Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Awurooppaa akka fudhattu tilmaamni guddaan maaliif Ispeeniif kenname?
Tapha xumuraa Waancaa Awurooppaa kan bara 2024 - Euro 2024 ga'uuf biyyoonni falmatan afran har'a ni falmatu.
Har'a galgala sa'aatii afur irratti Ispeen fi Faransaay ni taphatu, bor galgala sa'aatii walfakkaataatti Ingilaand fi Nezarlaandis ni taphatu.
Ispeen waancaa kana yeroo afraffaaf mo'achuuf falmatti. Biyyoota afran hafan kunneen keessaa dhiheenya waancaa kan injifatte Ispeen.
Ispeen kanaan dura waancaa Euro yeroo sadi kan argatte yoo ta'e, dhiheenya kan argatte bara 2012.
Faransaay waggaa 24 dura bara 2000 waancaa kana mo'atte, Nezarlaandis ammoo kan bara 1988 mo'atte. Hanga ammaa waancaa kana dhiiraan mo'atanii kan hin beekne warri Ingilaand yeroo jalqabaaf mo'achuuf ijibbaata falmatu.
Ofii waancaa bara kanaa of harka galfachuuf eenyutu abdii guddaa qaba? BBC Sport yaada ogeeyyii biyyoota kunneenii gaafateera.
Ispeen: Kutannoo fi mala taphaa bu'a qabeessa
Gaazexeessaan kubbaa miillaa Ispeen Guuleem Baalaag, Ispeen wayita Jarmanii waliin taphattetti tapha tokkorratti maloota taphaa sadi nutti agarsiifteetti jedhe.
Taphattoota moggaarra hiriirsisuu fi osoo moggaarra hin hiriirsisin, jifataa malee akkasumas hiriira taphattootaa 4-4-2 fayyadamuun taohattee agarsiifteetti.
Ispeen maloota kunneen malachuun dhiibbaa Jarmanii irraa ishee mudate milkaa'inaan keessa baate.
Dhugaadha! Ispeen mo'amuuyyuu dandeessi turte kan jedhu Baalaag, haata'u malee haala hamaa keessattis mo'achuu akka dandeessu mirkaneessiteetti jedhe.
Jarmanii waliin taphachuushee dura Ispeen taphoota afur taphatte olaantummaan xumurteetti.
Taphoota hunda mo'achuun kan sadarkaa kana geesse Ispeen qofa.
Qormaati Jarmanii irraa ishee mudate garuu salphaa hin turre. Ta'us garuu qormaata qopheessituu dorgommii bara kanaa darbiteetti.
Tapha biyyoota lameen gidduutti gaggeeffamerratti humna walirratti fayyadamuunis tureera.
Erga bara 2016 as tapha balleessaa hedduun irratti raawwate ta'ee galmaa'eera taphi sun.
Gareen biyyaalessaa Ispeen goolii jalqabaa erga galchanii booda ittisa irratti xiyyeeffatanii taphachuuf yaalanis, warri Jarmanii dhibbaa guddaa uumuun goolii galchuun qabxii taphaa walqixxeessan.
Baalaag akka jedhutti Ispeen duubatti dheessaa taphachuu osoo hin taane fuulduratti deemuun jifachuurratti xiyyeeffattee yoo taphatte ishee baasa.
Tapha Faransaay waliin taphatan irrattis hojii taphoota ramaddii irratti agarsiisaa turan deebisanii agarsiisuutu irraa eegama jedhee amana gaazexeessaan Ispeen kun.
Akka Baalaag amanutti warri Ispeen kubbaa to'atanii gara fuulduraatti oofuun jifachuurratti ni xiyyeeffatu, akkasumas dhiibbaa tapha deebisanii hubuun Faransaay irraa ishee mudachuu malu qolachuuf mala ni qopheeffatu.
Akka gaazexeessaan kun xiinxalutti Faransaay tapha kana olaantummaan xumuruuf jifachuurratti xiyyeeffachuun irraa hin eegamu, deebisanii hubuu qofaan Ispeeniin miidhuu dandeessi.
Ispeen taphataa ishee Peedrii tapha Jarmanii waliin taphatan irratti miidhamaan dhabdeetti, taphattoonni lama kaardii keelloo waan argataniif hin hiriiran.
Kun garuu Ispeenitti yaaddoo ta'uu hin qabu kan jedhu Baalaag, gareen kun qindoominaan taphachuun waan beekamuuf qaawwa uumame kana ni cufa jedhee amana.
Ispeen tapha kana mo'achuun xumura irratti Ingilaand waliin akka walitti dhuftu kan tilmaamu Baalaag, waancaa of harka galfachuurraas boodatti hin jettu jedha.
Ingilaand- raawwii gaarii malee hanga dhumaa falmatte
Barreessaan kubbaa miilaa BBC Fiil Maaknaltii, Ingilaand tapha nuusa xumuraa irratti kutannoon agarsiiste akkasumas gooliin Bukaayoo Saakaa fi Juud Beelinghaam yeroon akkaan itti barbaachisu amma jedhe.
Gareen Gaareez Saawuzgeet tapha waancaa Awurooppaa 2024 irratti garee ittisa irratti xiyyeeffatanii taphataniin guddoo qorameera.
Haata'u malee Nezarlaandis garee duubatti dheessaa taphatu miti. Tarii gareen lameenuu kubbaa fuulduratti oofuun taphachuurratti xiyyeeffachuun tapha nama bohaarsu nutti mul'isuu danda'u.
Tapha walakkaa xumuraa kanarratti sararri ittisaa Ingilaand akkaan cimuu akka qabu amana Fiil.
Sababni isaa Nezarlaandis taphattoota ciccimoo fuulduratti ba'uun goolii galchan waan qabduuf.
Taphataan Liivarpuul Koodii Gaakpoo tapha waancaa Awurooppaa kanarratti ejjennoo gaarii agarsiisaa jira.
Meemfis Deeppaay akkasuma jifataa akkaan sodaatamuudha.
Haata'u malee Ingilaand jifachuurratti xiyyeeffachuun kan taphattu yoo ta'e, garee wayita dhiibbaan itti cimu dandamachuu hin dandeenye- Nezarlaandis, qoruu dandeessi jedha Fiil.
Dursaan garee Ingilaand Harii Keen tapha nuusa xumuraa Siwiizarlaand waliin taphatan irratti kubbaa argate gara gooliitti geeddaruuf barfataa ture.
Akkasuma ta'ee garuu yoo carraa argate fayyadamuurraa duubatti kan jedhu miti Keen.
Taphoota jalqabaa Ingilaandiin deeggartoonni abdii kutatanii turanis, amma biyyoota waancaa mo'atu jedhaman keessa galteetti.
Tapha tokkorraa gara tapha biraatti akka darbaaa dhufaniin fooyya'iinsa agarsiisaa kan jiran warri Ingilaand, dhumarratti seenaa hojjechuu dandeessi jedha Fiil.
Fiil biyyisaa Ingilaand waancaa Addunyaa bara 1966 booda waancaa Awurooppaa bara kanaa yoo mo'atte gammachuu guddaa akka qabu hima.
Garuu miirri isaa kaan ammoo Ispeen waancaa kana akka mo'attu itti mul'isa.
Dorgommii waancaa Awurooppaa 2024 irratti Ispeen raawwii ajaa'ibaa akka agarsiifte Fiil ni amana.
Haata'u malee garee Diidiyee Deeshoo irraa qormaanni ishee mudatu salphaa miti jedha.
Nezarlaandis
Barreessaan kubbaa miilaa Jaaspar Longibirook tapha Nezerlaandis Turkii waliin taphatteerratti karoorrishee tokko yoo fashalaa’e, karoora lammataa qopheessuu akka qabdu kan itti agarsiistedha jedha.
Nezarlaandis Wegihoristiin akka jifataatti, Memfis Depaayimmoo akka lakkoofsa 10’tti jifataa gochuun mo’achuu dandeesse.
Ingiliiz gama isheen falmii Nezarlaandis waliin qabduun taphattoota sarara ittisaa shaniin dirree seente.
Jaaspar Nezarlaandis yoo mo’achuu feete ittistee taphachuu qabdi jechuun falma.
Gaazexeessaan kuni akka jedhutti Nezarlaandis jifachuuf dura galchiin itti seenuu qaba. Tapha Ostiriyaafi Romaaniyaarratti wanti hubanne isadha.
Tapha hirboo maayiirrattillee erga Turkiin gooliin itti seene boodadha kan deebii kennite.
Biyyoonni lamaan ga’umsa qabaatanis hanga yoonaa waan tolu hin mul’isne jedha Jaaspar.
Jaaspar Waancaa Awurooppaa baranaa osoo biyyi isaa Nezarlaandis kaafte ni hawwa. Ammoo kan injifattu Ispeenidha jedhee amana.
Faransaay
Xiinxalaan kubbaa miilaa lammii Faransaay Juuliyaan Loorans dorgommii waancaa Awurooppaa bara kanaarratti sararri ittisaa Faransaay cimaadha jedhe.
Kun ammoo waancaa of harka galfachuuf akkaan murteessaadha jedhee amana.
Garuu kubbaa to'atanii taphachuu irratti akka kanaan duraa osoo hin taane dadhabuusaanii hin waakkanne.
Dadhabbiinsaanii kun ammoo carraa goolii hedduu akka dhaban isaan taasiseera jedha xiinxalaan kubbaa miilaa Faransaay kun.
Akkuma Kiristaanoo Roonaaldoo, Kiliyaan Imbaappeefis barri kun hin taaneef. Tapha gaarii namni irraa eegu hin agarsiifne.
Tapha Ostiriyaa waliin taphatan irratti funyaan Imbaappee cabee ture. Ergasii taphoota turan haguuggii fuulaa godhachuun taphachuuf dirqameera.
Dorgommii kanarratti Imbaappeen dandeettii addaa agarsiisuun ba'ee mul'achuuf yaalee ture.
Taphataa PSG kan ture Imbaappeen gara tapha waancaa Awurooppaatti dhufuun dura miidhamee ture. Kanaaf akka garaasaatti dandeettiisaa baasee mul'isuuf rakkate jedha Loorans.
Taphataan Ispeen- Peedriin miidhamuun sarara gidduurratti qaawwa uuma jedha Loorans.
Tapha Ispeen fi Faransaay kanarratti morkiin guddaan sarara gidduurratti mul'ata, iddoo kanatti kan olaantummaa argate taphicha ni mo'ata jedhee amana xiinxalaan kubbaa miilaa kun.
Gareewwan biyyaalessaa garee Ispeen qoruu danda'an keessaa Faransaay ishee tokko jedha.
Waggootaaf kilaba kubbaa miilaa Ispeen keessa kan taphate Antiwaan Giriizmaan fi amma gara Riyaal Maadriid kan qajeele Kiliyaan Imbaappee morkii kanarratti taphaattoota akkaan barbaachisan ta'u jedha Loorans.
Tapha xumuraan Faransaay fi Ingilaand akka walitti dhufan tilmaama Loorans.