Lolaa hamaa Niiw Yoork mudateen labsiin yeroo muddamaa labsame

Madda suuraa, BBC, Reuters
Ameerikaa magaalaa Niiw Yoorkitti balaa lolaa hamaa mudateen walqabatee labsiin yeroo muddamaa labsame.
Daandiin geejjiba baaburaa lafa jalaa hedduun akkasumas daandiiwwan saffisaa (express way) magaalattii lolaadhaan liqimfamaniiru.
Balaa lolaa kanaan buufataaleen xiyyaaraa magaalattii keessa jiran keessaa tokko Jimaata kaleessaa cufameera.
Naannoolee magaalattii tokko tokkotti ammooo roobni cimaan kan roobe yoo ta’u, halkan edaa kutaalee magaalattii birootti roobni xiqqaan akka roobu ragamee ture.
“Kun obomboleettii hamaa lubbuu namaa balaarra buusudha,” jedhan bulchaan Niiw Yoork Kaatii Hochul.
Ergaa X ykn Tiwiitara irratti maxxansaniin, "sababii rooba cimaa guutuu Niiw Yoork, Loong Aayilaandi fi gammoojjii Haadsan keessatti roobeen labsiin yeroo muddamaa labsameera," jedhan.
Bulchaan kun namoonni bakka nageenya qabu keessa turuufi daandii lolaadhaan guutame irra deemuu irraa akka of qusatan dhaamaniiru.
Sababa lolaa kanaan hanga ammaatti lubbuun namaa darbe ykn miidhaan guddaan qaqqabe hin jiru.
Magaalaa Niiw Yoork irraa baayyee hin fagaanne Hoboken, Niiw Jersii keessattis labsiin yeroo muddamaa labsameera.
Kantiibaan magaalaa Niiw Yoork Erik Adams namoonni dammaqinaan akka of eeggatan dhaamaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kantiibaan magaalattii daandiin baaburaa magaalattii garmalee waan diphateef magaalattii keessa socho'uun rakkisaa ta'uu ibsaniiru.
Kantiibaa Adams Jimaata galgala miidiyaaleef akka ibsanitti namoota 15 sababa lolaa kanaan karaa ba’an dhabanii konkolaataa fi kutaa kondominiyeemii jala jiru keessatti ugguraman baraaramaniiru.
Odeeffannoon ejensiin geejjibaa magaalattii baase akka mul'isutti, lolaa cimaan sarara baaburaa gurguddoo magaalaa Niiw Yoorki haalaan jeeqeera.
Sararoonni baaburaa lafa jalaa tokko tokko guutummaatti kan cufaman yoo taʼu, buufataaleen baaburaa hedduun cufamaniiru.
Naannoo tokko tokkotti hojjettoonni balaa tasaa namoota gamoo lolaan guutame keessatti qabaman baraaruuf bidiruu fayyadamuu isaaniis gabaafameera.
Suuraa fi viidiyoon namoonni naannoo hedduutti lolaa keessatti hamma jilba isaaniitti liqimfamanii fi karaa itti bahan dhabanii burjaaja'aa turan marsariitii hawaasaa irratti mul'ateera.
Jiraattuun magaalattii BBC waliin dubbatte tokko akka jettetti qabeenyi ishee doolaara kuma 25 hanga 30tti tilmaamamu lolaa kanaan barbadaa'eera.
Poolisiin magaalaa Niiw Yoork akka jedhetti daandiiwwan hedduun cufamanii qaamoleen nageenyaa biyyaalessaa bobbaafamaniiru.
Magaalaan Niiw Yoorkitti ji'a kana keessa roobni inchii 14 kan roobe yoo ta'u, erga bara 1882 as ji'a Fulbaana keessa rooba akkanaa wayita argattu kun kan jalqabaati.












