Baaletti daa'imni ilkaan waliin dhalate: Sababiin maali, maal taasifamuu qaba?

Daa'ima reefuu dhalate

Madda suuraa, Getty Image

Tibbana hospitaala Godina Baalee keessatti argamu keessa daa'imni ilkaan biqilche dhalachuun namoota hedduuf taatee haaraa ture.

Dhimmicharratti BBC'f yaada kan kennan Ispeeshaalistiin daa'immanii Dr. Taaddalaa Tashoomaa, "daa'imichi ilkaan lama waliin dhalate. Wanti kun darbee darbee ni uumama. Ilkaan uumamaa (Natal teeth) jedhama" jedhan.

Ilkaan lamaan daa'ima kanaa ilkaan daa'imman jalqabarratti biqilchan yemmuu ta'an, irga jalaa irratti biqiluus himan.

Carraan daa'imman bifa kanaan ilkaan biqilchanii dhalachuu baay'inaan kan hin mul'annefi daa'imman 2000 hanga 3000 keessaa tokkorratti kan uumamu akka ta'es ogeessichi himaniiru.

Itoophiyaa keessa kutaaleen hawaasaa dhimma kana akka abaarsaatti ilaalan jiraachuu kan himan ogeessichi, dhimmichi wanta hin baratamne ta'us waan akka badaatti ilaalamuu qabu akka hin taane dubbatan.

"Amaarsaadhaan garaagarummaa qaba"

Daa'ima ilkaan waliin dhalate

Ilkaan daa'imni Baaleetti dhalatee biqilche Amaarsaa jedhamuun kan beekamu akka hin taane Dr. Taaddalaan himu.

Ilkaan Amaarsaa jedhamuun beekamu daa'imman dhalatanii guyyaa 30 keessatti iddoon ilkaanii dhiita'ee sanaa booda ilkaan kan biqilu ta'uu dubbatan.

"Akka aadaa keenyaatti amaarsaan ni buqqifama. Garuu yeroo baay'ee inni rakkina hin uumu, yeroo dheeraafis ni tura. Xiqqoo garuu dhukkubbiin itti dhagahamaadha" jedhan.

Haaluma kanaan ilkaan daa'imni tibbanaa amaarsaadhaan gargar ta'uufi miidhaa kan hin qabne akka ta'es himaniiru.

Sababoota daa'imman ilkaan waliin akka dhalatan taasisan

Dr Taaddala
Ibsa waa'ee suuraa, Sababa daa'imti ilkaan biqilchitee dhalattuuf sababni adda bahe hin jiru jedhu Dr Taaddalan

Daa'imman ilkaan biqilchanii akka dhalataniif sababni kana jechuun rakkisaa ta'uu kan himan Dr. Taaddalaan, garuummoo dhimmoonni daa'imman ilkaan waliin akka dhalatan taasisan jiraachuu himu.

"Faalamni naannoo, haadharratti infeekshiniiwwan tokko tokko argamuun, yookiin immoo haati hanqina soorataa qabaachuun, akkasumas akka malee ol ka'uun hormonii sababa ta'uu danda'u" jedhan.

Dhimmoonni olitti eeraman daa'imman ilkaan waliin akka dhalataniif sababa ta'uu danda'anis irra caalaan garuu qaccee sanyii (genetics) wajjin kan walqabatu akka ta'e himan.

Of eeggannoo godhamuu qabu

Daa'imman ilkaan waliin dhalachuun rakkoo qabaachuu baatus dhimmoonni of eeggannoon irratti taasifamuu qaban akka jiran ogeessi kun ni himu.

Isaan keessaa inni tokkommoo wayita daa'imni harma haadhaa hootuutti ciniinuu dandeessi kan jedhudha.

Kana malees "ilkaan kun arraba daa'imichaa yookiin irga gara olii madeessuu danda'a" jedhan.

Dabalataan ilkaan kun tasa buqqa'uu danda'a waan ta'eef daa'imni ilkaan tasa buqqa'e kana akka hin liqimsineef maatiin hordoffii taasisuu akka qabanis Dr. Taaddalaan himaniiru.