Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Moodeliingiitii hanga Giifti-duree Waayit Haawusitti: Meelaaniyaa Tiraamp eenyu?
''Bilbilako siif hin kennu. Ati kan kee naaf kenni. Siifan bilbila'' jetteenii adda bahan.
Guyyaa milkiin ishee tokko jedhee qajeeleefii, guyyaa biqilli biqile ykn milkiin toleef tahuu isaati.
Modelii beekamtuudha. Faashiniitti ija banatte. Ammoo abjuu ijoollummaashee tahe. Isumatuu Waayit Haawusiin ishee gahee Giifti-duree ishee taasise. Meelaaniyaa Tiraamp haadha warraa Doonaald Tiraamp.
Islooveeniyaa hanga Waayit Haawus akka geessu kan godhe abjuu ijoollummaa isheetti qabduu fi abjuu ishee hordofuun murtoo daftee fudhattedha.
Bara 1998 Doonaald Tiraamp tujaara taheera. Surraa nama harkisu qaba. Isa irratti ammoo dubbatee amansiisuun hojii isaati. Waliigaltee daldalaa hedduu taasisaa waan tureef.
Bara 1998 halkan tokko magaalaa Niw Yoorkitti garuu akka yaade hin milkoofne. Garuu muuxannoon isaa isa fayyaduu hin oolle. Callisee biraa hin deemne.
Agarsiisa faashinii guddaatu gaggeeffamaa ture. Achi irratti ammoo modeloonni addunyaa kanaa filamanii jiru warri jedhaman argamaniiru.
Namoonni bebbekamoo fi qabeenya qaban hedduunis achi turan. Isaan keessaa meelaaniyaa Naavis ishee tokko turte.
Tiraamp yeroo sana haadha warraa isaa duraanii waliin wal hiikuun modela biraa tokko waliin akka ture himama.
Garuu guyyaa sana dubartii dheertuu hedduu midhagduu tokkotu ija isaa keessa buute. Meelaaniyaa.
Itti siiqee lakkoofsa bilbilaakee naaf kenni jedhee gaafate.
''Lakki hin kennu. Ati kan kee naaf kenni ani siifan bilbila'' jetteenii didde. Innis tole jedhee lakkoofsa bilbilaa isaa, kan hojii, kan biiroo osoo hin hanbisiin kenneefii biraa deeme.
Guyyaa muraasa booda bilbilteefii nagaa gaafatte. Aluma takkaan waliigalan.
Isheen yeroo sana umuriin ishee waggaa 28 ture. Jaalala keessa akka galaniin bara 2005 ammoo ishee fuudhe. Ilma isaanii Baaron waggaa isaatti argatan.
Waggaa kudhan booda Giifti Duree Ameerikaa taate. Garuu meelaaniyaa Tiraamp eenyu?
Islooveeniyaatii hanga Waayit Haawus
Aadde Meelaaniyaan magaalaa xiqqoo Seevniikaa jedhamtu Islooveeniyaa keessatti argamtu keessatti dhalattee guddatte.
Bakki dhaloota ishee magaalaa guddoo biyyattii Luubjaanaa irraa konkolaataan deemsa sa'a tokkooti.
Abbaan ishee waajjira kantiibaa keessa hojjetaa turee booda gurgurtaa konkolaataan nama beekamaa tahe.
Haati ishee ammoo Amalijaa jedhamtu faashinii adda addaaf saxaxaa ykn diizaayinii hojjetti.
Abjuun Meelaaniyaas hojii harmee ishee kana irraa madde. Ijoollummaan faashinii fi hojii diizaayinii kana keessa galte.
Meelaaniyaan digirii ishee diizaayinii fi arkitekcherii baratte jedhama. Garuu odeeffannoon ergasii bahe yuunvarsiitii jalqabdee addaan kuttee baate kan jedhudha.
Umuriin ishee waggaa 18 yeroo guutu kaampaanii Modeliingii Xaaliyaanii magaalaa Miilan keessa jiru tokko waliin waliigaltee mallatteesite.
Erga yeroo sanaa biyyoota Awurooppaa adda addaa fi gara Ameerikaattis imaluun agarsiisa faashinii gurguddaa fi hojii modeliingii kana irratti hirmaachaa turte.
Beekkamtiin ishee saffisaan dabalaa dhufe.
Meelaaniyaan sagantaalee agarsiisa faashinii fi modeliingii adda addaa irratti haa argamtu malee amala addaa tokkoon beekamti.
Dhugaatii alkoolii tasumaa hin dhugdu. Shuubbisa halkanii ykn 'night Club' deemuu hin jaallattu. Kun nama akka isheetti ishee baasuuf deema.
Bara 1998 torbee Faashinii magaalaa Niw Yoorkitti qophaa'e irratti filamuun argamte.
Yeroo sanayyuu biizinasii faayaa mataa ishee qabdi ture. Diizayinii addaa kan mataa isheen hojjechaa turte. Baay'ee beekamaafii dhufeera jedha gabaasni bahe.
Bara 1998 yeroo iraamp agarsiisa Faashini Niw Yoorki irratti shee argu itti siiqee jaalaaf ishee gafate.
Jalqaba lakkoofsa bilbilaa ishee gaafannaan ''lakki siif hin kennu. Ati kan kee naaf kenni, ani siifan bilbila'' jettee deebisteef.
Innis lakkoofsa isaa kenneefii adda bahan. Osoo hin turiin bilbileefii waliigaluun jaalala jalqaban.
Garuu Giifti Duree tahuuf akka deemtu waan barte miti. Gara Awurooppaatti deddeebi'uun viizaa ishee haareffatee deddeebi'aa turte. Hanga lammummaa Ameerikaa argattutti.
Bara 2005 lameenuu wal fuudhuun ilma isaanii amma dargaggeessa tahe Baaron argatan. Waggaa 10 booda ammoo Tiraamp pirezidaantummaaf dorgomuun bara 2016 mo'achuun Waayit Haawus gale.
Yeroo sana Giifti Duree taatee isa waliin galte. Doonaald Tiraamp har'a imaammanni isaa baqattootaa fi godaantota irratti garaa jabaate ofii isaa Islooveeniyaa irraa fuudhuun lammummaa biyyichaa argattee jaalalaan waliin jiraatu.
Meelaaniyaan abjuu ijoollummaa ishee hordofuun faashinii fi modeliingii kana keessa galuutu carraa Tiraamp waliin wal arguufi hanga Giifti Duree tahuutti ishee dhaqabsiise.
Imaammata godaansaa Tiraampii fi Meelaaniyaa
Doonaald Tiraamp marsaa jalqabaa yeroo filames imaammata isaa keessatti inni ijoon godaansa gara Ameerikaatti taasifamu dhaabsisuu ture.
Waa'ee haadha warraa isaa garuu kaasee hin beeku. Tibbana irra deddeebiin Illaan Omaar yeroo qeequ obboleessa isheetti heerumtee gara Ameerikaa dhufte jedheen.
Tiraamp ofii Islooveeniyaatii fuudhuun lammummaa Ameerikaa akka argattu taasifame.
Meelaaniyaan waa'ee imaammata Tiraamp kana gaafatamtee beekti. Kitaaba dhiyeenya barreesite keessaytti waanan danda'u hundaa kitaabicha keessatti ibseera jechuun deebiste.
''Takkaayyuu waraqaalee barbaachisoo malee biyya kana tura kan jedhu sammuukootti dhufee hin beeku.
Seeraa fi sirnoota biyyichaa hordofta. Ji'oota muraasa keessatti gara Awurooppaatti imaluun viizaa haaressee deebuun dirqama ture'' jechuun akkamiin ofii ishee akka US keessa turte dubbatte.
Meelaaniyaan namni kamuu karaa seera qabeessaa deemuu akka qabu ibsuun.
Waxabajji 2020, biyya dhaloota ishee Islooveeniyaatti siidaan Giifti Duree ijaarameefii ture abiddaan gubate. Poolisiin qorataa tureera.
Tiraamp marsaa lammaffaaf pirezidaantii 47ffaa Ameerikaa tahuun yeroo filamee jiru kanatti Meelaaniyaan isa durii ishee caalaa waliin argamaa jirti.
Garuu isheen nama siyaasaa miti. ''Siyaasaa fi dhimmi imaammataa hojii abbaa warraakoti,'' jettee bara 2016 dubbattee ture.
Ambaasaadara gaarii namaaf ooluu: 'Be Best'
Meelaaniyaan hojii idilee isheen cinatti ambaasadara tola ooltummaa jedhamuunis beekamti.
Sagantaa 'BE BEST' jedhamu qabdi. Meelaaniyaan ijoolleef sagalee tahuu fi ijoollee rakkina keessa jiran gargaaruun beekamti.
Dubartootaa fi ijoollee irratti hojjechuu kan jalqabde ammoo erga Tiraampitti heerumtee qofa osoo hin taan eisa duras hjii ishee keessaa tokko ture.
Bara 1996 gara Ameerikaatti deddeebi'uu jalqabdee erga Tiraampitti heerumtee ammoo lammummaa kan argatte Meelaaniyaan bara 2005 US keessatti kaampaanii Maartaa Giraam Daansi jedhamuuf dura teessuu kabajaa tahuun tajaajilaa turte.
Kun miindaan kaffalameefii osoo hin taane sochii hawwaasa ishee keessa jiru deeggaruufi.
Baruma sana Waldaa Qaxxaamura Diimaa Ameerikaan Ambaasadara Tola Ooltummaa badhaafamte. Waggaa afur tahuuf dhaabbata kana keessa tajaajilteetti.
Akkasumas dhaabbata misooma dargaggootaaa 'Boys' Club of New York' jedhamuuf hoggantuu tahuun waggaa shan tajaajilteetti. Kanaaf bara bara 2006 Liigii Atileetiksii Poolisiin Dubartii Jabduu bara kanaa jedhamuun filamteetti.
Waldaa Dhibee Onnee Ameerikaaf bara 2010 doolara miliyoona 1.7 walitti qabuun akka qorannoof oolchan gargaarteetti.
Meelaaniyaan waan hunda caalaa kan beekamtu garraamummaa fi jaalala namatti agarsiisuuni jedhama.
Addunyaa irra naanna'uun ijoollee rakkoo adda addaa qaban gargaaruu fi dubbisaa turte.
Manneen barnootaa, hospitaalotaa fi bakkee kunuunsa daa'immanii deemuun waan dandeesseen tajaajila kennaa turte. Galiis walitti qabaa turte.
Yeroo waraana Raashiyaa fi Yuukireen ijoolleen Yuukireen maatii irraa adda bahuun loltoota Raashiyaan fudhataman hedduu akka deebi'aniif shoora olaanaa bahatteetti.
Kanuma irraa ka'uun egeree dhaloota dhufuuf waan gaarii akka tahu hojjechuu qabna jechuun sagantaa ishee 'BE BEST' jedhu jalqabde.
Sagantaan kun waan sadii irratti xiyyeeffata. Fayyaa ijoollee; Fayyaa hawwaasummaa fi xiin-sammuu ijoollee, nageenya oonlaayinii; akkamiin maatiin ijoollee isaanii miidhaa oonlaayinii ykn interneetii irraa eeguu akka qaban barsiisuu fi miidhaa qorichi sammuu hadoochu dhaqbasiisu irratti hubannoo uumudha.
Kun qaama duula abbaa warraa ishee akka tahe ni beekama.
Ittisa dhibee adda addaa, yaala kaanseriif deeggarsa walitti qabuu fi kaan irrattis bal'inaan hirmaatti. Garuu miidiyaatti bahun dubartii baay'ee dubbattu miti.