Yugaandaan dhimmi siviilootaas mana murtii waraanaa irratti akka ilaalamuuf seera raggaasiifte

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Yugaandaa Yuweerii Museeveenii fooyya'insa seeraa haalli tokko tokko irra deebiin mana murtii waraanaa irratti akka ilaalamu taasisu raggaasan.
Kanaan dura seerri adeemsa akkasii hayyamu faallaa heeraatii jechuun baatii Amajjii darbe keessa mana murtii waliigalaa biyyatiin murteen kennamee ture.
Murtee mana murteetiin dura yoo siiviloonni meeshaa waraanaa fi uffata dambii waraanaa qabatanii argaman adeemsi seeraa mana murtii waraanaa irratti ilaalama ture.
Qaamooleen mirgaaf falman seerichi namoota mootummaa qeeqan adamsuuf kan hojiirra ooleedha jechuun komii dhiyeessaniiru.
Manni maree bakka bu'oota ummataa baatii darbe seerichi murtee mana murtii olaanaa biyyattii kan cabsudha jechuun mormiin mudatulleen fooyya'insicha raggaasifameera.
Abbaan seeraa mana murtee waliigalaa manneen murtii waraanaa walaba ykn hojii abbaa seerummaa raawwachuuf dandeettii hin qaban jechuun yeroo sanatti waldaan mirga namoomaa idil-addunyaaf ibsee ture.
Fooyya'insichi garuu kan rakkoolee tokko tokko furuu yaaluu fakkaata.
Namoonni manneen murtii dursan gahumsaa fi leenjii seeraa barbaachisaa ta'e qabaachuu akka qaban dubbata. Hojii seeraa isaanii yeroo raawwatan of danda'anii fi loogii irraa bilisa ta'uu akka qabanis dubbata.
Garuu ammalleen namni siiviilii tokko yoo meeshaalee waraanaa qabatee kan argame ta'e gara mana murtii waraanaatti jijjiiramuu danda'u.
Dubbii himaan biyyattii seerichi erga mana mareetiin raggaasiifameen booda, ''seerichi yakkamtoota hamoo irratti tarkaanfii cimaa ni fudhata.
Gareewwan siyaasaa hidhatanii adeemsa dimikiraasii diiguuf hundeeffaman ni dhorka. Nageenyi biyyaalessaa bu'uura cimaa irra akka dhaabbatu taasisa'' jedhaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata'u malee, dursaan paartii mormiituu Boobii Waayiin seerichi isaaniifi kaan irratti hojiirra oolfamuuf akka ta'e dubbatan.
''Kanneen faallaa motummaa jirru hundi seerri kun kan nurratti kiyyeeffateedha'' jechuun Ajaansi Firaansi Pireesiitti dubbatan.
Waggaa dheeraadhaaf qaamooleen mirga namoomaatiif falman, manneen murtiitii waraanaa mootummaan mormiitoota ittiin dhukaamsuuf itti fayyadamaa jira akkasumas namoota tokko tokko irratti ragaa sobaatu dhiyaata jechuun mormaa turan.
Abukaatoon mirga namoomaa kan ta'an Gaawaayaa Tagulee, baatii Guraandhala keessa BBC Focus On Africa'tti akka dubbataniitti, ''yoo mormiituu siyaasaa taa'e akka mana murtii waraanaatti dhiyaattuuf daandii barbaadu. Kanaafuu carraankee akka dhume beekta... Tokkichi asi seenaan ala haqaa hin geessu'' jechuun dhiibbaasaa dubbatan.
Abukaatichi itti dabaluudhaan, manneen murtii dureewwan waraanaa irraa murtee kan eeggatan yoo ta'an namoonni beenyaa malee hidhaarratti waggootaaf dabarsuu akka danda'anii fi mana murtiitti bakkeessaan yoo irratti argame ammoo adabbiin mana murtii idilee caaluu akka isaan eeggatu ibsaniiru.












