Wixinee gibira miindaafi dhimma hojjettoota haftee nyaata hoteelaa funaannatu jedhamee

Paarlaamaa

Madda suuraa, EHPR

Manni Marii Bakka Bu'oota Uummataa Wixata darbe wixinee fooyya'iinsa gibira mindaa ilaalu dhihaachuun Koree dhaabbii Pilaanii Bajataa fi dhimmoota faayinaansiitiif dabarfameera.

Wixineen labsii gibira mindaa hojjettootaa irraa muramu ilaallatu kun ka'umsa mindaa gibirri irraa muramu kan birrii 600 ture gara birrii 2,000tti kan ol guddiseedha.

Kana malees, gulantaan jalqabaa gibira mindaa gadi'aanaa irraa muramu ammaan dura harka 10 irraa jalqabu gara harka 15tti ol guddateera.

Wixinee labsii gibira mindaa hojjettootaa ilaalu kanarrattii wixata darbe koree dhaabbiitiif yaada kan kenne Konfedereeshiniin Hojjettootaa Itoophiyaa wixineen kun rakkoo hojjettootaa kan furu miti jechuun qeeqe.

Dhimmi hojjettoota mindeeffamoon mindaadhaan qaala'iinsa jireenyaa dandamachuu dadhabuun feestaala qabatanii balbala Hoteelotaa irra hiriiruun nyaata deebi'e fudhatan jedhamee konfedereeshinichi koree dhaabbiif akka agarsiistuutti kaases ijoo dubbii ta'eera.

Dura taa'aan Konfedereeshinii Hojjettoota Itoophiyaa Obbo Kaasahun Foolloo dhimma wixinee Labsii Gibira Mindaa hojjettootaafi rakkoolee mindeeffamtoonni keessa jiranii irratti addatti BBC waliin turtii taasisaniiru.

Akka Obbo Kaasahun jedhanitti, ka'umsi mindaa hojjettootaaf kanfalamu durumarraa hanqina kan qabu ta'uu fi sirreefamni amma gibira galii Mindaa irratti taasifame ammoo rakkoo hojjetaan amma keessa jiru kana kan furu miti jedhu.

"Haala amma jiru Kanaan hojjetaan mootummaa mana kiraa kanfalee, nyaata ofdanda'ee ijoollee isaa guddisuuf mindaan isa gahuu hin danda'u. Qaala'iinsi jireenyaa guddaadha, galiin argatummoo xiqqaadha" jedhan.

"Karaa tokkoon qaala'insi jireenyaa jira jechaa, mindaa hin gahu jedhamu kanarraawuu ammoo gibirri muramuu hin qabu kan jedhu kaasne" jedhan.

Nama ofiifuu nyaatee buluuf hin qabnerraa gibirri akkamitti murama?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Kaasahuun, hojjettoonni mindaa xiqqaa argatan bakka ofiifuu nyaatee hin bulletti ishuma argaturraayyuu akkamitti gibira galii jedhamee murama jechuun gaafatu.

"Nama Ofiifuu nyaatee hin bulleerraa muramuu hin qabu. Yoo ta'uu baatelleen kan nyaatee buluu danda'u irraa muramuu qaba. Yookan ammoo warra galii kanfaluu osoo qabanii gibira hin kanfalle irraa muramuu qaba" jedhu.

Itoophiyaa keessatti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman kan gibira galii mootummaa kanfaluun irraa eegamu garuu kanfalaa hin jirre akka jiran ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahmad ammaan dura caqasanii ture.

"Ministirri muummee kan kaasanii ture namootni kuma 46 ta'an gibira hin kafalan jedhame kana kaffalchiisuu barbaachisa. Madda galii gibiraa bal'isuun warra akkanaa kanfalchiisudhaan ta'uu qaba" jedhaniiru.

"Warra akkasii kana kaffalchiisaa warra mindaa xiqqoo argatanii fi nyaatanii buluuf rakkatan kana tumsuun nidanda'ama kan jedhu yaada keenya paarlaamaaf dhiheessineerra" jedhan.

Hojjetaan sarara hiyyummaatii gadi jiru gibira mindaa kanfaluu hin qabu

Wixineen labsii tibbana dhihaate namni galii gibira mindaa kanfaluurraa bilisa ta'u kan ammaan dura ture birrii 600 irraa gara birrii 2000'tti kan guddiseedha.

Obbo Kaasahun garuu ka'umsi gibira mindaa kan eegaluu qabu nama mindaa birrii 8,324 argaturraa ta'uu qaba yaada jedhu qabu.

Kanaafis akka sababaatti kan eeran akka idil addunyaatti keessumaa biyyoota hiyyummaa keessa jiran keessatti namni guyyaatti galii doolaara 2.15 gadi argatu sarara hiyyummaatii gadi jira jedhamee ilaalama jedhu.

Doolaarri 2.15 kun ammoo ji'aan yoo herreegamu Doolaara 64.5 yoo ta'u, sharafa amma jiruun gara birrii 8,324ti.

"Istaandardii Idil addunyaatiin namni ji'atti birrii 8,324 gadi argatu sarara hiyyummaatii gadi akka jirutti amanama. Kanaaf nama sarara hiyyummaatii gadi jirurraa gibirri muramuu hin qabu kan jedhu kaasne. Kanaaf ka'umsi gibira mindaa birrii 8,324 ol akka ta'u yaada dhiheessine" jedhan Obbo Kaasahun.

Koreen dhaabbii dhimma pilaanii,Bajataa, fi dhimmoota Faayinaansii dhimma Gibira Mindaa hojjettootaa irraa muramuu kanarratti yaada gama mootummaatiin ka'ee fi Konfedereeshiniin hojjettootaa akka yaaddootti kaase kana waan dhagaheef labsii kanarratti fooyya'iinsa taasisa jennee abdannas jedhan.

Dhimma Hojjettoota mindaan gahuu diduun Hoteelota irraa nyaata deebi'e hiriiranii kadhatu jedhamee irrattis 'yaada kana akka agarsiistuutti kaasne malee dhimmi ijoon keenya ka'umsi Gibira mindaa birrii 2000 ta'uu hin qabu' kan jedhu akka ta'e himan.

"Dhimma Hojjettoota nyaata hoteelotaa kadhatanii kana maaliif miidiyaan akka addatti baasee hoo'ise hin beeku. Nuti xiyyeeffannaan keenya ka'umsi gibiraa haa fooyya'uudha. Dhimmi hojjettoota kanaa kan maddiin ka'u malee ijoon keenya isa miti" jedhan.

Wixinee labsii Gibira mindaa tibbana dhihaate kanaan walqabatee dhimmi biraan qeeqxonni kaasan mindaa gadi'aanaan amma akka fooyya'etti kaafamee fi birrii 2,000 gadi gibira hin kaffalu jedhame kun hojjetaan mindaa kanaa gadi nyaatu hagami? kan jedhu.

Obbo Kaasahuun gaaffii kana gaafannee yoo deebisan "Dhimma kana amma deebisuu hin barbaadu. Dura labsichi ragga'ee sanbooda yaada kiyya kenna" jechuun deebisan.

Konfedereeshinii hojjettoota Itoophiyaatti hojjettoota dhaabbilee misooma mootummaa fi dhuunfaa miliyoona tokko caalantu jalatti gurmaa'ee argama.