidaantin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin qoqqobbii haaraa industirii boba'aa Raashiyaarra kaa'ameef US galateeffatan.

Raashiyaan Yukireen weeraruu booda qoqqobbiiwwan Raashiyaarra kaa'aman keessaa tokko hanga boba'aa Raashiyaan gabaaf dhiyeessiturra daangaa kaa'uudha.

Atlantic Council's Global Energy Centre tti ogeessa kan ta'e Olgaa Kaakovaa garuu qoqqobbiin sun baay'ee bu'aa akka hin buusne kaasa.

Ogeessi biraa Atilaantik Kaawunsilii irraa BBCn dubbise Daani'eel Firaayid ammoo UStti gatiin boba'aa amma tasgabbaa'aa waan ta'eef, gabaa boba'aa Raashiyaarratti qoqqobbii kaa'un miidhan gabaa addunyaarratti qabu guddaa akka hin taane kaasa.

Yukireenitti ambasaaddara duraanii US kan ta'an Joon Herbist tarkaangii Baayidan amma fudhatan "tarkaanfii murteessaa" jechuun ibsan. Haa ta'u garuu, hojiirra oolmaa qoqqobbii kanaa sirnaan ta'uu akka qabus kaasu.

Yaaddonsaanii Tiraamp gaafa aangotti dhufu maal gochuu danda'a kan jechuudha. Baayidan bara aangoosaanii xumuruuf yeroo gabaabdutu hafa. Tiraamp gaafa barcuma Waayit Haawus qabatu qoqqobbiin kun akka itti fufu ni taasisa moo tarkaanfii biraa fudhata kan jedhu gaaffidha.