Indiyaatti baaburri konkolaachisaa malee km70 ol kophaa 'gulufe'

The train, carrying chip stones, was on its way to Punjab from Jammu

Madda suuraa, ANI

Dhaabbanni Indiyaa Reelweeyis erga baaburri fe'umsaa km 70 ol konkolaachisa malee ofiin imale booda qorannoon akka gaggeeffamu ajaja dabarse.

Viidiyoowwan marsaalee hawaasaarratti qoodaman, baaburri wayita buufataalee baaburaa garagaraa saffisa guddaan dabru agarsiisu.

Akka gabaasaaleen jedhanitti, gaafa Dilbataa baaburichi Kaatuwaa Jaamuufi Kaashmir irraa hanga Punjaab bakka Hoshiyaarpur jedhamutti konkolaachisaa malee deeme.

Baaburi kunis miidhaa tokkollee osoo hin dhaqqabsiisin dhaabsisuun akka danda'ame dhaabbanni baabura biyyattii hime.

Anga'oonni madda oduu PTI'tti akka himanitti, taateen kun Dilbata ganama keessaa akka biyyaatti sa'aa 1:25 hanga 3:00tti raawwatame.

Baaburri konkolaattoota 53 harkisaa adeemaa ture kun, dhagaa daakame baatee imalaa ture.

Fe'umsi kunis Jaamuurraa Punjaabitti kan geeffamaa ture ennaa tahu, bakka Kaatuwaa jedhamutti hojjettoonni walgeeddaruuf dhaabbachuun himameera.

Anga'oonni akka himanitti, konkolaachisaa fi gargaaraansaa erga keessaa bu'anii booda, baaburichi irraan gadee sarara hadiidaarra imaluu jalqabe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baaburri kun saffisa sa'aatiitti km100tti dhiyaatutti kan 'gulufaa' ture ennaa tahu, dhaabsifamuun dura buufataalee baaburaa shan keessa darbeera.

Erga waa'ee baabura kophaa imaluu kana dhagahanii booda, anga'oonni ulaawwan konkolaattonni hadiida qaxxaamuruun itti cehan cufaniiru.

"Hojjetaan dhaabbatichaa tokko mukkeen mummuraman hadiidarra naquun dhaabsisuu danda'e," jechuun qondaalonni PTI'tti himan.

Mukkeen hadiidarra kaa'aman saffisa baaburichaa hir'isuuf gargaaraniiru.

Anga'oonni dabaluun, sababa baaburri kun ittin socho'e adda basauufi garga fuuladuraatti dhimmi kun akka hin mudanne hambisuuf yaalaa akka jira ejensii oduu kantti himan.

Addunyaarra networkii baaburaa isa guddaadha kan jedhamu, daandiiwwan baaburaa Indiyaa, waggoota 160n dura bara kolonii Biritish keessa ijaarame.

Ammatti, networkiin kun guyyaatti baaburoota 11,000 ta'an kan deddeebisu ennaa tahu, hadiida baaburaa dheerina km 107,000 ol qaba.

Waxabajjii bara dabre keessa, Indiyaan seenaashee keessa balaa baaburaa isa hamaa keessummeessite. Gaafas baaburoonni nama fe'an lamaa fi kan fee'umsaa tokko bulchiinsa Odishaa keessatti walitti bu'uun, yoo xinnaate namoonni 275 lubbuu dhabaniiru.