Ilbiisonni summiin nama ajjeesan akkamitti lubbuu baraaruuf oolan?

Orbosiisa/sarariitii

Madda suuraa, Getty Images

Namni yoo orboosisaa ykn sarariitiin ciniiname keessattuu ishee summii qabdu taanaan du'uu danda'a. Summiin ilbiisa tanaa daqiiqaa muraasa keessatti nama ajjeesa.

Hanga ammaatti namni sarariitiin ciniinamuun yeroo gabaabaa keessatti du'e daa'ima tokkodha - daqiiqaa 13 keessatti du'e. Giddu galeessaan summiin sarariitii daqiiqaa 76 keessatti nama ajjeessa.

Awustiraaliyaa ilbisoota nama ajjeesuu danda'an kanaan badhaateetti.

Ardii yeroo baayyee wanti hundi si ajjeesuu barbaaddi jedhanii ittiin qoosamu kana irratti lubbuu baraaruuf mootummaan sagantaa farra summii jalqabe.

Namoota hojii kana hojjetan keessaa tokkoo dubartii Eema Teeni jedhamtu.

Hojiinshee sarariitii sodaachisaa taʼe kan saffisaan nama ajjeessu Siidnii funnel-web spider jedhamu hadhaa keessaa baasuu. Sana booda qoricha farra summii hojjetti.

Eeman guyyaatti sarariitii 80 ol hidduun hadhaa keessaa baafti. Qorichi summii kanarraa hojjetamu, lubbuu namaa hedduu baraareera.

"Sagantaan daawaa summii balleessu (antivenom) kan Australian Reptile Park keessatti taasifamu akkuma milkaa'e, hanga jalqabame bara 1981 irraa kaasee namni tokkollee du'aa hamaan kanaan hin qabamne."

Sagantaan farra summii paarkii Reptaayilii Austiraaliyaa keessatti hojjetamu kun baay'ee milkaa'aa waan ta'eef erga bara 1981 jalqabee namni tokkolleen summiin hin ajjeefamne.

Qoricha kana hojjechuuf Eemaa fi gareenshee ishee gargaarsa ummata irraatti hirkatu. Namoonni ajjeesuu manna walitti sassaabanii kilinika isaanitti dhihaatu geessan.

Torban hunda, Eemaa fi gareenshee magaalota Austiraaliyaa keessa naanna'uun bineensota kana walitti qabanii bakka paarkii kanaa geessu.

''Orbosiisi Siidnii funnel-web jedhamu kun addunyaa kana irratti isaa hamaa ta'uu hin oolu," jetti Eeman osoo summii keessaa hiddaa jirtu.

'Intala Ispaayidar'

Eema Teeni

Sababni garmalee hammaa isaan taasisan lama jechuun ibsiti: ''vaayirasii isaanii cimaadha qofa osoo hin taane, bineensi kun naannoo baay'ee uummanni itti heddummaate qofa keessa jiraatu; kanaafis namoota waliin walitti dhufuun isaanii ni saalphaadha."

Fakkeenyaaf Chaarlii Siimpsiin akkuma mana haaraatti godaanen Siidnii funnel-web lama arge.

Lamaanuu qabee gara ogeessa beeyladaatti geese. Yeroo muraasan booda Teeniin dhuftee fudhatte.

Lammiileen Awustiraaliyaa bineensa kana barbaadanii "balaa keessa akka of buusan" gaafachaa hin jiru jetti Teenin.

Kanaa mannaa, namni yoo arge ajjeessuu dhiisanii akka gara isaanii geessan gaafachaa jiru.

"Kan Chaarliin fide kun ammaa lubbuu namaa bararuuf oola." jetti

Chaarlii Siimpsiin

Sarariitii qaban kanneen Eema fi gareenshee saalan adda baasu.

Dhalaan fidamu kamiyyuu sagantaa walhormaataaf fayyadamama. Gama biraatiin ammoo dhiironni dhalaa caalaa summii dachaa jahaa hanga torbaa waan qabaniif sagantaa farra summii'f kan oolu yoo ta'u, torban lamatti al tokko hiddama.

Summiin xiqqaan nama ajjeessuudhaaf gahaa ta'us, farra summii tokko hojjechuuf sarariitii 200tti barbaachisa jedhu saayintistoonni.

Ogeetti baayoloojii galaanaa kan taate Eeman hojiishee sarariitii hidduu jettee yaaddee hin beektu. Amma garuu hojiishee baay'ee jaallatti .

Hiriyyoonni, maatii fi ollaan beekumsa ishee irratti hirkatu.