Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni qarqara du’aarra yemmuu gahan maalfaa ‘argu’?
Kiistoofar Ker (gara sireetti hiixatee kan mul’atu akka jedhutti) dhukkubsattoota du’aa jiraniif wanti itti mul’atu akkaan dhugaa fakkaata.
Taateen doktorri lammii Ameerikaa Kiristoofar Ker Ebla 1999 arge imala hojiisaa kan jijjiire ture.
Dhukkubsattoota inni wal’aanaa ture keessaa maanguddoo ganna 70 kan taate Meeriin ijoolleeshee afuriin marfamtee siree hospitaalaarra ciistee osoo jirtuu waan adda ta’e agarsiisuu eegalte.
Maanguddoon kun iddoo ciistee ol jettee teesse, harka ishees akka waan daa’ima hammattee sossobdutti asiifii achi sochoosuu eegalte.
Daa’imni isheen sossobdu garuu Meerii qofatti kan mul’atudha. ‘Daanii’ jechuun maqaasaa waamunis akka hammachuufii dhungachuu goote.
Haa ta’u malee, ijoolleen Meerii taatee kana hubachuus ta’e ibsuu hindandeenye, nama maqaa Daanii jedhuun waamamus hinbeekan.
Guyyaa itti aanutti gara hospitaalichaa kan dhufte obboleettiin Meerii, Meeriin ijoolleeshee lubbuun jiran kunneen dahuusheen dura daa’imni tokko garaatti hafee akka ture himte.
Daa’ima kanas maqaa Daanii jedhuun akka waamtu ibsite.
Gaddi daa’imashee hangafaa dhabuusheetiin itti dhagahame cimaa waan tureef Meeriin waa’ee daa’ima kanaa gonkumaa dubbattee hinbeektu ture.
Doktorri fayyaa damee dhukkuba onneefii narviin hojjechaa ture Kiristoofar Keris taatee Meeriin booda hojiisaa gara mudannoo namoota lubbuun keessaa bahaa jirtuu qorachuutti jijjiire.
‘Miira nagaa’
Amma Meeriin addunyaa kanarraa du’aan erga boqottee waggoonni 25 lakkaa’amaniiru. Dr. Keris akka addunyaattuu eksipartoota addaduree mul’ataafii abjuu namoota du’aa jiranii qoratan keessaa tokko ta’eera.
Abjuufii argaa namoonni lubbuun bahaa jirtu ilaalan ilaalchisee yemmuu dubbatus, “Haalonni kun torbeewwan du’aan dura jiranirraa eegalee hanguma namni du’atti dhiyaatu irra deddeebiin mul’atu” jedha.
Namoonni lubbuun bahuuf jettu haadha, abbaa, ijoollee dabalatee miseensota maatii isaanii kanaan dura boqotan akkasumas bineelda isaanii waggoota baay’ee dura du’an ilaalaa waliin yemmuu haasa’an taajjabuusaas doktarichi hima.
“Dhukkubsattoonni wanti isaan argan dhugaa, miira cimaa kan qabu akkasumas miira nagaa kan fidudha” jedha.
Kana malees, namoonni kun abjuu fi argaa kana kan ilaalan of wallaalanii osoo hintaanee fayyaan qaamasaanii akkaan dadhabeee garuummoo miirafii hafuuraan yemmuu jiranitti akka ta’e Dr. Ker dubbata.
Haa ta’u malee doktoroonni biroo heddun taateen kun wareera ofwallaaluun dhufudha jechuun qorannoon saayinsaawaa bal’aan taasifamuu akka qabu himu.
Kana ka’umsa gochuunis Dr. Ker ALA bara 2010’tti namoota qarqara du’aarra jiraniif wanta itti mul’atu ilaalchisee afgaafii gochuun qorannoo taasisuu eegale.
Isa boodas muuxxannoo namoota qarqara du’aa jiranii qindeessuunis gabaasawwan garagaraa maxxanseera.
Bara 2020’tti immoo kitaaba ‘Death Is But a Dream: Finding Hope and Meaning at Life's End’ jedhu kan maxxansiise yemmuu ta’u, kitaabichis afaanota 10’tti hiikameera.
Gaaffiif deebii Dr. Ker BBC News Braazil waliin taasiseen waa’ee qorannoosaafii hiikaa mudannoowwan qarqara du’aa kunneen irratti ibsa laatee jira.
Waggoota qorannoon dabarsite kana keessatti waa’ee mudannoowwan qarqara du’aa maal baratte?
“Akka natti fakkaatutti duuti miidhama qaamaa nutti mul’atuun oli. Du’uun jijjiiramuu kallattii ilaalchaafii hubannoo ofkeessaa qaba.
“Du’uun wantoota kana dura dabarsite irra deebiin akka ilaaltu sitaasisa. Namoonni wanta isaaniif baay’ee barbaachisaafii milkaa’ina isaanii agarsiisu hariiroo namoota biroo waliin qaban irratti xiyyeeffatu.
“Wanti nama ajaa’ibu immoo wantoonni kun karaa hiikaa qabeessa fi sifaa’aa ta’een dhufu. Jiruun haala gaariin darbuusaa mirkaneessu, soda du’aas ni xiqqeessu.
“Namoonni yeroo qarqara du’aarra gahan akka malee akka dhiphatan eegna. Garuu wanti kun baay’inaan hin mul’atu. Wayita namoonni jaalalafii hiikaa jireenyaan guutaman ilaalla”
Akka qorannoo keetti muddannoowwan qarqara du’aa kun hagam baay’inaan uumamu?
“Namoota qorannoo isaaniirratti hirmaatan keessaa %88 yoo xiqqaate al tokko mudannoo kana keessummeessuu isaanii himaniiru.
“Lakkoofsi keenya kun kan yeroo baay’ee gabaafamurra naannoo %20’n guddaadha. Sababnisaammoo qorannoo keenyaan guyya guyyaan namoota gaafachaa turre.
“Duuti adeemsadha. Kanaaf wanti gaafa Wiixataa sitti himanfii gaafa Jimaataa sitti himan gargar ta’uu danda’a.
“Hanguma dhukkubsattoonni du’atti dhiyaatan mudannoowwan kun dabalaa akka adeemanis ilaallerra”
Imala
Dhimmoonni ijoon namoonni qarqara du’aarra jiran ilaalan maalfaadha?
“Dhukkubsattoota keessaa 1/3ffaa kan ta’an wantoota akka imalaa arguusaanii himu. Namoota baay’ee jaalataniifii du’aan dhaban yaadatu.
“Hanguma du’atti dhiyaatan nama du’aan dhaban irra deddeebiin ilaalu. Kun mudannoo gammachiisaa akka ta’es himaniiru.
“Wayita abjootanis namoota isaan jaalatanfii cinaa dhaabatan irratti xiyyeeffatu. Abbaa yookiin haadha keessaa nama tokko, yookiin obbolaawwan keessaa nama tokko jechuudha.
“Kanneen qorannoorratti hirmaatan keessaa %12 immoo abjuu isaanii giddugaleessa yookiin mijaa’ina kan hinlaanne jechuun ibsan.
Madaawwan jireenyakee keessatti qabdu muddannoo kana keessatti hammatamu.”
Abjuuwwan
Dhukkubsattoonni al tokko tokko ni abjootu, yeroo kaan garuu ni dammaqu. Mudannoowwan lamaan kana gidduu garaagarummaan jiraa?
“Namoonni rafaa yookiin dammaqaa turuusaanii gaafanneerra; deebiin nuf kennan 50-50 dha.
“Duuti hirriiba cimaa deemu ofkeessaa qaba. Guyyaafii halkan jalaa wal maku, sa’aa meeqa akka ta’es ni wallaalu.
“Dhugummaasaas sadarkaa 10 keessaa 10 jechuun waan ibsaniif, dhimmicharratti wanti mirkanaa kana jechuu hindandeenyu”
Mudannoon qarqara du’aa daa’immanfii ga’eessota gidduutti garaagarummaa qabaa?
“Daa’imman dandeettii calaluu waan hinqabneef mudannicha haalaan keessummeessu. Wanta sammuu isaanii keessatti uumamefii wanta qabatamaan jiru gargar baasanii hinbeekan. Waa’ee du’aas hinbeekan. Kanaaf mudanicha haalaan keessummeessu.
“Mudannoowwan kana bufa kalaqaafii halluun guutameen yemmuu keessummeessan ilaalta. Uumamumaan hiikaasaa kan beekan fakkaata.
Maatii
Dhiibbaan taateewwan kunneen maatiifii namoota dhukkubsattootatti dhiyoo ta’an irratti qaban maali?
“Dhimma kanarratti afgaaffiiwwan 750 taasifnee bu’aasaas maxxansineerra. Wanti nuti hubannes wanti dhukkubsataaf gaarii ta’e namoota isaan jaalataniifis gaariidha kan jedhudha.
“Adeemsa gaddaa irratti qorannoo taasifneerra. Namoonni mudannoowwan qarqara du’aa namoota itti dhiyoo argan gaddi isaaniillee fayya qabeessadha. Sababnisaas ilaalchafii yaadannoo nama dhaban sanaa boca waan ta’eef.”