Kooriyaan Kaabaa Waayit Haawus keessatti waan raawwatu 'kallattiin ilaalaan jira' jette

Kooriyaan Kaabaa saatalaayitii basaasaa ishee fayyadamuun waan Waayit Haawus keessatti ta'u hunda daawwachaa jiraachuu himti, warri lixaa ammoo dhuguma biyyattiin kana raawwachaa jiraachuushee ija shakkiin ilaalu.

Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un waa'een saatalaayitii basaasaa kanaa afaanii isa hin bu'u, guyyuu leellisa.

Bu'aa isheen argamsiistes gammachuudhaan ibsataa jira.

Miidiyaan biyyattii akka gabaasetti Kooriyaan Kaabaa taateewwan Waayit Haawus, Pentaagan fi buufataalee humna qilleensaa Ameerikaa keessatti raawwataman argaa jirti.

Keessattuu sochii humna qilleensaa US qarqara kaaba lixaa fi daangaa garba Paasifik- Guam jiru itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuu ibsite Kooriyaan Kaabaa.

Ollaasheettis waan buufata waraanaa Kooriyaa Kibbaa fi magaalaa buufata galaanaa biyyattii Busan keessatti ta'aa jiru hunda argaa jiraachuu ibsite.

Kan biraan kan amanuuf nama rakkisu, kan Kooriyaan Kaabaa hordofaa jiraachuu himattus jira: Rome.

Wanti kun jalqaba wayita Kim Jong Un irraa dhagahamu nama raajuu danda'a, garuu dhugaansaa hanga dubbatamu sana miti.

Qondaalli waraanaa Ameerikaa tokko ''Suuraa fi viidiyoon Peentaagan fi Waayit Haawus kan onlaayinii jiru hedduudha. Kanaafuu dhimma kana kanumaan bira haa darbinu,'' jechuun waan Kooriyaa Kaabaa argaan jira jettuuf deebii kenne.

Dhugamattuu yeroo ammaa namni kamuu suuraa hedduu google fi viidiyoowwan kallattii onlaayinii jiran fayyadamuun waan Waayit Haawus keessatti ta'u irraa dubbachuu danda'u.

BBCn kana yaaleera- YouTube irratti kaameeraan kallattii Waayit Haawus jalqabarra jira.

Akkas yoo ta'e wanti addaa Kim Jong Un ittiin addunyaa gowwoomsuuf yaalu kun maaliree?

Kana maaliif akka waan guddaatti dubbata, maal irraa buufatas?

Saatalaayitiin Kooriyaa Kaabaa dhuguma hojjetaa?

Jalqabuma, saatalaayitiin Kooriyaan Kaabaa baantu kun hojjetaa jiraachuunsaa shakkii qaba.

Erga torbee tokkootii achumaa ofirra naanna'a, odeeffannoo deebisee Kim Jong Un'f kennuusaa wanti ittiin mirkaneessan hin jiru.

US, Kooriyaan Kibbaa fi Jappaan saatalaayitiin kun orbitii keessa akka jirtu qofa ibsan.

Kooriyaa Kibbaa Yuniversitii Seoul keessatti waa'ee siyaasa Kooriyaa Kaabaa kan qoratu Fyodor Tertitskiy waa'ee Kooriyaa Kaabaa wanti beeknu yoo jiraate waan takka qofa, inni ''yeroo hunda sobuu isheeti,'' jedhe.

''Wanti isaan ibsan, dirqama dhugaa ta'uu hin qabu. Yeroo hunda gocha qabatamaan jiru ilaaluudha.''

Piyoongiyaangi duraanuu viidiyoo fi suuraa sobaa agarsiisuun olaantummaa humna waraanaa isaa leellisuun beekama jedhuun warri lixaa.

Ammas viidiyoo fi suuraa addaa iccitiin argate baasee agarsiisuurraa of qusateera, garuu haasaa qofaan qalbii hawaasa biyyattii fi idil-addunyaa hawwachuu fedha jedhuun.

Kooriyaan Kaabaa garuu kan odeeffannoo argatee dhoksuuf diinni iccitiisaa baree akka tarkaanfii hin fudhanneef.

Kooriyaan Kaabaa suuraan isheen saatalaayitiidhaan Waayit Haawus irraa argattu yoo jiraatellee qulqullina kan qabu hin ta'u jedhu xiinxaltoonni.

Kooriyaa Kibbaa magaalaa Seoul Dhaabbata qorannoo imaammataa keessatti dhimma humna waraanaa Kooriyaa Kaabaa kan qoratu Uk Yang, ''Yoo Waayit Haawus arguu danda'anillee kun mala bu'aa buusu miti. Waan qulqulluu hin argatan,'' jedhe.

Garuu kaayyoon Kooriyaa Kaabaa yeroo hunda iddoo meeshaan niwukilaraa jiruu fi akkamiin haleeluun akka danda'amurratti kan xiyyeeffatu waan ta'eef, tarsimoon kun gama kanaan biyyattii fayyaduu danda'a jedha Aab Yang.

Biyyattiin tarkaanfii amma fudhachaa jiraachuu ibsite kanarratti gocha qabatamaa agarsiisuu baattus, garuu sochiin ishee kun gama teeknooloojiin guddina agarsiisaa jiraachuu ibsa.

''Kaayyoon Kooriyaa Kaabaa dandeettii akka qabdu mul'isuudha. Saatalaayitii basaasaa haala kanaan fayyadamuun salphumatti birmadummaa biyya tokkoof yaaddoo ta'uu akka waan sirriitti fudhatan. Kun seera Mana Maree Nageenyaa UN kan faallessudha,'' jedha Yuniversitii Ewha magaalaa Seoul keessatti argamutti pirofeesar qorannoo idiladdunyaa kan ta'e Leif-Eric Easley.

Mootummaan Kooriyaa Kaabaa yeroo dheeraaf waa'ee sagantaa saatalaayitii isaa kanaaf falmaa tureera.

Saatalaayitii kana qabaachuun mirga akka biyyaatti qabdu ta'uu ibsiti biyyattiin.

Kooriyaa Kaabaaf ija (saatalaayitii) hawaa keessaa qabaachuun ija siyaasaan yoo ilaalamu galma yeroo dheeraati.

Keessattuu waggoota kurnan hedduuf warri lixaa daangaasheetti siqanii ishee basaasaa turuun tarkaanfii kana akka fudhattuuf ishee dirqamsiiseera.

Piyoongiyaang isa Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa waliin ta'uun sahaakallii waraanaa lafoo fi qilleensaan gaggeessaniin waggootaaf boqonnaa malee jiraachaa jirti.

Saatalaayitiin basaasaa daangaasheetti siqee kaa'amee jiru ammoo daranuu ishee yaaddessuun, akka kan mataashee eegaltu ishee taasise.

Oduchi sobas ta'u dhugaa, biyyattiin tarsimooshee dhageeffataa biyya keessaa fi biyya alaaf ibsitee jirti.