UK'n rakkoo namoomaa Itoophiyaa keessaa furuuf gargaarsa paawondii miiliyoona 100 nan kenna jette

Rakkoon namoomaa Itoophiyaa keessa jiru yeroo hammachaa dhufetti, namoota miidhaman miiliyoona sadii ol ta’an gargaaruuf UK’n paawondii miiliyoona 100 akka kennitu beeksisteetti.
Mootummaan biyyatti akka ibsetti, gargaarsi haaraa kun haadholiifi daa’immaan Itoophiyaa keessa jiran gargaaruuf akka oolu ibsuun, UK’n yaaddoo rakkoo namoomaa Itoophiyaa keessatti dabalaa jiru akeekkachiiseera.
Fandiin kun kan labsame erga Ministeerii Guddinaafi Afrikaa UK, Andiruu Micheel, daawwannaa guyyaa lamaa Itoophiyaatti taasisaaniin, rakkoo namoomaa jiru ofii arganii boodadha.
Rakkoo guddaa uumamuu danda’u kana hambisuuf hawaasni idil-addunyaa tarkaanfii akka fudhatuufis UK’n waamicha dhiyeessiteetti.
Haadholiifi daa’immaan dabalatee Itoophiyaa keessatti namoonni miiliyoona sadii ol ta’an, karaa sagataa gargaarsa namoomaa UK’tiin gargaarsa lubbuu baraaruu malu ni argatu, dabalataanis gargaarsi naannoo Tigraay ni dabala.
Andiruu Micheel yeroo Itoophiyaa daawwatanitti, haala hammaachaa jiru fooyyessuuf jecha tarkaanfiwwan UK’n fudhachaa jirtu ibsaniiru.
Faandiin UK haaraa paawondii miiliyoona 100 ta’u kun, du’a hambifamuu danda’u kan daa’imman, keessumaa daa’imman umurii ganna shanii gad jiraniifi haadholii ulfaa, akkasumas da’an irratti xiyyeefatee jiru hambisuuf akka oolu ibsaniiru.
Sagantaan kun lammilee Itoophiyaa miiliyoona 3 ta’an – keessumaa dubartootafi daa’immaan – tajaajila fayyaa bu’uraa akka argataniif gargaara.
Faandiin kun carraa sagantaa karooraa maatii, qorichaafi taalallii daa’immanii argachuus ni dabala.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabalataanis, faandiin hatattamaa kun hanqina nyaataafi du’a oolchamuu danda’u kan akka dhiibewwan busaa fi kooleeraa irraa dhufu littisuuf wiirtulee fayyaa 75 ni gargaara.
Kaaba Itoophiyaa keessatti, namoonni miiliyoonaan lakka’aman beelaaf saaxilamaniiru.
Waraanniifi jijjiiramni haala qilleensa omisha qonnaa gufachiisuun, uummanni qe’ee isaanirra akka buqqa’aniif dirqisiseera.
Waaranni Tigraay namoota miiliyoona 1 ol ta’an qe’ee isaaniirra buqqiseera. Waraanni tureefi ommishni qonnaa gufachuu isaa waliin ta’uun kaaba Itoophiyaa keessatti namoota miiliyoona sadii ol ta’an yaaddoo hanqina nyaataafi beelatti galcheera.
Namoonni miiliyoonaan lakka’aman dabalataa gargaarsi isaan barbaachisa, keessumaa dubartoonniifi daa’imman guddaa miidhamaniiru.
Ministeerri Guddinaafi Afrikaa UK, Andiruu Micheel, “rakkoon jiru addunyaaf waamicha dammaqaa jedhudha. Hanqinni nyaataa sadarkaa hamaarra jira. Waraanni ummata qe’eerra buqqisee, bu’uraalee misoomaa ijoo diigeera,” jedha.
“Jijjiiramni haala qilleensaa fi El Ninoon Muddee darbeerra eegalee namoonni 400,000 ta’an Itoophiyaa naannoo Somaalii keessa jiran akka qe’ee isaaniirra buqqa’an godheera,” jedhan.
“Namootni miiliyoonaan lakka’aman buqqa’iinsa, beelaa fi gargaarsa barbaadu keessatti danqamani jiru. Akkuma barame, keessumaa dubartootiifi daa’imman kanneen jalqaba miidhamanidha, ” jedhan Micheel.
Dabaluunis, “hawaasni addunyaa waliin ta’unu Itoophiyaa cinaa dhaabbachuu qaba, akkasumas waayilooti keenya mootummaa keessa jiraniifi kan idil-addunyaa waliin ta’uun rakkoo kan hambisuuf hojjechuu qabu,” jedhaniiru.
“Nannoo kanaan dura beelaan miidhamte keessatti, balaa cimaa dhiyeenya uumamuu danda’u hambisuuf yaalii idil-addunyaa keenya cimsuu qabna. Hatattamaan, amma tarkaanfii fudhachuu qabna.”

Mootummaan UK fi gummaachitoonni idil-addunyaa namoota miiliyoona 6.6 ta’an gargaarsa barbaadaniif deebii kennaa jiru.
Ta’us akka ministeerichi akeekkachiisanitti, lakkoofsi namoota hanqina nyaataan hubamanii dabalaa jira, ji’oota dhufan keessattis miilioona 10.8 ni qaqqaba.
Andiruu Micheel, marii mootummaa Itoophiyaa waliin gaggeesseen, UK’n gargaarsa namoomaa Itoophiyaaf, dubartootaafi shamarraniif, waldhabdee biyya keessaa hambisuufi dhimmoota nageenya naannichaa jeeqan, kan akka waliigaltee wal hubbannoo Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf Somalilaand waliin taasiste irratti kutannoo akka qabdu ibsaniiru.
Komiishinarri Komiishinii To’annoo Balaa Itoophiyaa gama isaan “ gogiinsa fayidaa siyaasaaf fayyadamu” jedhu balaaleffateera.
Komiishinarri Komiishinii To’annoo Balaa Itoophiyaa, Obbo Shiferraaw Teklamaariyaam, haalli amma Itoophiyaa keessa jiru “hongeedha malee beela” akka hin taane himaniiru.
Turtii Dhabbata Oduu Itoophiyaa waliin taasisaniin, Obbo Shiferraaw kutaalee biyyatti adda addaa keessatti rakkoo gogiinsaa jiru fayiidaa siyaasaaf oochuun sirrii kan hin taaneefi tasa fudhatamummaa waan hin qabnedha,” jedhaniiru.
Komishinaarichi dabaluun haalli jiru gogiinsa malee beela akka hin taane kan adda baafameeru qorannoo qaamolee idil-addunyaa waliin taa’uun taasifameeni jedhaniiru. Sababa hongee rakkoon uumame jiraatus “ sadarkaa beelaarra hin geenye” jedhan Obbo Shiferraaw.
Dhiyeenya Tajaajiilli Kominikeeshinii Mootummaa, namoonni miiliyoona 6.6 ta’an sababa hongeetiin gargaarsa nyaataa hatattamaa akka barbaadan ibseera.
Kunneen keessa miiliyoona afur kan ta’an nannoolee kaaba Itoophiyaa keessatti argamu.
Rakkoo kana furuuf, namoota gargaarsi hatattamaa isaan barbaachisuuf gargaarsa nyaata dhiyeessuuf, birriin biiliyoona 9.2 ta’u akka barbaachisu mootummaan Itoophiyaa tilmaameera.












