'Konkolaataa ofii hojjadhee oofe waan ta’eef ‘Waan Ofii’ jedhee moggaase'- Naafyaad Mokonnin

Konkolaataa tolfame

Dargaggoo Naafyaad Mokonnin jedhama. Godina Shawaa Bahaa magaalaa Mataaharaa keessa jiraata.

Dargaggoota hojiilee kalaqaan akkuma biyyaattuu maqaa horatan keessaa tokko. Dameen inni ittiin beekamu immoo konkolaataawwan inni hojjeteeni.

Dargaggoo Naafyaad konkolaataawwan sadi hojjechuun tajaajila geejibaaf oolchee jira.

Yeroo ammaattis magaalaa Mataaharaa keessatti konkolaataawwan lamaan uummataaf tajaajila geejibaa kennuun galii irraa argataa jira.

Kaayyoon isaa garuu galii guyyuu argachuudhaa ol akka ta’e dargaggoon kun dubbata.

Kalaqni fedhii yeroo ijoollummaakoo ture

Dargaggoo Naafyaad Mokonnin magaalaa Mataaharaa keessatti dhalatee guddate. Barnoota sadarkaa duraafi lammaffaas achumatti barate.

Yeroo ammaatti barnoota kutaa 12ffaa xummuruun barnoota sadarkaa olaanaa barachaa jira.

“Ijoollummaa kiyyarraa eegalee hojiilee kalaqaa adda addaa irratti hirmaachaan ture. Meeshaalee naannoo kiyyatti argamaniin hojii kalaqaa yaalaan ture” kan jedhu dargaggoon kun, adeemsa keessas hojii kalqaa isaa guddisaa deemuusaa hima.

“Kutaa tokkoffaa yeroon baradhuyyuu shiboowwan adda addaa walitti hidheen konkolaataa hojjechaa ture” kan jedhu dargaggoo Naafyaad, eelee buddeenaa fi bilcheessituu (istoovii) dabalatee meeshaalee tajaajila mana keessaaf oolan kan biroo hojjechuusaa hima.

Hojiiwwan kalaqaasaa kunneenis gumii saayinsiifi tekonooloojii manneen barnootaa keessatti hirmaachuun agarsiisaa akka ture dubbata.

Konkolaataa waan ofii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dargaggoo Naafyaad Mokonnin konkolaataasaa jalqabaa kan namoota sadi baattu bara 2010 ture kan hojjete.

“Naannoo mana keenyaatti garaajii Xilaahun kan jedhamutu jira. Isaan bira deemeen ‘hojii akkanaa hojjechuun barbaada’ jedheen. Isaan bira oolaa yaalii hojii kalaqaa eegale. Meeshaalee moofaa gataman fayyadamuunis konkolaataakoo jalqabaa kan namoota sadi baattu hojjedhe” jedha.

Konkolaataa jalqabarratti hojjete kana maqaa waan ofii jedhu kan moggaaseef dargaggoo Naafyaad, sababa maqaa kana itti filateefis hima.

“Sababni Waan Ofii lakkoofsa tokko jedhee moggaaseef ofii kiyyaa hojjedhee ofii kiyyaa waan oofeefi” jedha.

“Konkolaataa sanaan tajaajila geejibaa kennaa galii ittiin argachuu jalqabe. Bulchiinsi magaalaas beekamtii naaf kennee, badhaasa adda addaas nabadhaasan” jedha.

Galii tajaajila geejibaa kennuun argatu qusachuunis meeshaalee konkolaataasaa hojjechuuf oolan bituun bara 2012’tti konkolaataasaa lammaffaa namoota jaha baachuu danda’u hojjete.

“Konkolaataa isa lammaffaa baay’ee ammayyeesseen hojjedhe. Sibiilota biteen hojjedhe. Bulchiinsi magaalaas iddoo hojii naaf laatee, ofdanda’ee maashinas bitadhee,” jedha dargaggoon kun.

Konkolaataa isa lammaffaa haala boba’aa qusatuun hojjechuusaa kan himu dargaggoon Naafyaad, bara 2015’tti immoo konkolaataasaa isa sadaffaafi hanga namoota kudhanii baachuu danda’u hojjeteera.

Konkolaataan kun “fageenya dheeraa deemuu fi hoo’a dandamachuu kan danda’udha. Waan ofii lakkoofsi 3 guyyaa guutuu hojjechaa oola, halkanis ni hojjeta,” jechuun hima.

Fedhiinsaa irra jireessaan wantoota konkolaatan hojjechuu waan ta’eef konkolaataa hojjechuu akka eegale kan himu dargaggoo Naafyaad, konkolaataa hojjeteen dorgommiilee kalaqaa sadarkaa godinaa hanga biyyaalessaatti jiran irrattis dorgomuu eegale.

Dorgommii Baankiin Awaash maqaa ‘qaxaleewwan’ jedhuun dorgomsiiserratti akka biyyaatti sadarkaa lammaffaa bahuun akka xummuruufi birrii kuma 700 badhaafamuusaas nutti himeera.

Waancaa argate

Rakkoo geejibaa magaalotaa furuu

Karoorrisaa gara fulduraa konkolaataawwan hojjetu caalmaatti fooyyeessuun hojjechuu akka ta’e dargaggoo Naafyaad Mokonnin hima.

“Kaayyoonkoo (konkolaataawwan) hojjedhee gabaadhaaf oolchuu fi kan biyya alaatii galu hambisuudha. Kana malees rakkoo geejibaa magaalota keessa jiru furuudha” jedha.

“Konkolaatonni amma ittiin hojjechaa jiru sadarkaa magaalaatti teknikni isaanii sakatta’amee jira” jechuunis akka biyyaatti beekamtii fi heeyyama omishaa argachuuf sochii eegaluus himeera.