Bataskaanni Kaatolikii saala geeddaruufi gadameessa kireessuu mormutti akka cichitu ibsite

Phaaphaasii Kaatolikii Firaansiis

Madda suuraa, EPA

Bataskaanni Kaatolikii Vaatikaan saala geeddaruu, gadameessa kireessuu, ulfa baasuu, namoota dhukkuba cimaa qaban eeyyama isaaniin ajjeesuu mormuurratti ejjennoo cimaa qabdutti akka cichitu beeksifte.

Ejjennoon kunis labsii barreefamaa Dignitas Infinita jedhamu irratti bahe.

Rakkoowwan kanneen akka hiyyummaa, godaansaafi daddabarsi namootaa kabaja dhala namaaf dhimmoota yaaddoo tahan jedhamuun ibsamaniiru.

Barreeffama kanas Phaaphaas Firaansisii irratti mallatteessaniiru.

Phaaphaasiin kuni hordoftoota aadaa bataskaanittii duraaniitti cichaaniin ejjennoo laafaa qabaachuutti komatamu.

Kanneen gaaffilee uummataa gargaraa irratti bilisummaan akka kennamu falman ammoo phaaphaasichi bataskaanni haala qabatamaa taheen akka gaaffilee kunneen irratti deebiii kennituuf waan gahaa hin raawwanne jedhuun.

Bara 2023tti Phaaphaasiin Firaansis namoonni saala isaanii geeddaratan, kana gochuun qaanii hanga hin fidneefi burjaajii hin uumnetti bataskaana isaaniitti cuuphamuu danda'u jedhanii turan.

Kana malees lubooti haala addaa keessatti gaa'ela jaalattoota saala wal-fakkaataa akka eebbisan eeyyamaniiru. Tahus Vaatikaan ammallee gaa'elli dhiiraafi dubara gidduutti akka tahu akka amantu himteetti.

Bara darbe hogganaa waajira qajeelfamaa(doctrine) Vaatikaan nama gaggeessan Kaardinaal Viiktar Maanu'el Fernaandeez ''gaaffii haaraa'' bara kana addunyaan kaastu wal-xaxaa akka tahe hubachiisuun, haala kanaan akka ilaalanis itti himan.

Kaardinaal Farnaandeez kitaaba dhuma bara 1990 keessa barreessaniin waa'ee dhimmoota saala dhala namaa wajjin wal-qabatan ibsaniiru kanaanis akkaan qeeqamu.

Dhimmoota gaa'ela jaalattoota saala wal-fakkaataa, gahee dubartoonni bataskaan Kaatolikii keessatti qaban irratti ejjennoo bilisummaa kennuun dabalataan hojiirra oolmaa jijjiiramaafis kan eeyyamu qabu fakkaatu.

Dhimmoota kaan phaaphaasichi ejjennoo hin sochoone akka qabaniifi shakkiin akka hin jiraannetti ibsaniru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaan dura gadameessa kireessuu ''waan jibbisiisaa,'' jechuun yoo ibsan, yaada saalli nama tokkoo baayolojii qabuun qofa murtaa'uu hin qabu jedhu haaluma wal-fakkaataan ibsaniiru.

Barreefamni Dignitas Infinita maqaa jedhuun labsame kunis ulfa baasuu, ''balaa hamaa naamuusa irratti tahe,'' yoo jedhu gadameessa kireessuun ammoo ''sarbama'' haadhaafi daa'ima irratti taasifamu dha jedheera.

Saalli namaa yeroo dhalatu mul'ate kennaa dha sana geeddaruuf yaalii taasifamu ''ofiin akka Waaqaatti of ilaaluun'' of qoruu dha jedha.

Namoota hiyyeessaa, godaantotaa fi dubartoota bu'aafn ofiif itti fayyadamuun kabaja dhala namaa wajjin walitti bu'aa jedhaniiru.

Phaaphaasichi oduun isaan ejjennoo ''tarkaanfataa moo kan amantee duraatti cichu qabu, '' jedhu enyummaa isaanii salphisanii ilaaluu akka tahetti fudhatu.

Namni ganna 87 bara 2013tti ture kan phaaphaasii tahan kitaaba seenaa isaanii himu baatii darbe maxxanfame irrattis yaada sooruma bahuu akka hin qabneefi hamma dhumaatti akka tajaajilan himaniiru.