Bubbeen rooba makate Maalaawiitti namoota 200 ol ajjeese

Bubbee Maalawii

Madda suuraa, EPA

Bubbeen rooba makate Fireedii jedhamu, ji’a tokko keessatti yeroo lamaaf yemmuu kibba Afrikaa rukutetti, Maalaawii keessatti namootni 200 ol du’aniiru.

Lolaa guddaan gandoota keessa yaa’uun manneen jireenyaa hedduu diigee fudhatee deemeera.

Daa’imman dabalatee lubbuun namoota hedduu kan darbe Magaala Bilantayiir keessattidha.

Dhabbileen gargaarsaa balaan kun tatamsa’ina dhibee Koleeraa Maalawii keessa jiru hammeessuu akka danda’u akeekkachiisaniiru.

Moootummaan biyyatti bulchiinsota kibbaa 10, kan bubbee kanaan guddaa miidhaman keessatti labsii yeroo balaa labseera.

Hojjetoonni lubbuu baraaraa humna isaanii ol itti ta’ee, namoota dhoqqee jalatti lubbuun awwaalaman argachuuf yaaluuf jecha akaafaa fayyadamaa jiru.

“Lageen guutanii lola’aa jiru, namootni bishaan fiiguun fudhatamaa jiru, gamooleen jijjigaa jiru,” jechuun dubbii himaan poolisii Piitar Kalaayaa BBC’tti himaniiru.

Daa’ima tokko kan gargaare jiraatan Bilantayiir, Aaron Nitambo: “ Daa’imni kun hanga mataa isheetti dhoqqee keessatti awwaalamtee turte. Na gargaara jettee bo’aa turte. Bishaan yaa’aa turee cimaa ta’uus, gara isheetti ceenee lubbuu ishee oolchineerra. Baayyee cimaa ture garuu achii keessaa ishee baasuu dandeenyerra,” jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qondaaltoonni hospitaala rifaraalaa ijoo magaalatti, lakkoofsi reeffaa isaanitti geeffamaa jiruu humna isaanii ol akka ta’e himu.

Dhabbaatti tola ooltummaa Doctors Without Borders akka jedhutti, ijoolleen 40 ol ta’an hospitaala akka ga’aniin lubbuun isaanii darbeera.

Kutaan reeffaa hospitaalicha guutaa waan deemeef, namootni reeffaa maatii isaanii akka awwaalchaaf fudhataniif, qondaaltoonni gaafachaa jiru.

Dhaabbati to’annoo balaa mootummaa Maalaawii akka jedhutti, namootni 20,000 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Sababa buubbee fi rooba cimaa itti fufee jiruun, nannooleen tokko tokko bira ga’uun waan hin danda’amneef, lakkoofsi namoota du’anii dabaluu danda’a jedhamee eegama.

Bubbeen kun dhiyeessi annisaa Maalaawii waan miidheeruuf, kutaaleen biyyattii hedduu tajaajila ibsaa dhabanii jiru.

Balaa kanaan guddaa kan miidhameeru, hawaasa hiyyeeyyi walitti siqanii manneen dhoqqee fi xuubii keessa jiraatanidha.

Daandiilee fi riqichooti jijjiguun isaanii hojii lubbuu baraaru kan gufachiisan yoo ta’u, sababa buubbee fi rooba cimaa jiruun ammoo helikooptaroota fayyadamuunis hin danda’amne.

Namoota kuma kumaataman manaa fi nyaata malee hafaaniif gargaaruuf mootummaan biyyatti gargaarsa gaafateera.

Dilbata irrattti buubbeen rooba makate kun Mozaambikiinis rukutee, yoo xiqqaate lubbuun namoota 20 darbuu isaa gabaafameera.

Buubbeen rooba makate Fireedii jedhame kun, hanga ammaatti kan galmaa’an keessaa buubbee isa cimaa fi tarii isaa yeroo dheeraaf turus ta’uu mala jechuun Dhaabbatti To’annoo Qilleensaa Addunyaa ibseera.