Saayintistoonni isparmii malee miciree dhala namaa hojjetan

Saayintistoonni qaama miciree namaa sadarkaa gara jalqabaarra jiru fakkaatu, osoo isparmii, hanqaaquu ykn gadameessa hin gargaaramiin guddisan.

Gareen Inistiitiyuutii Wizman akka jedhanitti, "moodeelli miciree" isaan seelii haadhoo(stem cells) fayyadamuun hojjetan kunis miciree guyyoota 14 fakkaata.

Sirumayyuu laabiraatoorii keessatti hormoonota qorannoo ulfaa akeekanillee gadhiisuu danda'eera.

Moodeelonni micireewwanii yeroon gara jalqabaa uumama dhala namaa maal akka fakkaatu sirnaan hubachuuf oola.

Torban jalqabaa erga isparmiin hanqaaquu wajjin wal argatee booda yeroo jijjiiramni guddaan itti mul’atu- seelota ifatti hin mul'anneerra kanneen walitti qabamanirraa gara daa'ima altiraasaawundiin mul'atuutti adeemsa keessa geeddarama adeema.

Yeroon murteessaan kun ulfi akka namarraa bahuu fi mudaa yeroo dhalootaa nama mudatuuf ka’umsadha, garuu yeroo baayyee sirnaan hin hubatamu.

"Dhimma ijoodha, waan salphaa akka salphaatti ilaallu miti-beekumsi keenya daangaa'aadha," jechuun Profesarrii Inistiitiyuutii Saayinsii Wizman Jaakob Haannaa kan dubbatan.

Qorannoon micireerratti gaggeeffamu seeraa, naamusaa fi teeknikaa itti baayyaturraa kan ka’e heddu itti hin bu'amu ture.

Garuu amma dameen saffisaan guddachaa jiru kun guddina miciree uumamaa fakkeessuu danda'uurra qaqqabeera.

Qorannoon kun barruu ‘Nature’ jedhamurratti kan maxxanfame.

Garee qorattoota Israa'el moodela miciree ‘’guutuu’’ jalqabaa caasaa miciree hunda qabu fakkaatu ta'uusaa ibsan.

"Kun dhuguma fakkii miciree dhala namaa guyyaa 14 ti," jedhu Profesar Haannaan, Micreen akkasii kanaan dura hin hojjetamne jedhu.

Isparmii fi hanqaaquu gargaaramurra, seeloota haadhoo(stem cells) caasaa isaanii irra deebiin geeddaruun gosa tishuu qaama nama kamiyyuu akka ta’uu malutti irratti gargaaraman.

Sana booda seelota haadhoo gara seelota afur sadarkaa jalqabaa miciree dhala namaatti argamanitti akka guddatan mijeessuuf keemikaalotatti fayyadamaniiru.

Akkataa kanaan seelonni 'epiblast' jedhaman gara miciree(foetus)tti guddata.

Seeloonni 'trophoblast' jedhaman ammoo gara ofkaltii(placenta)tti guddata.

Seelonni 'hypoblast' jedhaman ammoo gara membrenii yeroo ulfaatti miciree deeggaruu oolu (yolk sac) jedhamutti geeddarama.

Waliigalatti seelonni 120 hamma murtaa'a ta'een walitti makamu, sana booda saayintistoonni waa biraa hojjachuu dhiisuun waanta ta'u daawwatu.

Abdiin gara fuulduraatti jiru moodeelotni miciree kun saayintistoonni akkaataa gosootni seelii adda addaa itti uumaman ibsuuf gargaaru malu.

Akkasuma adeemsa qaamolee keenya ittiin ijaaraman ilaaluu ykn dhukkuboota dhaalan ykn qacceen daddarban hubachuuf gargaaruu danda'u malu.