Namichi bofa 100 ol kiisa keessa dhoksee dabarsaa ture qabame

Madda suuraa, Customs China
Namichi bofa 100 caalan surree/kofoo isaa keessa dhoksee gara giddugala Chaayinaa seenaa ture qabamuu qondaaltonni gumuruuka biyyattii ibsan.
Imalaan ammaaf maqaansaa hin eeramne kun magaalaa Hong-kong irraa gara magaalaa Shenzen osoo imalaa jiruu qabame.
Seensa yookiin ulaa waan qabatanii jiran homaa ibsuun hin barbaachisne (nothing to declare) jedhamutti to'attoota gumruukaan qabame jedhan qondaaltonni.
Ibsi Gumruuka Chaayinaa namichi kun wayita sakatta'amu bofa lakkoofsaan 104 ta'u korojoowwan xixiqqoo ja'a ta'an keessatti saamsee surree isaa keessaa qabaachuutu barame.
''Korojoowwan hundinuu bofa lubbuu qaban (fayyaa) gosa garaagaraa, halluu adda addaa fi guddinni qaamasaanii sadarkaa garaagaraa qabu of keessaa qabu,'' jedha ibsi kun.
Viidiyoo Gumruuki Chaayinaa maxxanse keessatti hojjettoonni lama korojoo pilaastikaa bofa halluu diimaa, diim-adii fi adii qaban hedduu wayita muran mul'atu.
Pilaastika kana keessaan bofti hedduun ni mul'ata.

Madda suuraa, China Customs
Bofti kunneen qaamaan xixiqqoo fakkaatu, garuu reppitaayiloota walkeessaa yaa'uun sochii taasisan akkanaa kiisii keessatti baatanii deemuun cimaadha.
Chaayinaan eegumsa bineensotaa fi to'annoo dhibee irratti seera cimaa qabdi.
Seerri kun sanyiin bineensotaa Chaayinaa keessa hin jirre kamiyyuu eeyyama malee gara biyyattii seenuu akka hin qabne dhorka.
''Kan seera kana cabsee seeraan ala sanyii bineensotaa alarraa gara Chaayinaa galche ni adabama,'' jedhe gumruuki biyyattii, adabbiin kun maal akka ta'e garuu sirriitti adda baasee hin ibsine.
Taateen kun Chaayinaa keessatti wayita mudatu yeroo jalqabaaf miti.
Bara 2023 dubartiin tokko bakkuma kanatti bofa shan waliin qabamte. Isheen ammoo qabduu harmaa keessa keessee darbuuf turte.
Chaayinaan addunyaarratti iddoo bineensonni gosa garaagaraa seeraan ala seensifaman ta'uun beekamti.
Dhiheenya kana aanga'oonni biyyattii daldala kana hambisuuf xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuu himan.












