'Hojiif si barbaanna jedhanii waamanii hidhan'- Haadha manaa Gaaz. OBN Nageessoo Galchuu

Gaazexeessaa Nageessoo Galchuu kan ''hojiidhaaf barbaadamta jedhamee waamamee''hidhame

Madda suuraa, Nagesso Galchu FB

Miidiyaa Oromiyaa Biroodkastiing Neetwoork- OBN jedhamu damee Godina Arsii keessa kan hojjetu Gaazexeessaa Nageessoo Galchuu Sambata darbe gaafa Fulbaana 24, 2022 magaalaa Asallaatti to'atame.

Haati manaa Gaazexeessaa Nageessoo Galchuu Aadde Birtukaan Kadir Gammachuu, ''hojiif si barbaanna jedhanii waajjira poolisiirraa bilbilanii waamanii achumatti hidhaa buusan,'' jette.

Gaazexeessaan kun poolisiidhaan to'atamee guyyoota shan booda har'a (Roobii 28, 09, 2022) mana murtiitti dhihaateera.

''Har'a mana murtiitti dhiyeessanii deebisanii hidhan. Irreecha as deema jiru gufachiisuuf garee uumtee qindeessiteetta jedhanii himatan,'' jette Aadde Birtukaan.

''Duraan wayita qaban maaliin akka shakkan hin dubbanne. Hojiif barbaadamta jedhanii qofa waaman.''

Aadde Birtukaan guyyoota hanga abbaan warraashee mana hidhaa ture kanneen qindeessitoota OBN kan damee Godina Arsii fi waajjira muummeesaa Adaamaatti argamutti dhimma isaa iyyattus deeggarsa akka hin arganne himte.

Daarektara Itti Aanaa Oromiyaa Biroodkastiing Neetwoork (OBN) kan ta'an Obbo Masfin Badhaasaa hojjetaansaanii Gaazexeessaa Nageessoo Galchuu hidhamuu haadha warraa isaa irraa dhagahuu himanii yaada bal'aa kennuurraa of qusatan.

Gaazexeessaan kun hojjetaa keessan ta'uusaatiin waa'ee hidhamuusaa hagam beektu, akkamiin hordofaa jirtu gaaffii jedhuuf ''poolisii hidhe gaafadhaa, Asallaatti hidhamee jira achi gaafadhaa,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bakka gaazexeessaa Nageessoo Galchuu itti hidhamee jiru Waajjira Poolisii Magaalaa Asallaa aanaa lammaffaatti hoogganaa kan ta'an Komaandar Mohammad Kadir irraa dhimma kana qulqulleeffachuuf bilbillus bilbila hin kaasan.

Aadde Birtukaan akka jettutti Komaandar Mohammad dabalatee qondaaltonni mootummaa magaalattii Nageessoon akka hiikamu natti himaa turanis garuu hanga yoonaa daa'imasaa dhiisee mana hidhaa jira jetti.

''Daa'ima tokko qabna. Daa'imni isa bira deemuuf boo'a. Qindeessaa Godinaa waliin taanee yeroo hedduu deemnee gaafanneerra. Balleessaa isaas nutti hin himne. Warri waajjira poolisiis akkanni hiikamu nutti himuu malee hanga yoonaa hin hiikne.''

Gaazexeessaa Nageessoo Galchuu wayita itti bilbilamee hojiif akka barbaadamu itti himame dhimma komii lafaan walqabatee jiru irratti gabaasa hojjechuuf gara waajjira lafaatti bilbilaa ture jetti Aadde Birtukaan.

Erga waamanii waajjira poolisiitti hidhanii boodas qabanii deebi'anii akka manasaa sakatta'an himte.

Aadde Birtukaan abbaan waraashee tasa wayita biraa qabamee mana hidhaa bu'u rifattee gadda guddaa keessa seenuu himte.

Gaazexeessaa Galchuu hidhamuusaa dura qaamni wayii akka isa doorsisaa jiruu fi sodaa akka qabu fuula feesbuukiisaa irratti barreessee ture.

Kanaan duras ALI Muddee 10, bara 2014 Gaazexeessaan OBN Seefuu Gurmuu manasaatti qabamee hidhamee osoo mana murtiitti hin dhihaatin ji'oota boioda gadhiifameera.

Dhaabbanni US buufatee mirga gaazexeessitootaafi walabummaa miidiyaaf falmu CPJn ibsa dhiheenya baase keessatti Itoophiyaan biyyoota Afriikaa Sahaaraa gadii akka malee gaazexeessitoota hidhan keessaa tokko jedheera.

Akka ibsi dhaabbatichi Kibxata Hagayya 02, 2022 baase jedhutti yoo xiqqaate gaazexeessitoonni fi ogeeyyiin miidiyaa 63 erga Sadaasa bara 2020 as (erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti eegalee) hidhamaniiru.