Irreecha baranaatiin Birriin Biliyoona 10tti tilmaamamu socho'eera

Feestivaalli Irreechaa sanbata Xiqqaa Finfinneetti, Dilbata ammoo Bishooftuutti haala hoo'aan kabajamee darbe.

Irreechi bara kana kabajame kuni qophii guddaan kan taasifame akka ture wantoota sirnicha irratti mul'atan irraa baruun ni danda'ama.

Finfinnee fi Bishooftuun wiirtuuwwan misoomni Kooridarii bal'inaan keessatti hojjetaman ta'uun ammoo kabaja ayyaana kanaatiif haala mijataa uumeera.

Wiirtuuwwan Irreeffannaa lamaan Hora Finfinnee fi Harsadii keessatti hojiin miidhaginaa hojjetames bareedina Irreecha baranaatiif gumaacheera.

Irreechi baranaa akkamiin madaalame?

Qophii Kabaja ayyaanichaa dura taasifaman, madaallii ayyaanichaa fi gumaacha dinagdee keessatti bahate ilaalchisuun Komishinara Itti aanaan Komishinii Turizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoo BBC waliin turtii taasisan.

Akka isaan jedhanitti, ayyaana Irrechaa baranaa kanaaf qophii olaanaatu taasifame.

"Bakki itti irreeffatamu bajanni guddaan bahee akka gaariitti midhaginaan tolfaman. Hirmaattota Feestivaalaatiif haala mijataa uumuuf waan hedduutu taasifame. Torbee Turizimii jedhamee sagantaawwan qophaa'anis bareedina Irreechaaf gumaacha guddaa godheera" jedhan.

Gama biraatiin Irreechi baranaa baayyina Turistootaa fi lammiilee Biyya alaa irratti hirmaataniitiinis guddaa ta'uu eeran. Keessumaa Karnivaala Irreechaa jechuun Jilli waggoota afur dura Irreechaaf biyya alaarraa dhufuu jalqabe baranas himaachuu eeran.

"Karnivaala irreechaa waggoota afur dura jalqabeen bara kanas Keeniyaa irraa gareen namoota 50 ofkeesaa qabu kan sabaa fi sablammoota biyyattii keessaa walitti dhufan hirmaataniiru. Kana malees biyyoota Ameerikaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa irraa turistoonni hirmaataniiru.

Irreechi Feestivaala Idil addunyaa ta'aa jira

Akka Obbo Naggaan jedhanitti, Irreechaa fi sagantaawwan isaan walqabatanii jiran irratti keessummoonni biyyoota addunyaa garagaraa irraa dhufanii qooda fudhachaa jiraachuun festivaalli kuni kan idil addunyaa ta'aa akka jiru agarsiisa.

"Egzibiishinii Irreechaa baranaa irrattis Biyyootni saddeet akka irratti hirmaatan ta'eera. Chaayinaan, Gaanaa, senegaal, Namiibiyaa, keeniyaa, Jibuutii, Yugaandaa, Ruwaandaa fi Buruundiin hirmaataniiru" jedhan.

Chaayinaan apilikeeshinii Turizimii Oromiyaa guddisuuf gargaaruu fi 'Visit Oromia' jedhu kan afaanota sadiin hojjetu gabbisuun gumaachuus eeran.

Lakkoofsa namoota Irreecha baranaa irratti argaman kan ilaaleen lakkoofsa sirrii nama hanganaatu hirmaate jedhu beekuun rakkisaa waan ta'eef 'Namoota miliyoonaan Lakkaa'amantu hirmaate' jennee ibsina jedhan.

Birrii Biliyoonaan lakkaa'amutu Dinagdee keessa socho'e

Irreechi jila namootni miliyoonaan irratti argaman waan ta'eef guddina aadaatiin olitti dinagdee keessattis shoorri gumaachu guddaadha.

Keessumaa Guyyoota Irreechaa lamaanii fi guyyoota itti aanaan keessatti magaalota Finfinnee fi Bishooftuu dabalata magaalota dhiheenyarratti argaman keessattis sochii dinagdee guddaatu uumama.

Hammi maallaqa feestivaala Irreechaa Kanaan walqabatee dinagdee keessatti socho'ee qabatamaan hagana jedhanii beekuun rakkisaa ta'ulleen Birriin Biliyoonaan lakkaa'amu ta'uu beekuun garuu salphaadha jedhu Obbo Naggaan.

"Herreega salphaa ta'e yoo hojjenne namni Irreecha dhufe uffata aadaa, nyaataa fi dhugaatii fi kaan dabalatee giddu galeessaan birrii kuma 20 osoo baasee fi lakkofsi hirmaatotaa miliyoona 5 ta'ee gaafa herreegamu Birrii Biliyoona 10 ta'a" jedhan.

Herreegnis kuni tilmaama salphaadhaan akka ta'ee fi sochiin magaalota Finfinnee fi Bishooftuu ala ture, sharafa turistootni baasan yoo dabalate herreegni kuni hammanaa ol nita'a jennee amanna jedhan.

Tajaajilli kanarra fooyya'uu qaba

Festivaala Irreechaatiif magaalota Finfinnee fi Bishooftuu keessatti iddoowwan bultii ji'oota dursaa qabamuu kan himan Obbo Naggaan, abbootiin qabeenyaa tajaajila isaanii bal'isuu qabu jedhu.

"Gama kalaqa Biizinasiitiin abbootii qabeenyaa biratti hanqinatu ture. Abbootiin hoteelaa Hoteeluma tokkicha qabatanitti simachuurra Festivaala kanaaf buufata dabalataa qopheessuu qabu"

"Siree argachuun baayyee rakkisaa ture. Bishooftuutti ji'a sadiifaa dursee kan qabametu ture. Kuni hawwii fi fedhii namni qabu agarsiisa. Fedhii kana guutuuf haala addaatiin festivaala kanaaf dursamee bu'uura barbaachisu mijeessuu barbaachisa" jedhan.

Nyaata saffisaa namoonni karaarratti nyaachaa deemuu danda'an qopheessuu fi iddoowwan qulqullinaa gahaa ta'e mijeessuun hojii feestivaala Irreecha irratti fooyya'uu qabu ta'uus eeran Obbo Naggaan.