Somaaliyaaf meeshaa waraanaa erguu booda Masirii lammiileeshee Somaalilaand jiran akeekkachiifte

Muddamni Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Masirii gidduu yeroo akkaan hammaataa deemetti Masiriin lammiileen ishee Somaalilaandi keessa jiraatan hatattamaan akka bahan Dilbata darbe ajajje.

Imbaasiin Masirii Mooqadishoo jiru Dilbata ibsa baaseen, sababa rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiraachuu maluun lammiileen ishee akka Somaaliilaandii bahuu qaban hime.

''Sababa tajaajila qonsilaa Somaaliilaandi keessatti isnii kennuu hin dandeenyeef lammiileen keenya karaa Buufata Xiyyaaraa Hargeessaa Somaaliilaandi keessaa dafaa bahaa,’’ jedha ibsi imbaasichaa.

Somaaliilaandii fi Masirii gidduuttis muddamni kun hammaachuun Somaaliilaandi Mana kitaabaa aadaa Masirii, Hargeessaa jiru cufuun hojjettoonni dhaabbatichaas biyyashee gadhiisanii akka bahuu qaban ibsiteetti.

Somaaliyaan Jimaata darbe Itoophiyaan meeshaa waraanaa gara Puuntilnaaditti galchaa jirti jechuun himatte. Itoophiyaan dhimma kana irratti deebii kennite hin qabdu.

Osoo torbee hin gahiin ammoo Masiriin meeshaa waraanaa jajjaboo tahan gara xiyyaaraa fi galaanarraan fe’uun Somaaliyaaf galchaa jiraachuu ibsite.

Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf erga Somaaliilaandi waliin waliigaltee wal hubannoo Amajji darbe erga mallatteesiteen as Somaaliyaan ''walabummaankoo sarbame’’ jechuun michoota barbaacha fiigaa turte.

Dhimma hidha laga Abbayyaa irratti Itoophiyaa waliin waggoota kudhanii oliif falmii irra kan turte Kaayiroon sababa Kanaan Somaaliyaa cina dhaabachuu ishee ibsuuf yeroo isheetti hin fudhanne.

Itoophiyaa waliin takka diina takka fira kan fakkaattu Eertiraan Somaaliyaa akka deeggartu himte.

Gaggeesitoonni biyyoota sadeenii yeroo adda addaatti Kaayiroo, Moqadishoo fi Asmaraatti dedeebi’uun mari’ataa turan.

Itoophiyaa fi Somaaliilaandi muddamichi hammaataa deemus Waliigaltee Wal Hubannoo walii mallatteessan hojiitti hiikuuf akka jedhan ibsan.

Somaaliilaandi dhiyeenya dippilomaatota alaa biyyashee jiraniif ibsa laatteen waliigaltichi hojiitti hiikamuuf waan hunduu dhumachaa jiraachuu beeksifte.

Deeggarsa meeshaa waraanaa Somaaliyaaf

Somaaliyaan Masirii waliin ji’a Adoolessaa keessa waliigaltee waraanaa erga mallattessitee Masiriin meeshaalee waraanaa hedduu Somaaliyaaf erguu himameera.

Masiriin ergama nagaa kabachiisaaf loltoota ishee Somaaliyaa keessatti bobbaasuu akka barbaaddus ibsiteetti. Somaaliilaandii fi Itoophiyaan yaada Masirii kana mormaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaandi, Isaa Kaayid, ji’a darbe Masiriin waraana ishee Somaaliyaatti bobbaasuun Gaanfa Afrikaatti walitti bu’insi akka hammaatu taasisa jechuun akka morman ibsan.

Mana kitaabaa aadaa Masirii Hargeessaa jiru ‘nageenya biyyattiif yaaddoo’ tahuu bira gaheera kan jette Somaaliilaandi akka cufuuf murteesites ibsite.

Fulbaana 11 irraa eegalee sa’a 72 keessatti hojjettoonni mana kitaabichaa lammiilee masirii tahan Somaaliilaandi gadhiisuun bahuu akka qabanis ajajje.

Dooniin waraanaa Masirii marsaa lammaffaaf meeshaa waraanaa jajjabaa tahan Somaaliyaaf geessuu Ministeerri Dhimma Alaa Masirii gaafa Wiixataa ibsan.

Aljaaziiraa fi Rooyitarsi ibsa kana wabeeffachuun akka gabaasanitti, ‘’deeggarsi meeshaalee waraanaa Kaayiroon Somaaliyaaf goote Mooqadishoo gahaniiru. Kun dandeettii humna waraanaa Somaaliyaa jabeessuuf kan gargaarudha.’’

Fe’umsi meeshaa waraanaa Moqadishoo gahe kun fedhii uummanni Somaaliyaa dandeettii biyyaalessaa nagaa fi tasgabbii fiduuf gargaaru jabeeffachuuf qabu galmaan kan gahu tahuu Masiriin ibsite.

Itoophiyaan ammo meeshaan waraanaa humnoota alaatiin Somaaliyaatti fe’amu rakkoo nageenyaa duraanuu gaarii hin turre daran hammeessa jette.

Somaaliilandi waraanni Masirii Somaaliyaa keessa bobbafamuu akka mormitu himteetti.

Kora UN, tibba Niw Yoorkitti taa’amaa jiru irratti hirmaachaa kan jiran Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa, Ambaasadar Taayyee Asqesillaasee meeshaaleen waraanaa gara Moqadishootti fe’aman harka shororkeessitoota gala jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Masiriin marsaa jalqabaan yeroo meeshaa waraanaa gara Moqadishootti fe’aa turte Itoophiyaan haala olla isheetti tahu nageenya biyyaalessaa koof yaaddoo waan taheef ‘’callisee hin ilaalu’’jette.

Kora UN irratti hirmaachuuf Niw Yoorki kan jiran ministiroonni dhimma alaa Masirii, Somaaliyaa fi Eertiraa addatti dhimma waloo isaanii irratti akka waliin hojjetan mari’achuu Waajjira ministeera muummaa Somaaliyaatti qondaala kan taate Nasiraa Bashir Alii fuula X [Tiwiiterii] ishee irartti maxxansiteetti.

Masiriin waggoota 40 booda yeroo jalqabaaf ji’a Adoolessaa darbe keessa meeshaa waraanaa Somaaliyaaf kennite.

Gaaffii ulaa galaanaa muddamicha dhale

Itoophiyaa biyya uummata miliyoona 120 ol qabduuf hula galaanaa argachuun ''dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu’ akka tahe hayyoonni irratti waliigalu.

Erga Ertiraan Itoophiyaa irraa foxxoqxee Itoophiyaan meeshaa alaa galfachuufis tahe alatti baasuuf buufata doonii Jibuutii irratti qofa hirkatti. Isaafis waggaatti baasii guddaa baasti.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed karaa nagaa fi faayidaa waloo irratti xiyyeeffateen biyyoota olla irraa hula galaanaa argachuuf akka hojjetan himaniiru.

Eertiraa fi Somaaliyaaf gaaffii kana dhiyeessuu kan ibsan MM Abiy deebii gahaa isaan irraa waan hin arganneef Somaaliilaandi waliin Waliigaltee Wal Hubannoo [MOU] Amajji 1, bara 2024 mallatteessuu ibsan.

Somaaliialndi qarqara galaanaa ishee km19 tahu Itoophiyaaf kennuuf waliigalte.

Itoophiyaan buufa doonii qofa osoo hin taane buufata waraana galanarraas ijaaruuf akka itti fayyadamtu ibsite.

Bakka isaa ammoo Itoophiyaa erga bara 1991 Somaaliyaa irraa cittee ofiin of bulchaa turtee beekkamtii biyyummaa kan hin arganne Somaaliilaandiif beekmatii biyyummaa kennuuf waliigaluu ibsama.

Kun Somaaliyaa akka malee dheekkamsiise.

Somaaliyaan Somaaliilaandi kan amma pirezidaantii mataashee qabduu fi ofiin of bulchitu qaama bulchiinsakooti jettee amanti.

Yeroo kana Itoophiyaa irraa dhimma hidha guddichaa irratti mufii kan qabdu Masiriin gara Moqadishootti qajeelte.

Eertiraan itti dabalamte. Miseensonni Ligiii Arabaa walabummaa Somaaliyaa akka deeggaran ibsan.

Waggoota 40 darban yeroo Somaaliyaan rakkoo nageenyaan daddaaqamaa turte Masiriin humna waraanaa nagaa kabaachiisu bobbaastee Al-Shabaab waraanaa hin turre.

Somaaliyaaf meeshaa waraanaa akka hin dhiyaanne biyyattiin qooqobbii jala turtus, Masiriin qoqqobbichi ka’uu fi Itoophiyaa waliin muddama keessa galuu hubachuun waliigaltee waraanaa Somaaliyaa waliin mallatteesite.

Humna nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti gara Somaaliyaatti bobbaasuuf gaaffii dhiyeessite.

Somaaliyaan ammoo humni waraanaa Itoophiyaa akka biyyasheetii bahuu fi qaama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalqaba bara 2025 bobbaafamuu akka hin taane gaafatte.

Itoophiyaan loltoota 3,000 ol ATMIS jalatti akkasumas waliigaltee mootummaa Somaaliyaa waliin kana dura galteen ammoo loltoota Al-shabaab qolatan 4,000-7,000 Somaaliyaa keessaa qabdi.

Al-Shabaab Somaaliyaaf qofa osoo hin taane nageenya biyyaaleessaa Itoophiyaafis yaaddoodha.

Masiriin loltoota ishee gara Somaaliyaatti bobbaasuun gara loltoonni Itoophiyaa buufatan kan qubachiistu yoo tahe biyyoonni lameen Somaaliyaa keessatti fuulaa fuulatti carraan walitti bu’uu isaanii guddaa tahuu xiinxaltoonni himaniiru.

Kun ammoo Somaaliyaa dirree siyaasaa fi waraanaa gochuu qofa osoo hin taane Al-Shabaabiif carraa bal’aa akka banus amanama.