Bara 2022 qofaatti bilbiloota harkaa biliyoona shan ol gatamuuf jiru

Bilbiloota moofaa %20 gaditu deebi'e taajila biroof oolfama

Madda suuraa, Getty Images

Bara 2022tti bilbiloonni moobaayilii biliyoona 5.3 kosiitti gatamuuf akka jiran dhaabbannii Foramiin Meeshaalee Elektirikaa fi Elektirooniksii idil-addunyaa (WEEF) jedhamu tokko hime.

Dhabbatichi tilmaama kana kan baase ragaalee daldalaa sadarkaa idil-addunyaatti jiran bu'uureffachuun yoo ta’u, dhiibbaa meeshaalee elelktirooniksii gatuun naannoorratti qaqqabsiisu dabalaa jira jedhe.

Namoonni baayyeen moobaayilii harkaasaanii deebiifamee hojjiirra akka oolfamuuf dhaabbilee bilbila oomishaniitti kennuurraa akka olkaa’an qorannichi mul’iseera.

Albuudonnii gati jabeeyyiin akka kopparii ykn koobaltiin baatirii bilbilaa keessatti argamu fa’aa bilbiloota moofaa keessatti hafu. Isaan garuu deebiifamanii hojiirra oolfamu danda'u jedha.

'‘Namoonni hedduun meeshaalee waan gatii hin qabne fakkaatan kun gatii qabaachuu isaanii waan hin hubanne fakkata, sadarkaa addunyaatti garuu yoo ilaalamu hammi isaa guddaadha,’’ jedhan Daarektarri WEEF Paaskal Liroyi.

Albuudonni gati-jabeeyyiin bilbiloota moofaa keessaa akka baafamun tajaajilarra oolu akka qaban ogeeyyiin gorsu

Madda suuraa, Science Photo Library

Addunyaarra moobaayiloonni biliyoona 16tti dhiyaatan akka jiranitu tilmaama- Awurooppaatti bilbiloota sadii keessaa tokko tajaajila hin kennan.

Qorannoon Foramiin Meeshaalee Elektirikaa fi Elektirooniksii idil-addunyaa akka agarsiisutti, gataan meeshaa uffata miichuu, kompiyuutaroota taabileetii, Meeshaa GPS fa’aa bara 2030tti toonii miliyoona 74tti guddachuuf jira.

Bara darbe duulli meeshalee moofaa keessatti albuudata argaman keessaa baasuun meeshaaalee oomishuuf oolchuu jajjabeessu jaarmiyaa ‘Royal Society of Chemistry’ jedhamuun eegalame ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kunis dhiyeessiin albuudota gati-jabeeyyii waraanaa Yuukirenitti hammate fa'aatiin gufachuu hordofeeti.

Foramiin Meeshaalee Elektirikaa fi Elektirooniksii kan hojjattu Magdalena Chartanowiiz, meeshaaleen elektiroonksii moofan meeshaalee haaraa biroo ykn tarbaayinii bubbee, baatirii konkolaattota elekiriikii, ykn paanalii soolarii tolchuuf gargaaru jette.

Sadarkaa addunyaatti meeshalee elektirooniksii gataman keessaa %17 qofatu sirnaan irra deebiin fayidaaf oolfame.

Taatullee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanittii Yuuniyeenii Telekoominikeeshinii bara ittaanutti meeshaalee elektrooniksii gataman deebisanii fayidaarra oolchuu %17 irra jiru gara %30tti guddisuuf karoorse.

 Dhaabbatichi akka himetti, gataan meeshaalee elektirooniksii ‘’saffisaan dabalaa jiru sababa wantoota miidhaa qaqqabsiisan qabuuf fayyaa namaafi naannoo uumamaa miidha’’ jedheera.

Ingilizii keessatti meeshaaleen moofan gataman miliyoona 20 ol kan ta’an yoo ta’u, meeshaalee elektirooniksii tajaajila kenna jiran gatii Pawoondii biliyoona 5.63 baasan mana jiraattoota UK tti kuufamanii akka jiran ragaan sassaabame kan agarsiise.