Liyoonel Mesiin tapharraa hafnaan deeggartoonni ''gatii tikkeettii keenya nuu deebisaa'' jedhan

Hoong Koongitti deeggartootni Liyoonel Mesiin taphachuu dhabuutti aaran kileba Inter Miyaamiitti dheekkamsa isaanii ibsan.
Inter Miyaamiin Hoongi Koongitti kileba XI jedhamu waliin tapha michummaa taphachuun 4-1'n mo'atan.
Liyonel Mesiin ni taphata jechuun deeggartootni 40,000 istaadyeemii galanii ture.
Haa tahu malee miidhama isa mudateem Mesiin taa'umsa jijjiirraa irratti hafe.
Taphataan ganna 36, Waancaa Adunyaa mo'ate, Mesiin taphicha irratti ni hirmaata jedhamee eegamee ture.
Abbaan qabeenyaa kilebichaa Deevid Beekam yeroo ergaa dabarsaa turetti deeggartootni ''Maallaqa keenya nuu deebisaa'' jechuun itti iyyaa turan.
Bulchaan Hoongi Koongi Mesiin yoo xiqqaate daqiiqaa 45 taphata jedhamee waliigalamee ture jedhan.
Barreessaan Biirii Aadaa, Ispoortii fi Turizimii Hoongi Koongi Keevin Yeengi, Mesiin ni taphata jedhamuun qondaaltota mootummaatti irra deddeebiin himama ature jedhan.
Miidhamni Mesii mudate jabaa waan taheef taphicharra akka hin hirmaanne taphni jalqabuuf yeroo daqiiqotni kudhan hafan nutti himame jedhan.
''Akkuma kana dhageenyeen karaatti Mesiin deeggartoota wlaiin wal argu barbaaduun akka inni dirreetti bahee deeggartoota isaa waliin dubbatuu fi badhaasicha fudhatu jenne,'' jedhan.
''Akka carraa tahee akkuma hundi keessan argitan kunis osoo hin milkaa'iin hafe.''
''Mootummaan dhimma kana ilaalchisee ibsa baaseen, ''Mesiin har'a taphachuu dhabuu isaan mootummaan akkasumas jaalattootni kubba miilaa qindeessitoota dorgommichaatti akka malee mufannee jirra. Kanaaf deeggartoota kubba miilaa hundaaf ibsa kennuu qabu'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dabalataan MSEC qindeesitoota dorgommichaa Tatler Asia jedhamaniif doolara Hongi Koong miliyoona 15 ykn USD mil. 1.5 tahu kennuu ibse.
Bakkichaaf ammoo dabalaan Doolaara Hongi Koongi miliyoona tokko kennuu hime.
Haa tahu malee qindeesitootni dorgommichaa Tatler Asia sababa Mesiin hin taphanneef maallaqa jedhame akka hin gaafanne himan.
Hogganaan Tatler Asia, Miishel Lamuniree, ''waan gaariin qophaa'e akkasitti xumuramuu isaaf hedduu gaddina'' jedhan.
Kanaaf maallaqa mootummaa Hoongi Koongi irraa argachuuf turan doolaara Hoongi Koongi miliyoona 16 tahu akka hin gaafanne ibsan.
Istaadiyeemii Hoongi Koongi galanii Mesii daawwachuuf namootni 38,323 tahan doolaara 101 mata mataatti kaffalaniiru.
Haa tahu malee, Mesiin hin taphatiin hafe. Miiltoon isaa Luwis Suwaarez ji'a Amajjii darbe kana kilebichatti kan makame miidhama jilba isaa mudateen innis hin taphanne.
Boqoannaa booda deeggartootni ''Mesii barbaanna'' jedhan akka malee iyyaa turan. Haa tahu malee, Mesiin taa'umsa jijjiirraa irra taa'uun taphichas miira deeggartoota isaas daawwacha ature.
Dhuma irratti Deevid Beekam deeggartoota argamuu isaaniif galateeffachuuf yoo jedhu iyyaan gurra isa cufan.
Qindeessitootni sagantichaa Mesii fi Suwaarez taphachuu dhabuu isaanii kilebicha irraa odeeffannoo hin arganne ture jedha gabaasni bahe.
Akka hakiimonni isaanii jedhanitti lamaan isaanii Mesii fi Suwaarez tapha kana irratti hirmaachuu hin danda'an.
Leenjisaan Inter Miyaamii, Jeraardoo Martinoo, ''miira deeggartootaa ni hubanna, mesii fi Suwaarez taphachuu dhabuu isaanii hedduu nu gaddisiisera, garuu kun murtoo hakimonni keenya dabarsan waan taheef dhiifama gaafanna'' jedhan.












