Imala Dr Feeneet: Horroo hanga yunivarsitiiwwan Afriikaa fi Awurooppaatti

Dr. Feeneet Balaay Dhaabaa jedhamti. Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallagga, magaalaa Shaambuutti dhalattee guddatte. Amma Yunivarsiitii Jimmaa, kolleejjii qonnaafi fayyaa beelladaatti barsiistuu fi qorattuu taatee tajaajilaa jirt.

Dr. Feeneet haala keessa dabarteefi milkaa'inashee ilaalchisuun turtii BBC waliin taasifte akkasiin qindeessineera.

Barnootashee sadarkaa tokkoffaa Mana Barnootaa Daaddoo Siree Budootti, kan lammaffaafi qophaa'ina ammoo Mana Barnootaa sadarkaa lammaffaafi qophaa'inaa Shaambuutti baratte. Barnootasheettis qaxalee turte.

Digiriishee jalqabaa yunivarsiitii Miizaan Teeppiirraa gosa barnoota 'Geography and Environmental Studies' jedhamuun qabxii olaanaan eebbifamte. Yeroo sanattis pirezidaantii barattoota dubartoota taatee ganna sadiif tajaajilteetti.

Digirii lammaffaa ammoo yunivarsiitii Finfinneerraa gosa barnoota 'Development Studies' jedhamuun eebbifamte. Digiriishee sadaffaa ammoo deeggarsa Baankii Addunyaa [World Bank] irraa argatteen, biyya Ingiliz, 'university of Greenwich' akkasumas Naayijeeriyaa, 'Bayero university Kano' jedhamutti baratte.

Itaansitees barnoota diigrii ladffaa (PhD) itti fufte. Yeroo PhD isheef biyyaa alaa deemtu daa'ima ji'a jahaa manatti dhiistee deemte.

'Akka dubartiitti kana caalaa kan ulfaatu hin jiru'

Haadha manaa, haadha ijoollee ta'anii hojii qorannoo irratti hirmaachuun itti gaafatmummaa dachaa ta'uu kan kaastu Dr. Feeneet, gargaarsa abbaa manaafi maatiisheetiin jabaattee sadarkaa amma irra jirtu qaqqabuu dubbatti.

Yeroo carraa barnoota digirii sadaffaa, PhD argatte mucaanshee kan lammaffaa ji'a jaha turte. Daa'imashee kana manatti dhiistee biyya alaa deemtee barachuun murtoo cimaa akka ture dubbatti.

Barnoota PhD'tiif biyya hambaa deemuun "yaaddoo fi gadda guddaa ture" jechuun haala yeroo sanashee mudate ibsiti.

"Ani ishee hin guddisne. Daa'imakoo aarsaa godheen barnootaaf deeme. Akka dubartiitti kana caala kan ulfaatu hin jiru. Haadha manaa ta'ee, dahee, ijoollee guddisaa barachaa kaayyookoon galmaan gaha jechuun" ulfaataa turus cichoominaan akka dabarte dubbatti. Kanaafis, "dubartii ta'uun homaarraa nama hin dhorku jedheen yaada" jetti Dr. Feeneet.

'Dubartii ta'uun laafina osoo hin taane humnaafi ciminadha'

"Nuti dubartiidha jennee waan duubatti jennuuf hin qabnu. Dhiira wajjin walqixa waan karoorsine galmaan gahuu dandeenya. Ni danda'ama; wanti hin danda'amne hin jiru. Dubartii ta'uun kaayyoo keenya akka galmaan hin geenye nu gochuu hin danda'u" jechuun dubbatti Dr. Feeneet.

"Dubartii ta'uun laafina osoo hin taane humnaafi ciminadha. Ittigaafatamummaa cimaa, imaanaan biyyaafi maatiikee sirra jiraachuu ibsa. Dandeettii qabdu hin xiqqeessiin, nama murtoo tahi, hireekee ofii keetii murteessuu ni dandeessa.

''Rakkoowwan si mudataniif furmaata kennaa, bakka karoorfatteefi yaadde gahuu ni dandeessa. Ogummaa keetiin addunyaa jijjiiruu dandeessa!" jechuun waan keessa dabarterraa dubartoota gorsiti Dr. Feeneet.

Dubartoota hedduu leenjisuun onnachiisaa kan jirtu Dr. Feeneet, gara fuulduraattis qorannoo amma Itoophiyaatti taasisaa jirtu babal'isuun dhiibbaa jijjiiraman qilleensaa qonnaan bultoota Afrikaarratti qabu tarsiimoo garaa garaa fayyadamuun jiruun qotee bulaa akka fooyya'u gochuuf kaayyoo qabaachuu dubatti.

Dabalataanis fuulduraatti 'scientific entrepreneur' ta'uun bu'aa qorannooshee qotee bulaa biraan gahuufi daldala saayisaawaaf karaa saaquun carraa hojii namootaaf uumuun qotee bultoota kaaniif illee fakkeenya ta'uu akka barbaaddu himti qorattuun kun.

'Akkan cimee milkaa'uuf abbaankoo aarsaa guddaa natti kaffaleera'

Feeneet (PhD) maatiisheef hangafa yoo taatu obbolaa dhiiraa sadii qabdi. Amma Ofiisheetinis haadha ilmaan sadii yoo taatu, qorattuu jabduu ta'uun akka biyyaatti fi sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii argatteetti.

Qorannoonshee ammoo miidhaa jijjiiramni qilleensaa oomisha qotee bultootarraan gahuufi furmaata isaarratti kan xiyyeeffatedha. Bakka amma geesseef gumaachi abbaa manaafi maatiishee olaanaa ta'uu kan kaastu qorattuun kun, abbaanshee fakkeenya guddaa akka ta'eef dubbatti.

Haatiifi abbaan Feeneet (PhD) barsiisota turan. Barnootasheetti akka cimtuuf gama hundaan ishee deeggaraa akka turan dubbatti. "Barnootatti cimee bu'aa qabeettii akkan ta'uuf baay'ee na jajjabeessaa turan'' jetti.

Dubatoonni itti gaafatamummaa baay'ee baatanii milkaa'uu akka danda'an harmeensheerraa barachuu kan himtu Dr. Feeneet, "faakkeenyikoo inni guddaan abbaa kiyya. Akkan barnootaan cimee milkaa'uuf aarsaa guddaa natti baaseera" jechuun oolmaa maatiishee yaadachiisti.

"Dubartiin cimtee barattee galii mataasheetii hin qabaanne, manashee keessattillee mirgishee sarbamaadha, garba taati. Kanaaf cimii baradhuu dubartoota kaaniif fakkeenyaa ta'i naan jedha" jechuun gorsa abbaashee yaadatti.

Yeroo digirii jalqabaa barattu, yunivarsiitii Finfinnee ykn Jimmaa seenuu barbaadaa turuu kan kaastu Feeneet (PhD), yunivarsiitii Miizaan Teeppii akka ishee gahe dubbatti. Yeroo sana yunivarsiitichi haaraa ture.

Sana biratti ammoo gosa barnootaa hin barbaannetti akka ramadamte kan kaastu Dr. Feeneet haala hin mijanne keessatti barattus gorsi abbaashee garuu akkashee utube dubbatti.

"Mucaakoo waggaa sadii rakkattee, haala hin mijanne keessatti cimtee barattee umuriikee hafan gammaddee jiraachuu qabda" jechuun gorsa abbanshee yeroo yunivarsiitii ishee geessan itti himan akka hin daganne dubbatti.

Haala hin mijanne "kana keessaa cimtee barattee, leekcharara taatee [yunivarsiitiitti] hafuu qabda; inni guddaan kaandha naan jedhe. Akkumanni [abbaan] na gorsetti, gaafan digirii tokkoffaa xumuru qabxii olaanaa fiduudhaan achuma yunivarsiitii sanatti qacarameen barsiisuu eegalee sadarkaa kanarra gahe" jechuun gorsi abbashee bu'uurashee har'aa ta'uu dubbatti Dr. Feeneet.

Qonaan bulaan akka miidhaa jijjiiramni qilleensaa qaqqabsiisu dandamatuuf

Dr. Feeneet barnootashee PhD'tiin dura leenjii 'Preparatory for doctoral Training' jedhamu biyya Nezarlaand, Awurooppaatti fudhatte. Digiriinshee sadaffaan ammoo 'Natural Resource Management, Climate Change fi Food Security' irratti xiyyeeffata.

"Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa biroo dhiibbaa haala jijjiirama qilleensaan hedduu midhamaa ta'uun gaaffii maaliif jedhu na keessatti hore. Kunimmoo akkan ogummaa qorannoo jijjiirama qilleensaafi misoomaa irratti xiyyeeffadhu na taasise'' jetti.

Gaaffiin ''Akkamitti qonnaan bultoonni gara tarsiimoo furmaata jijjiirama qilleensaafi balaa goginsaa dandamachuun fayyadamummaan isaanii mirkanaa'uu danda'a" jedhu xiyyeeffannoo qorannooshee akka ture ibsiti qorattuun kun.

Qorannoon jijjiirama qilleensaafi oomisha qotee bulaarratti bu'uureeffate kun naannoolee rakkoo jijjiirama qilleensaan hubaman kan akka godina Jimmaafi Shawaa Bahaatti naannawaa Fantaalleefi Boosat irratti akka xiyyeeffate ibsiti.

'...qonnaan bultoonni tarsiimoo isaan dandamachiisu fayyadamaa hin jiran'

"Qonni jijjiirama qilleensaatiin baay'ee miidhama. Rakkoon guddaan qonnaan bultoonni keenya argaa jiran tarsiimoowwan haala qilleensaa dandamachuuf dandeessisan fayyadamaa hin jirani" jechuun, maloota jijjiirama haala qilleensa isaan dandamachiisan fayyadamuun furmaata ta'uu gorsiti.

Tarsiimoowwan qotee bultoonni fayyadamuun jijjiirama qilleensaatti akka madaqan taasisu keessaa tokko galii qotee bultootaa guutummaatti qonnarratti hundaa'e jijjiiruun madda galii gara garaa akkasaan qabaatan gochuu ta'uu ibsiti Dr. Feeneet.

Qorannoonshee jijjiirama roobaa fi ho'aa kan baroota 1990–2019, haala saaxilamummaa jireenya qonnaan bultootaa irratti taasifameen, tarsiimoowwan gurguuddon qorannichaan adda bahan "sanyii boqqolloo filatamaa fayadamuu, jallisii fayyadamuufi midhaan gosa adda addaa oomishuudha."

Qonnaan bultoonni tarsiimoowwaan kanneen "fayyadaman wabiin nyaataa (food security) isaanii baay'ee fooyya'aa" ta'uus dubbatti qorattuun kun. Qorannichi Itoophiyaa qofa otoo hin taane qotee bultoota biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii hundaaf akka fayyadu himti Dr. Feeneet.

"Hubannoofi tarsiimoo fooyya'aatti fayyadamuun wabii nyaata fooyyessuun akka danda'amu kan mirkaneessan, bu'aawwan qorannoo baay'een maxxanfamaniiru. Gabaasa qorannookoo irratti hundaa'uun, dhaabbileen mootummaafi misoomaa tarsiimoo murteessoo qopheessanii jiru.

''Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa biroo kan akka Keeniyaafi Naayijeeriyaattis qorannoonkoo miidiyaaleerratti baheera" jechuun waa'ee bu'aa qorannooshee ibsiti Dr. Feeneet. Biyyoota Sahaaraan gadii keessatti argamaniif qonni lafee dugdaa twaan ta'ef, bu'aan qorannaashee biyyoota kanneeniifis akka fayyadu himti.

COP29, Kora Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 29ffaa bara 2024 Azarbaajaanitti geggeeffamerrattis qorannoonshee haala jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaata irratti fuulleffate gaazexaa irratti maxxanfamee turuu dubbatti Dr. Feeneet.

'Nuti wanta hin gooneen maaliif miidhamna?'

Jijjiirama qilleensaa addunyaa mudachaa jiruuf biyyoonni guddatan kan akka Ameerikaa, Awurooppaafi Chaayinaafaa qooda guddaa qabaachuu kan kaastu Dr. Feeneet, biyyoonni Afrikaa garuu irra caalaan qonnaan bultoota waan ta'aniif qilleensa faaluu keessatti qooda gadaanaa qabaachuu dubbatti.

"Isaan industiriin bulu, keenya qonnaan bulaadha. Qoodni nuti qilleensa faaluu keessatti qabnu xiqqaa ta'ee otoo jiruu kan miidhamus nu'idha. Baay'ee miidhamna. Nuti wanta hin gooneen maaliif miidhamna, maaliifiidhan jedha yeroo baay'ee. Kun quuqama na keessatti uume" jechuun kun gara qorannoo amma taasisaa jirtuutti ishee fiduus ibsiti.

Hojii hanga ammaatti qorannoodhaan gumaachiteenis, badhaasa biyya keessaafi idil-addunyaa gara garaa argatteetti qorattuun kun.

Akka biyyaatti bara 2019tti qophii 'Ethiopian Women in Science Day' jedhurratti qorattuu dubartii jabduu (best female researcher) jedhamuun UNESCO fi Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo (MOSHE)n badhaafamteetti.

Erga barnoota PhD xumurtee boodas, pirojeektota gara garaa lama kan Niyoork, Ameerikaa fi Bankii Addunyaatiin deegaramu argachuun qorannoo adeemsisaa jirti.

Pirojeektiin inni duraa, 'Future Africa Research Leadership and Fellowship (FAR-LeaF II)' kan biyya Afrikaa Kibbaa, yunivarsiitii Piritooriyaa jedhamu waliin hojjechaa kan jirtu yoo ta'u, inni lammaffaa Pirojeektii "Junior Investigator Research Award (JIRA)' jedhamu, dhaabbata miti-mootummaa 'International Centre for Insect Physiology and Ecology (ICIPE)' kan Keeniyaa- Naayiroobiitti argamu waliin hojjechaa jirti.

Pirojeektonni qorannoo lameenuu 'Haala Jijjiirama Qilleensaa, Koorniyaafi Oomisha Bunaa' (Climate Change, Gender, and Coffee Production) irratti kan xiyyeeffatan yoo ta'u, kaayyoon qorannichaas jiruufi jireenya qonnaan bulaa akka ta'e dubbatti qoarattuun kun.

Xiyyeeffannoon pirojeektoota kunneenii kan jalqabaa "Gosa buna Arabikaa hongee dandamachuu danda'u qorachuu (Identifying drought resistant coffee variety)" kan jedhu yoo ta'u, oomishtoota bunaa godinaalee Jimmaa, Iluu Abbaa Booraafi Kafaa irratti xiyyeeffatee qorannoo adeemsifamu ta'uu himti Dr. Feeneet.

Kan lammeessoo ammo, "Haala qilleensa gara fuulduraa fakkeessuufi tamsaasuu (Climate Change simulation), odeeffannoo haala qilleensaa mala 'downscaling' fi 'data geophysics' fayyadamuun gara fuulduraatti jijjiirama qilleensaa keessatti oomishni buna biyya keenyaa akkam akka ta'u agarsiisuu akka ta'e dabaltee ibsiti qorattuun kun.

Kan dhumaa, "Tarsiimoo jijjiiramaa haala qilleensaa gara fuulduraatti dubartootaafi dhiira waliin wal-qixxaatu kakaasuufi babal'isu (Gender Dimension) addatti hubannoo naannoo garagaraatti, sadarkaa saalaa (gender) irratti hunda'e akkasumas dhiibbaa jijjiirama qilleensaa irratti dandeettii, gaheefi rakkoo dubartootaa fi dhiirotaa adda baasee ilaaluu ta'uu dubbatti qorattuun haala jijjiirama qilleensaa kun.