Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ilmi Chee Guveeraa ganna 60 tti du'e
Ilma qabsaa'a beekamaa Chee Guveeraa kan ta'e Kamiiloo Guveeraa jedhamu magaala guddoo Venizuweelaa kan taate Karaakas keessatti ganna 60tti du'e. Karaakas ilma angafaa Chee Guveerati.
Sababni du'a isaatii ammoo dhukkuba onnee akka tasaatin ta'u himan Angawoonni Kuubaa.
Kamiiloo Guveeraa bara jireenya isaa harka caalu hojiilee abbaa isaa Chee Guveeraa walitti qabuu fi galmeessee kaa'uu irratti xiyyeeffate.
Chee Guveeran michuu isaa kan ture Fiidaal Kaastiroo wajjin ta'uun sirna fiwudaalaa irratti qabsaa'aa ture.
Chee Guveeran sirna Arjentiinaa keessa ture iratti qabsaa'aa kan ture yoo ta'u Fiidal Kaastiroo ammoo Kuubadhaaf falmaa ture.
Ilmi Chee Guveeraa, Kamiilon suura abbaa isaa Alberto Kordaadhan gabaaf dhiyaatee akka malee beekame akka hin baane mormaa ture. Sababni isaa surri abbaa isaa daldalaaf akka ta'u hin feene ture.
Chee Guveeran ilma isaa Kamiloo haadha manaa isaa lammaffaa Aleyida Maarch irraa godhate.
Kamiilon dhaabbata maqaa abbaa isaatin hundaa'e fi magaala guddoo Kubbaa kan taate Havaanaa keessatti argamu Giddu gaka Qorannoo Chee Guveeraa jedhamutti gaggeessaa ta'e.
Giddu galli kun bakka hojiiwwan dhuunfaa Chee Guveeran bara qabsoo taasise dalage fi jireenya dhuunfaa isaa itti argamuudha.
Angawoonni Kuubaa akka jedhanitti Kamiiloo Guveeraa kan du'e daawwannaaf gara magaala guddoo Venezuweelaa kan taate Karaakas deemeti.
Pirezidaantin Kuubaa Miguweel Diyaaz Kaanel ergaa gaddaa karaa tiwiitaraa barreessaniin: "Gadda guddaa wajjin Kamiiloo Guveeratti nagaa dhaamuu barbaanna, ilma hojii abbaa isaa beeksisaa tureedha."
Chee Guveeran Arjentiinatti kan dhalate. Kuubaa keessatti sochii waraanaa bulchiinsa Baptiistaa jigsuuf obbolaa lamaan, Fiidal Kaastiroo fi Raawul Kaastiroo gaggeessanitti makame. Warraaqsa kanaanis milkaa'un Kuubaa to'atan. Seenaa qabsoo Kuubaa keessatti Chee Guveeran guddaa jaalatama. Kamaiilon ijoollee shan Chee Guveeran godhate keessaa lammaffaadha. Yeroo Chee Guveeran Boliviyaa keessatti ajjeefamu Kamiilon daa'ima waggaa shanii ture.
Chee Guveeran erga Kuubaa keessaa baheen booda qabsoo hidhannoo bifa haaran eegalee biyya isaa Arjentiinaa keessatti jijjiirama sirnaa fiduuf jecha gara Boliviyaa deeme. Osoo baay'ee hin turin bosona Booliviyaa keessatti rukutamee ajjeefame.
Ilmi isaa Kamiilon seera baratus bara jireenya isaa guutuu hojiilee, seena fi dokumentiiwwan Chee Guveeraa ibsan walitti qabuu irratti dabarse.
Warraaqsa Kuubaa booda namoonni fi firoottan Kaastiroo kanneen akka Juwaanita Kaastiroo fi intala isaa Aliina Fernaandez waa'ee warraaqsichaa qeeqanis, Kamiilon Fiidal Kaastiroo fi Raawol Kaastiroodhaf amanamee jiraataa ture.
Kamiilon yeroo hunda suura kaasuu jaalata. Harka tokkotti kaameeraa, harka biraatti ammoo sigaaraa baatee deema.
Sirbituu beekamtuu lammii Kuubaa Suuyilan Milaanes irraa intala tokko godhateera. Dubartii lammii Venezuweelaa Roosaa Aliso irraa ammoo ijoollee dubaraa lama godhateera.