'Ayyaana kabajuuf maatii bira deemeen dhaqna na qaban'

Shamarreen waggaan 12 Kaatiriin Meengaanii bara tokko akkuma yeroo biraa waggaa waggaan raawwatuutti maatiishee wallii ayyaana Gannaa dabarsuuf wayita deemteetti taateen jireenyashee jijjire tokko ishee mudate.

Kaatiriin osoo odeeffannoo omaa hin qabaatiin maatiin ishee ogeessa fayyaa naannichaa waliin dubbachuudhaan bakka isaan gaafachu deemteen dhaqna ishee qabsiisan.

Akeekkachiisa: Odeessi kun waa'ee dhaqna qabaa shamarranii gadi fageenyaan dubbata.

Magaalaa guddoo Keeniyaa-Naayiroobiitti dhalattee kan guddattee Kaatiriin, gochaawwan aadaa naannoo baadiyaa biyyattii keessatti raawwatamu irraa akka baraaramtetti yaadaa turte.

Eenyumtuu akka tilmaamutti maatiinshee kan baratan, magaala keessa kan jiraataniifi kan hojii qaban sababii ta'aniif gochaan aadaa miidhaa qaban akka irratti raawwatamu danda'utti ofiishee yaaddee hin beektu turte.

Haata'u malee, kan waggaa 30 dura ishee mudate garuu sana ture.

''Naayiroobiidhaa gara mana keenya baadiyaatti wayitan imallu hangan achi gahuutti waan ta'uf jiru hin beekuun ture. Haata'u malee, qophiin taasifamaa jira jedhamee yoo odeeffamu nan yaadadha.''

Dhabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Gargaarsa Daa'imanii (UNICEF) akka beeksisetti, addunyaarratti dubartoonnii fi shamarran miiliyoona 230 ol dhaqna qabaan irratti raawwatameera.

Gochaan kun biyyoota Afrikaafi Baha-gidduu galaatti argaman 30 irratti kan xiyyeeffate ta'ulleen, baqattoota biyyoota Eshiyaafi Laatiin Ameerikaa tokko tokko, akkasumas lixa Awurooppaa, Kaaba Ameerikaa, Awustiraaliyaa fi Niiw Zilaand jiraataniin akka raawwatamu dhaabbanni UN ibseera.

''Dhaqna qabaan hakiimiin raawwatame'' jedhamuun waamamu ykn dhaqna qabaan ogeessa fayyaatiin raawwatamu ta'e jedhamuun qaamaa saalaa dubartii alaa muruudhaan ykn dhabamsiisuun raawwatama.

Yeroo baayyees hidhii qaama saalaa fi fiixee qaama dubartii gutuummaan ykn hanga ta'e muruudhaan kan raawwatamu yoo ta'u, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ''gochaa kanaan adeemsa wallaansa fayyaa malee qaama saalaa dubartootaa miidhu'' jechuun ibsa.

''Dhaqna qabaan wallaansa fayyaatiin raawwatamu'' dubartoota irratti dhiibbaa qamaa, xin-sammuu fi saalaa hordofsiisulleen aadeeffannaan kun akka mala amasiisaa aadaa eeguutti ilaalama.

Dhaqna qabaan kan ogeessota fayyaan raawwatamu ta'ulleen, meeshaa yaalii baqaqasanii yaaluu fayyadamuun miidhaa caalaa qaqabsiisuu danda'a.

Dhaqna qabaa addunyaarratti ogeessoota fayyaan raawwatamu

  • Biyyoota shan sadarkaan ol'aanaan dhaqna qabaa wallaansa fayyaan keessatti raawwatamu: Masrii (%38), Sudaan (%67, Giinii (%15), Keeniyaa (%15) fi Naayijeeriyaa (%13) keessatti.
  • Baay'inni dubartoota Afrikaa miiliyoona 144 ol ogeessota wallaansa fayyaatiin dhaqna qabatan.
  • Eeshiyaatti dubrtoota miliyoona 80 ol, Baha Giddu Galeessaatti ammoo miiliyoona jaha wallaansaan fayyaan dhaqna qabamaniiru.
  • Dubartoonni kaan gara miliyoona tokkoo hanga lamaa ta'an ammoo hawaasa xixiqqaa fi biyyoota godaanoo addunyaa guutuu keessatti argaman keessatti haala kanaan miidhamu.

Warri Kaatiriin adeemsa dhaqna qabaa ogeessa fayyaatiin raawwatamu filatanii hojjetaan eegumsa fayyaa naannoo sanaa akka ishee dhaqna qabu godhan.

"Umurii koo waggaa 12tti of waanan danda'uuf [yaadannoo] irra darbee waa'ee kanaa dubbachuuf cimaa waan ta'eef yeroo baay'ee dheeraa natti fudhate," jetti gaheettiin ganna 42 fi kan amma narsii taate Kaatriin.

Dhaqna qabaa sanaan guyyoota muraasaan dura, Kaatiriin akka naannootti waamamutti "dhaqna qabamuuf" akka jirtu hubatte. Haata'u malee, maal jechuu akka ta'e hin hubanne turte.

"Sirna sanarratti akka hirmaataniif hiriyoottan, maatiif afeerraan ni ergama ture," jechuun yaadatti. Qophii guddaatu ture.

Guyyoota muraasaan booda hojjettuun fayyaa mana isaanii geesse.

"Dubartoota na marsanan arge; sirboota sirbaa turan, baay'ees gammadu ture," jechuun yaadatti.

"Achiinis akkan taa'uuf na dirqiisiisan. Ogeettiin fayyaa erga guwaantii uffateen booda, dubartoonni kaan yoo na qaban, isheenis qarabaa baafatte."

"Baayyeen yaadadha, garmalee dhiigikoo yaa'aa ture. Akka dhiigiichi dhaabbatuuf ammoo dhugaatii waan baay'ee irraa walitti hojjatme naaf kennu turan.''

Sana booda Kaatiriin burjaaja'uu fi "haala rifatuu" keessa akka turte ni yaadatti.

"Miidhaan sammuu yeroo sanaa [ammallee] jira, waan hunda caalaa hammaataadha."

'Nan beekaan, kanaaf nan jibbaan'

Kaatiriin narsii yoo taatuu kibba dhiha Keeniyaa Kaawuntii Migorii keessatti argaman keessatti, shamarran fi dubartoota hawaasichaa irratti dhiibbaa gaarii uumuuf hojjataa jirti.

Waggoota 20 darbaniif hojii narsiitiin hojjataa kan turte Kaatiriin, dhaqna qabaa dabalatee miidhaawwan saala bu'urreefatan ittisuudhaaf hawaasicha waliin walitti dhiheenyaan hojjataa jirti.

Narsii cinatti, Kaatiriin akka qindeessituu ittisaa fi deebii jeequmsaa koorniyaa irratti hundaa'uun kaawuntii keessatti ni hojjetti.

"Wanta hawaasakoo keessatti argaa jiru to'achuuf gargaaruu akkan danda'u natti dhaga'ame. Shamarran umuriinsaanii waggaa kudhanoota keessatti argamu baayyee ture. Akkasumas, shamarran kunneen dhaqna qabataniiru amma qophiidha' waan jedhamaniif ni ulfaa'u turan."

Kaatiriin waggoota dheeraaf dubartii ishee dhaqna qabde yeroo gochaa wal fakkaatu raawwattu argaa turte.

''Dubartiin beeku sababii taateef waggaa beey'eef ishee jibbaan ture. Magaalicha keessatti kiliniikii qabdi turte. Anaaf ati eegduudha, garuu isa miidhaa narraan geessisu ta'uutti jijjiiramte. Kun immoo fayyaa kootiif faayidaa omaa akka hin qabne sirriitti beekta turte. Garuu ammas fuulduratti deemtee hojjetteetta.''

"Yeroo baay'ee ishee qunnamuu barbaadu ture, yeroon darbaa deemuun garuu of keessaa fayyina argachuu akkan qabu hubadhe," jechuun dabalti.

Itti dabaluun, ''yeroo ishee dura dhaabbachuuf barbaadee ture jira. Yeroodhaan booda garuu keessoo kootiin fayyina barbaachuu akkan qabuun hubadhe.''

Kaatiriin dhimma ishee mudate irratti maatii waliin hin haasoofne.

Keeniyaan bara 2001tti dhaqna qabaa gartokkoon kan dhorkite yoo ta'u, bara 2011tti gocha kana guutummaatti seeraan ala taasifte.

Haata'u malee, dhaqna qabaa kan seera hawaasummaafi aadaa hawaasa tokko tokko keessatti itti fufee jira.

Kaatiriin yeroo sanatti dhaqna qabaa raawwachuun seeraan alaa waan hin turreef kutaashee ykn warrashee irratti bu'aan ni jiraata jettee hin amantu.

Amantiin naannoo dhaqna qabaa keessatti babal'ate muraasni gaa'elaaf haal-duree ta'uu, sirna dubartummaatti darbuu bakka bu'uu, akkasumas ija hawaasaa duratti mallattoo qulqullinaa ta'uu isaati.

Kaatiriin yeroo sanatti dhaqna qabaa ijoollee durbaa raawwachuun seeraan ala waan hin turreef, dubartiin ishee murtee fi maatiinshee adabamu akka hin dandeenye kaafti.

Ilaalchawwan dogongoraa dhaqna qabaan wal qabatee jiran keessaa tokko akka waan gaa'ilaaf qophii ta'aniitti yaadamuudha.

"Intalti koo hangafti umuriinshee waggaa 18, intallikoo quxisuun ammoo waggaa 16 guuttetti, isaanis hin muramne. Kun waan ani kabajudha. Ogeessoon fayyaa ammalleen...'Kaatiriin ijoollee dubaraakee yoo dhaqana hin qabatiin, siif qaban, aadaa keenyadha' kan jedhan jiru" jetti.

"Yeroon jalqaba heerumu duubatti deebi'uun na mudate. Namoonni ijoolleen kee dhaqna qabachuu qabu naan jechaa turan,' yeroo baayyees afaan arrabsoo fayyadamu turan."

"Ani akkan dhaqna qabadhe itti himeera, hanga ammaattis dhiibbaa sammuun qaba;... yeroo tokko tokkos infekshinii ujummoo fincaaniitu na mudata.''

'Waa'een dhaqna qabaa ogeeyiin raawwatan hin himamu'

Keeniyaatti dhaqna qabaan shamarran umuriinsaanii waggaa 15-19 irratti raawwatamu waggoota 30 darban keessa wallakaan hirrateera.

Mootummaan Keeniyaa dhaqna qabaa shamarranii dhaabuuf hojiiwwan hedduu akkuma hojjatu, kanneen gochaa kana raawwatan ammoo seeraan akka hin gaafatamneef gochaawwan yaaddeessoo tokko tokko akka seenan dubbatti Kaatriin.

Akka aadaatti sirni dhaqna qabaa shamarran waggaa 10-12f taasifamu ganama bariidhaan.

Amma ija mootummaa keessa akka hin galleef jecha, yoo shammarran umuriinsaanii waggaa jahaan gadii yoo dhaqna qaban argamu.

''Dhaqna qabaan ogeeyyii fayyaatiin raawwatamu hin himamu'' jetti. Namoonni waa'ee isaa dubbachuu waan hin barbaanneef odeeffannoon hin argamu.

"Dhaqna qabuu, ni dhoksu'' jetti itti dabaluun. ''Hawaasa gochaa kana raawwatan haguuguudhaaf imala dheeraatu deemama. Ammas shamarran dhaqna ni qabsiifamu. Garuu dhiira fakkeessanii itti uwwiisuudhaan.

"Akka hin to'atamneef saffiisaan raawwatu. Kanaaf, miidhaa baayyee qaqqabsiisu. Boodarra yoo wallaansaaf mana yaalaa geeffaman akka namni ta'e saffisaan miidhaa irraan gahe hubatama.''

Bara 2020 keessa tilmaamaan shamarraniifi dubartoonni miiliyoona 52 addunyaarratti ogeeyyii fayyaatiin dhaqna qabaan irratti raawwatameera.

Kunis gosawwan dhaqna qabaa afur keessaa tokko jechuudha jedha dhaabbanni UNICEF.

WHOn baatii Eblaa keessa dhaqana qabaa ogeeyii fayyaan raawwatamu dabalaa dhufuu hordofee qajeelfama fooyyeesseera.

Qorannoowwan tokko tokko akka agarsiisanitti, dhaqna qabaan ogeeyyiin fayyaa raawwatan cimaa fi muraa gadi fagoo waan raawwatamuuf, kan hordofsiisus balaa caalaa ta'a jedha WHOn.

Gochaa ''Dhaqna qabaan ogeeyyii fayyaatiin raawwatamu'' jedhamee waamamu kana seera qabeessa fakkeessuun balaa uumaa jiraachus ibseera.

"Ogeeyyiin fayyaa akkuma fedhanitti raawwatu'

Marsiin bara 2008tti dhaqna qabaa dubartootaa ifatti dhorkiteetti. Haata'u malee, ammalleen biyya dhaqna qabaa olaanaa keessatti raawwatamu keessaa tokkodha. Kanneen parsanataa 87 ta'an qabamu hima Unicef.

Masriin dhaqna qabaa 'ogeeyyii fayyaan'' raawwatamu ("medicalised FGM") jedhamuun beekamu raawwatmaa jira.

"Akkaataa dhaqna qabaa itti raawwatan irratti hojimaanni barsiifame waan hin jirreef, yaadni dogoggoraa shamarranii fi dubartootaaf miidhaa hin qabu jedhu dhugaa miti," jedhu Dr Rehaam Awwad, ogeessi baqaqsanii hodhuu miidhaginaa fi deebisanii ijaaruu.

''Doktorri kamiyyuu haala adda addaatiin raawwata, kanaafis rakkooleen garaa garaa mudatanii kan agarru'' jechuun BBCtti himan.

Akkuma Kaatiriin, Dr Awwaad hojjettoonni fayyaa gochaa kana akka raawwatan kaka'umsi inni guddaan maallaqaan osoo hin taane, ilaalcha aadaa fi hawaasummaa gadi fagoo akka ta'e amanu.

Dr Awaad dhaqna qabaan dubartootaa miseensa hawaasa kabajamaa, ogeessoota fayyaatiin raawwatamuun ammoo seera qabeessa fakkeessa yaada jedhu kan WHO waliin walii galu.

"Sababni dhaqna qabaan ogeeyyii fayyaatiin kennamuun balaa guddaa kan qabatu sababii gadi fageessanii muraniif qofaa miti. ... miidhaa kan dhufu dubartoonni hakiimota amanachuu isaaniitiin adeemsa kana sirritti ni raawwatu ykn [miidhaa xiqqaa akka qabaatu] yaadusaaniiti.''

"Dhugaa dubbachuuf, adeemsa dhaqna qabaan itti raawwatu leenjiin kennamu omtuu hin jiru. Kanaaf, hakiimonni hundi haaluma barbaadanitti hojjatu jechuudha."

Kaatiriin egeree shamarran biyya isheetiif abdii qabdi. Naannooleen biyyattii keessatti dhaqana qabaan shamarranii itti raawwatamu jiraatuus, tirataa ta'ulleen jijjirama argaa jirti.