Dubartoota lubummaa Waldaa Kaatolikii argachuuf falmaa jiran

Madda suuraa, ANNE TROPEANO
Aanii Tiropeenoo “guyyaa muuda lubummaa” isheef yeroo qophooftutti namoota nageenya ishee eegan qacaraa turte.
Waldaa Kaatolikii Albakarkii, Niiw Meekiskoo bakka isheen jirtu keessatti lubbummaan ishee fudhatama dhabee, rakkoon uumamuu danda’a yaaddoo jedhu qabdi.
“Dhimma cimaadha, nama hundumaa miti yaada dubartiin lubummaatti waamamuu dandeessi jedhu kan fudhatu,” jetti.
Qoccollaa fuulaa fulatti isheerra ga’u qofa osoo hin taane kan karaa intarneetaan irra ga’us guddaa akka ta’e ni himti.
Aaniin dubartoota 250 ol addunyaa guuturra jiran kan sochii mormiin muudama lubummaa Waldaa Kaatolikii Roomaa gaggeessan keessaa tokkodha.
Waldaan Kaatolikii dubartiin akka luba taatuuf hin eeyyamtu. Darbeeyyuu Vaatikaaniin akka seera isaanitti yakka cimaa addabbii waldaa keessaa hari'uu jedhamuun adabsiisudha.
Kana jechuun dubartoonni ‘muudama lubummaa’ irratti hirmaatan sirnoota amantaa akka hirmaannaa ykn awwaalcha waldaa irratti hirmaachuu irraa dhorkamu jechuudha.
Aaniin akka dubartiitti carraa isheen waldaa keessatti tajaajiluuf qabdu - tarii akka 'monoksee' ta’uudha. Yookiin ammo waldaa kaatolikii dhiistee, amantaa kiristaanummaa biraa bakka lubummaan itti eeyyamamuf seenuudha.
Amantaa Judaayisimii Haareffamaa ti hanga Pirootestaantiitti, amantaaleen biroo lubummaa dubartii ni simatu.
Waldaan Kaatolikii garuu lubummaa dubartii kan dhorkitu, sababa Iyyasuus Kiristoos duuka buutota dhiiraa 12 filate jedhu dhiyeessunidha.
Aaniin dhiibbaan seerri kun uumuu bal’aa akka ta’e amanti.
“Akka barsiisaa waldaatti gocha dubartoota lubbummaa irraa dhorkuutiin, dubartoonni gadi aanoo akka ta’an barsiisaa jira. Dubartoonni kana baru, daa’iimman kana baru, dhiiroti kan baru…
''Kanaaf addunyaatti ba’anii ilaalcha kanaan jiraatu.”

Madda suuraa, OLGA LUCÍA ÁLVAREZ
Qophii dooniirraa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sochiin lubummaa dubartoota beekkamtii argachaa kan dhufe bara 2002 keessadha. Gartuun dubartoota torba waldoota naanicha jiran waliin waldhabdee hambisuuf bishaan idil-addunyaa filachuuf Laga Danubee irratti qophii muudama lubummaa ‘dhorkamaa’ ta’e gaggeessaniiru.
Ta’us bara 1970’n keessa muudamni luba dubartii dhorksaan kan akka Ludmilaa Javarovaa, Chekoslaaviyaa keessatti hoggansa luba Waldaa Kaatoolikiin gaggeeffameera.
Amma sochiin lubummaa dubartootaa dursummaan gartuulee Awurooppaa fi US keessa jira, ta’us garuu bakka bu’ummaa isaa kutaalee addunyaa birootti babal’atee jira.
Lammiin Kolombiyaa Olgaa Lusiyaa Alvaareez Benjuumiyaa Laatin Ameerikaa keesatti dubartii ‘luba’ taatedha.
Qophiin muudama ishee bara 2010’tti osooma dhorkamee jiru gaggeeffame, ta’us namoota aangoo olaanaa waldaa Kaatolikii naannoo ishee keessa jiran biraa deeggarsa akka argatte himteetti.
“Hawaasa baayyee sirna finxaalessu keessa waanan jiruuf, tasa namootni utuun waltajjirra jiruu na arrabsuu ykn natti darbachuu eegalu jedhee baayyee sodaadheen ture.”
“Kanaaf deeggarsan namoota irraa argadhe na ajaa’ibsiiseera, kunimoo ergamakoo cimseeras jajjabeesseera,” jetti Olgaan.
Amma Waldaa Luboota Waldaa Roomaan Kaatoolikii (ARCWP) keessatti luba olaantu (Bishop) taatee tajaajilti, waldaan kun Vaatikaan biratti fudhatama hin qabu.
Olgaan macaafa qulqulluu keessa luqqisiin dubartoota lubummaa irraa dhorku hin jiru jetti. “Kun seera namaa, seera waldaa akkasumas seera haqa hin qabne kan eegamuu hin qabnedha.”

Madda suuraa, OMEN'S ORDINATION CONFERENCE
'Balbala cufamaa'
Waldaan Kaatolikii muudama lubaa kana akka seera cabsuu qofaatti osoo hin taane akka waan fudhatama hin qabneetti ilaala.
Pop Firaansis ofii isaaniis dubartoota luba ta’uu irraa dhorkaniiru.
Bara 2016’tti yeroo seerri kun carraa jijjiiramuu qaba jedhamee gaafatametti, dookmantii bara 1994 kan Joon Pool II amma har’aatti eegamaadha jedhu eeruun, dhimma muudama dubartoota irratti ‘balballi cufamaadha’ jedhaniiru.
Rakkoofi qeeqaa fi himannaa haleellaa saalaa amantaa lubootarra jiru yeroo balleessanitti, kun Waldichaaf carraa gaarii ture jetti Bishoop Olgaan.
Pop Firaansis miidhamtoota miidhaa saalaa lubootaan taasifamee dhiifama gaafachuun, waldaan “yakka hamaa” kana dhoksuu keessatti “hirmannaa” qabaateef balaaleffataniiru.
Olgaan ergama dubartootaa akka deebiitti ilaalti. Amma umurii ganna 80’tti, shamarran luba ta’uuf abdii qabaniif gorsa kennuun yeroo ishee dabarsiti.












