Warshaan moobaayila iPhone sobaa Mozaambikitti poolisiin to'atame

Warshaa sobaa [fake] Iphone Moozaambikitti argame

Madda suuraa, Elisio Francisco Gimo

Qondaalonni Moozaambik moobaayiloota iPhone sobaa kan fakkeeffamanii hojjetaman1,165 to’achuu himan.

Magaalaa guddoo biyyattii Maputoo keessatti poolisiin biyyattii sakatta’insa appaartaamaa tokko irratti gaggeessaniin lammiilee Chaayinaa lama to’annoo jala kan oolchan.

Kunis bakka isaan moobaayiloota iPhone fakkeessuun hojjetanitidha. Poolisiin akka jedhutti namoonni moobaayiloota kanneen fakkeesanii hojjetan tooftaa addaa lakkoofsa [serial number] itti kennan qabu.

Shakkamtootni gochaa kana haalaniiru. Qondaalonni gumurukaa biyyattii eeruu uummata irraa argataniin jara kana to’achuu himaniiru.

“Komii akka shakkinu nu godhetu dhiyaate. Sana booda sarara oppireeshinii keenyaa diriirsinee torban sadiif erga qorataa turree booda waan kana arganne,’’ jedhan daarikterri gumurukaa naannichaa Ginoo Joon.

Bilbilli qabame gariin isaa gara biyyichaatti seeraan ala galfame, kaan ammoo hatamee argame jedhan.

''Appaartamaadha garuu akkuma warshaatti itti hojjetu. Bilbiloonni asumatti hojjetamu. Koodii isaa [serial number] itti godhamee mana kuusaa moobaaylootaa naannoo Alto Mae jedhamu jirutti gurgurama jedhan.

Fulbaana 9 bara 2007tti, hojii uumaan beekamaa dachee kanaa oomisha seenaa keessatti baayyee bu'a qabeessa iPhone kalaquu ibse.

Amma diizaayinaa fi qulqullina addaa ittiin beekamu irraa kan ka'e gatii qaaliinis tahu namoonni Iphone qabachuu filatu.

IPhone'niin bifa hedduun diinagdee addunyaaf gumaate. Addunyaa kanarratti Apple - kaampaanii (Iphone) oomishu, bu'aa 'iphone' irraa qofa buusu kan argatan dhaabbilee lama yookaan sadi qofatu jira.

Kunis oomisha haaraa kan tahe bilbila ismaart (smart phone) kalaquu isaatiini.

Ayifooniifi warreen biroon oomisha waggoota kudhaniin dura homaa hin beekamne, yeroo ammaa garuu akka meeshaa namni baay'een argachuuf barbaadu omishan. Kana qofaa miti, Ayifooniin gabaa akka softiweer, muuziqaa fi beeksisaa jijjiireera.

Gadi fageenyaan waa'ee Ayifoonii yoo ilaallu, namoota kanneen akka Istiiv Joobsii fi shariika isaa Istiiv Wozniyaak, akkasumas itti aanee kan dhufe Tim Kuuk fi dizaayinara Ayifoon kan tahe Sir Joonii Ayiv maqaa dhahuun keenya waan oolu miti.