Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Turkiin gaazexeessitoota waa'ee Nabiyyuu Mohammad qoosan jette hiite
Turkiitti hojjettoota gaazexaa qabiyyeewwan waa akkeessuurratti xiyyeeffatan dabarsan keessaa afur hidhamaniiru.
Gaazexeessitoonni kunneen ergamaa Rabbii amantii Islaamaa keessatti kabajaa fi jaalala guddaa qaban Nabiyyuu Mohammad irratti qoosuun maxxansan.
Ministirri dhimma biyya keessaa Turkii Alii Yerlikaya suuraa (cartoon) barruun LeMan jedhamu maxxanseen ''qaanessaadha'' jedhe.
Sababa kanatti gulaalaa olaanaan, ogeessi giraafiksii, daarektari jaarmiyichaa fi ogeessi kaartuunii hidhamaniiru jedhan qondaalli kun.
Gaazexaan LeMan barreeffama X irratti maxxanseen kaartuuniin hojjetame kan Nabiyyuu Mohammad miti jechuun waakkate.
''Hojiin aartii kun kallattii kamiinuu Nabiyyuu Muhammad bakka bu'uu hin danda'u,'' jedhe gaazexaan kun.
Wiixata darbe wayita maxxansa gaazexaakanaarratti magaalaa Istaanbulitti namoonni hiriira ba'an poolisoonni hedduun bobbaafamanii turan.
Namoonni hedduun waajjiraalee gaazexaa LeMan fuulduratti ba'uun dhaadannoowwan ''kan nu miidhe ni miina, dhiiga dhiigaan, haaloo ni baana, haaloo ni baafanna,'' jedhu dhageessisaa turan.
Gabaasaan miidiyaa AFP wayita poolisoonni gaazii nama imimmaanessuu fi rasaasa pilaastikaan hiriirtota bittimsan arguu gabaase.
Ministeerri haqaa Turkii dhimma kanarratti karaa waajjira abbaa alangaatiin qorannoon eegaluu ibse.
''Hawaasa duratti duudhaa amantii gadi buusuu fi arrabsoo,'' yakka jedhuun qorannoon eegalameera jedhe.
''Suuraas ta'e fakkii gosa kamuu ergamaa keenyatti fakkeessanii kaasuun duudhaa amantii keenya tuffachuu qofa osoo hin taane nageenya hawaasa keenyaas ni jeeqa,'' jechuun X irratti barreessan Yilmaz Tunc.
Gaazexeessitoota LeMan irratti ''osoo hin barfatin tarkaanfiin seeraa barbaachisu ni fudhatama,'' jedhan dabaluun.
Ministirri dhimma biyya keessaa Alii Yerlikaya ammoo viidiyoo wayita hojjettoonni gaazexaa kanaa afur ''suuraa nama jibbisiisu kaasan'' mul'isu qoodan.
Miseensota hooggantoota olaanoo gaazexaa kanaarrattis ajaji hidhaa ba'eera.
Suuraan kaartuunii lama kan koochoo ykn goflaan itti godhamuun kaafaman, osoo samii keessa balali'anii mul'isu miidiyaa hawaasummaarratti qoodameera.
Suuraa isa tokkorratti barreeffama ''Nageenyi sirra haa jiraatu, an Mohammad,'' jedhutu jira.
Suuraan inni kaan ammoo barreeffama ''Nageenyi sirra haa jiraatu, an Muusaadha,'' jedhutu jira.
Gaazexaan LeMan ''dubbistoota yaada gaarii qabanii fi maxxansa kanaan miidhaman,'' jedhe dhiifama gaafateera.
Garuu hojiinsaa sirrii akka ta'e falmate. Kaartuuniin agarsiifame suuraa Nabiyyuu Mohammad akka hin taanes ibse.
''Ogeessi kaartuunii Muslimoota miidhaman, kanneen humnoota Israa'eliin ajjeefamaa jiran agarsiisuu fi sagalee ta'uuf yaadeeti. Gonkumaa amantii arrabsuu kan kaayyeffate miti,'' jechuun X irratti barreesse.
Hoogganaa olaanaan LeMan Tuncay Akgun, kan yeroo ammaa Paaris jiru, hojiin kun akka hin taanetti hubatame, ammoo gaazexaan kun ''badii akkasii kan hojjetu miti,'' jechuun AFPtti hime.