Bilbiloota ismaartii manneen barnootaa keessatti qabachuun balaa qaba-UN

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii bilbiloota ismaartii manneen barnootaa keessatti qabachuun balaa akka qabu akeekkachiise.
Manneen barnootaa keessatti "teeknooloojii barumsa deeggaru qofti" akka fayyadu ibse.
Moobaayiliin xiyyeeffannoo barattoota dhorku, iccitii barattootaa balaaf saaxiluu fi qoccollaa karaa saayibariin barattoota miidhuu danda'a jedha, Jaarmiyaan Barnootaa, Saayiinsii fi Aadaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii UNESCO'n.
Garuu akka addunyaatti biyyoota afur keessaa tokko hin caalletu seera ykn imaammata bilbila manneen barnootaa keessatti dhorku tumatee qaba jedha gabaasni kun.
UK keessatti daarektarrii mana barnootaa qajeelfama baasu garuu dhorkaan kun manneen barnootaa irra caalaan keessatti hojiirra oola jedha.
Barreessaa gabaasa hordoffii barnootaa bara 2023 sadarkaa idil-addunyaa kan ta'an Manoos Antoninis BBC'tti akka himanitti, qorannoo gaggeessaniin''itti fayyadama bilbila ismaartii mana barumsaa keessatti barattoota barumsarraa xiyyeeffannoosaanii jeequ akka fakkeenyaatti eeramufi iccitii dhuunfaasaanii balaaf saaxilu dabalaa jiraachuu'' hubachuu himan.
"Teeknooloojiin barnoota deeggaru qofti mana barumsaa keessatti argamuu qaba," jedhan.
Barattoonni guutummaatti teeknooloojiirraa daangeeffamu hin qaban jedhan Obbo Antoninis.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu biyyoonni gosti teeknooloojii akkamii mana barumsaa keessatti eyyamamuu akka qabu qajeelfama fooyya’aa qabaachu qabu jedhan.
Qorannoowwan hedduun akka agarsiisanitti, bilbila harkaa manneen barnootaa irraa dhorkuun ga’umsa barnootaa akka fooyyessuu gabaasni kun ni mul’isa.
Leksii, shamarreen ganna 16, daarektarri mana barnootaa ishee duraanii mana barumsaa keessatti bilbila barnootaaf akka fayyadaman eeyyama ture, garuu barattoonni yeroo baayyee miidiyaa hawaasaaf akka itti fayyadaman dubbatte.
Ismaartifooniin qoccollaaf kan oolu ta'us, miira walitti dhufeenya uumuuf akka gargaarullee dubbatte.
"Bilbiloonni nama qoccolamaa jiruurratti fi fayyaa sammuu isaa irratti dhiibbaa hamaa geessisuu akka danda'an nan arga. Garuu, waa'ee fayyaa sammuu yoo dubbannu bilbilli walitti dhufeenya hawaasummaa gaarii ta'e uumuus danda'a."
"Yoo yeroo rakkisaa keessa jirta ta'e, nama tokko waliin haasa'uuf mirga qabaachuu qabda" jechuun BBC'tti himte.
Xiyyeeffannoo dhabuu fi jeeqamuu
Bara 2021tti Ministira Barnootaa yeroo sanaa kan turan Gaavin Wiliyaamsan,
manneen barnootaa biyya Ingilizii keessatti bilbilli harkaa akka dhorkamu gaafatanii turan.
Garuu qajeelfamni Ministeera Barnootaa amma baase bilbila moobayilii mana barnootaatti fayyadamuu danda’uu fi dhiisuu kan murteessuun daarektaroota manneen barnootaati jedha.
Haa ta'u malee, mana barumsaa keessatti mobaayila fayyadamuu eeyyamuun balaa qabu, xiyyeeffannoo barattootaa jeequu, jeequmsa, doorsisa dabalatee miidhaa kan fidu yoo ta'u, barumsa miidhuu akka danda'u akeekkachiise.
"Daarektaronni manneen barnootaa balaa kana hir'isuuf bilbila harkaa daangessuu ykn dhorkuu yaaduu qabu," jedha qajeelfamni Ministeera Barnootaa.
Ji'a Waxabajji keessa Waldaan Maatii Barattootaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa saddeet Ayerlaanditti argaman daa'imman manatti ykn mana barumsaa keessatti bilbila ismaartii fedhiin akka hin fayyadamne dhorkuu isaa BBC Newsround gabaase.
Nama ganna 14 kan ta'e - kan dhiheenya kana bilbilli kennameef - daa'imman umuriin isaanii waggaa saddeet ta'eef bilbila kennuun ''qoosaa''akka ta'e dubbate.
"Warri barattoota muraasni bilbila akka hin gargaaramne daangessu, gariin garuu hin daangessan - sana booda waan hin malle ilaalu danda'u" jedha.
Garuu kaan ammoo bilbilli harkaa warra waliin haasa'uuf faayidaa qaba jechuun mormu.
Bara 2017tti Baanglaadeesh barattoonnis ta'e barsiisonni manneen barnootaa fi kolleejjiiwwan keessatti bilbila harkaa gara daree barnootaa akka hin fidne dhorkiteetti.
Faransaayis uggurtetti, garuu barattootaa murtaa'eef eeyyamte, fakkeenyaaf kanneen qaama miidhamtoota ta'an ykn yeroo bilbilli ismaartii barsiisuuf oolu.
Akkasumas bara dhufu Nezerlaand irra caalaa bilbiloota harkaa, taableetotaa fi sa'aatii ismaartii daree barnootaa sadarkaa lammaffaatti dhorkuuf jirti.












