OromoBook: Dargaggoo Noorwey irraa Kitaabota Afaan Oromoo sagaleetti jijjiiraa jiru

Ijoollummaatti yeroo umrii waggaa sagalii gara biyya Noorweyitti imaluu kan himu dargaggoo Yonaatan, fedhiin seenaa, duudhaa, eenyummaa saba Oromoo baruuf qabu olaanaa akka ture hima.

Kanaaf ammoo kitaabota muraasa waraqaadhaan maxxanfamanii Oromiyaadhaa biyyicha gahaniifi waan interneeta irraa argatu qofa jalaa ta’uun yaada furmaataa amma jalqabe kanaaf bu’uura kaa’ef.

“Maalifan waa’ee seenaa Oromoo hamma yoonaa hin barre jedheen baruuf tattaafachuu eegale.

Waanin seenaa saba kanaa irraa baru argachuun baayyee na rakkise. Oromoon gootota hedduu qaba. Gootummaan isaniituu kan biyya biraa waliin yoo walbira qabdu baayyee walcaala”

“Wareegamni gootonni Oromoo kaffalanis wareegama addaati. Wareegama seenaa biyoota biraa keessatti hin argineedha. Kanaaf, waan saba Oromoo kun erga as gahee animmoo maal gumaachuun danda’a jedheen yaaduu eegale,” jedha.

Yonaataan ‘Web App’ OromoBook jedhamu hojii kanaaf kalaaqeen kitaabota Afaan Oromootiin barraahan gara sagaleetti jijjiiruun namoonni bifa salphaa ta’een akka dhaggeeffatan gochaa jira.

“Pirojektii kana ergan jalqabee waggaa lama ta’eera. Guutumatti hojii kan jalqabe waggaa tokko dura,” jedha Yoonaatan.

Kitaabni sagaleen kun akkamiin tajaajila kenna…

Akka dargaggoon kun jedhutti, kitaabonni hanga ammaa sagaleedhaan dubbifamanii dhageeffattoota guutuu addunyaa jiran bira gahan kitaabota seenaa goototaa, asoosama, xiinsamuufi kanneen birooti.

“Hojii kanaaf gaazexeessitootaafi namoota biroo kitaaba sagaleedhaan dubbisan dorgomsiisnee hojjachiisaa jirra.

Hanga ammaatti kitaabota 18 sagaleedhaan dubbisnee dhageffataaf feenee jirra. kitaabonni 35 ammoo qophaa’aniiru,” jedha.

Namni kitaaba waraqaadhaan maxxanfame dubbisuuf carraa hin arganneefi kanneen sagaleedhaan kitaabotaa Afaan Oromoo kana dhageefachuu barbaadanis appilikeeshinii kana buufachuun kaffaltii ji’aa raawwachuun tajaajilicha argatu.

“Paakeejiin kaffaltii ji’aa namni tokko kaffalu birrii 30. Kitaaba waraqaan maxxanfame tokkicha osoo nan bita jettee hanga birrii 300 baasta.

Tajaajila kitaaba sagaleetti jijjiiramu kanaan garuu birrii 30’n ji’a tokko guutuuf kitaabota achirratti fe’aman hanga 20 tahan dhageefatta," jedha.

Tajaajila paakeejii kaaffaltii ji’aa kanas namoota biyyaa alaa jiraaniifi biyya keessa jiraniif akkaataa sharafa biyyichaatiin kaffaluu akka danda’aniif tajaajilichi kan mijaate akka ta’es hima.

Dargaggoo Yonaatan kitaabota Afaan Oromoo gara sagaleetti jijjiiru kanaaf dursa barreessitoota kitaabaa waliin waliigaltee seera qabeessa waliif mallatteessuudhaan booda kitaabota gara sagaleetti kan jijjiiru.

Tajaajilli karaa weesaayitiifi appilikeeshiniitiin kitaabota sagaleedhaan dhiheessuu kun afaan birootin kan baratame ta’ulleen tajaajilichi Afaan Oromootiin kan jalqabaa akka ta’es dubbata.

“Hojii kanaan waan barreesitoonni barreessan Oromoon bakka jiru hunda gahaaf. Barreessaanis maallaqaan faayidaa irraa ni argata. Baasii dubbisaan kitaaba tokkoof baasus ni xiqqeesa,” jedha.

Akka Yonaatan jedhutti, pirojektiin kitaabota Afaan Oromoo sagaleetti jijjiiruu kun

Guddinaa Ogbarruu Afaan Oromootiif bu’uura cimaa kaa’uuf imalarra jiraachus hima.

“Tokko kitaabota nama isaan barbaadu biraan gahuudha. Inni biraan barreesitoonni Afaan Oromoo biyya alaa deemanii workishooppii adda addaa irratti akka hirmaatan haala mijeessuu yaanna. Dhaloota biyya keessaafi bakkee jiran kana gidduu hariirooo uumuuf hojjenna,” jedha.

Barreesitoota kitaabni isaanii gara sagaleetti jijjiirame keessaa tokko Hiikaa Lammaati. Hiikaan akka jedhetti, hojiin kitaabota Afaan Oromoo gara sagaleetti jijjiiruun kun kanneen hojii isaanii bakka hunda hin geenyeef carraa uuma jedha.

“Anumti kitaabni kiyya Tajoomaa jedhu maxxansa kuma tokko hin caalletu maxxanfame. Kana jechuun dubbisaa bira seeran hin geenye jechuudha. Amma yeroo sagaleetti jijjiiramee dhihaatu ammoo salphumaan namni hedduun carraa dhageefachuu argata,” jedha.

Akka Hiikaan jedhutti, pirojektiin ‘OromoBook’ kan kitaabota Afaan Oromoo gara sagaleetti jijjiiru kun yeroo murteessatti akka dhufeef hima.

“Hojiin kee nama hedduu bira akka gahu qofa osoo hin taane barreessaa waliin waliigaltee qaba.

Dinagdeedhaanis ni utuba. Yeroo teeknolojii kanatti dhaaabbanni akkanaa waan yeroo murteessaatti dhufedha,” jedha.