Pirezidaantiin Somaaliyaa gaggeessaa cimaa jedhamuun badhaafaman

Madda suuraa, Villa Somalia
Pirezidaantin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad badhaasa African Presidential Leadership Award jedhamu kora Fooramii Diinagdee Addunyaa Siwizarlaanditti gaggeeffamerratti badhaafaman.
Badhaasichi kan gaggeeffame Roobii, Amajjii 22 yoo ta'u, dhaabbata Africa House jedhamutu badhaasicha kenneef.
Waajjirri Pirezidaantii Somaaliyaa (Villa Somalia) akka gabaasetti, Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad badhaasicha kan argatan ijaarsa biyyaalessaa Somaaliyaa keessatti gumaata godhaniifi biyyattii guddisuuf cichoomina agarsiisaniini.
Bulchiinsa Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad jalatti Somaaliyaan milkaa'ina heddu argamsiisuu kan eeru ibsi waajjira pirezidaantichaa, kuni ammoo badhaasa kana akka argatan isaan taasiseera.
Sababa rakkoo nageenyaa biyyattii keessa jiruun, Somaaliyaan waggootaf meeshaa waraanaa akka alaa hin galchine qoqqobbii jala turte.
Caamsaa, 2022 filannoo gaggeeffame injifachuun aangoo pirezidaantummaa erga qabatanii booda tattaaffii taasisaniin biyyattiirraa qoqqobbiin meeshaa waraanaa ka'uun ni yaadatama.
Gama biraan ammoo Somaaliyaan miseensa Hawaasa Baha Afrikaa (EAC) kan taate bara bulchiinsa Hasan Sheek Mohaammadi.
Fooramii Diinagdee Addunyaa Siwiizarlaand, Daavositti gaggeeffamaa jirurratti kan hirmaatan Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad, guyyaa kaleessaa badhaasa African Presidential Leadership Award argatan.
Pirezidaant Hasan Sheek Mohaammad badhaasicha yeroo fudhatan: "Badhaasi kun cimina, kaka'uumsafi kutannoo uummata Somaaliyaaf kabaja naaf haa ta'u.
"Hamilee cimaa isaan qabantu ergama nuti biyya keenya ijaarufi guddina ardii keenya guddittii, Afrikaaf gumaachuf qabnuuf kaka'uumsa guddaa nuuf ta'e" jedhan.
Hasan Sheek Mohaammad, akkuma aangotti dhufaniin al-Shaabab irratti duula bananiin bakkeewwan duraan garichi waggootaf to'atee ture heddu keessaa baasuu danda'anii ture.
Gama dippilomaasiin Somaaliyaan akka milkooftus taasisaniiru jedhama.
Keessumaa Itoophiyaafi Somaalilaand waliigaltee ulaa galaanaa walii mallatteessuu isaanii hordofee, Hasan Sheek Mohaammad duula dippilomaasii cimaa Itoophiyaarratti gaggeessuu danda'aniiru.
Kanumarraa ka'uun, giddu seentummaa Turkiitin Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama isaan gidduutti dhalate karaa nagaan furachuuf Waliigaltee Ankaaraa waliif mallatteessan.












