Xiyyaar-samiin SpaceX qilleensa keessatti dhohuun balalii xiyyaaraa gufachiise

Caccabaan xiyyaar-samii Bahaamaas keessatti wayita kufu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Caccabaan xiyyaar-samii Bahaamaas keessatti wayita kufu

Xiyyaar-samiin ykn rookeetiin SpaceX- Starship jedhamu Kamisa (Bitootessa 6, 2025) akkuma buufata Teeksas irraa dhuka'een dhohuun balalii xiyyaaraa gufachiise.

Caccabaan xiyyaar-samii kun hawaa keessaa dacheerratti kufuu dada'a sodaa jedhus uumeera.

SpaceX xiyyaar-samiin nama malee gara hawaatti imala eegale kun ''wayita gara hawaatti dhukaafamu haala eegamneen bittinnaa'uu,'' mirkaneesseera.

Rookeetiin SpaceX- Starship, kan addunyaarratti isa guddicha ta'e kun, akkuma gara hawaa furguggifameen to'annoon ala ta'e.

Miidhaan qaqqabe hanga yoonaa hin ibsamne, garuu suuraawwan odoola Kaaribiyaan sii (Garba Kaariibiyaan) irraa mul'atan caccabaan rookeetii akkaan sodaachisoo ta'an samii keessaa gara lafaatti wayita kufu agarsiisu.

Shaakalliin rookeetii kana gara hawaatti erguu kun yeroo saddeettaffaadhaaf taasifame.

Rookeetiin kun walitti aansuun yeroo lammaffaaf osoo hin milkaa'in hafuusaati.

Rookeetii SpaceX- Starship
Ibsa waa'ee suuraa, Rookeetiin SpaceX- Starship jedhamtu osoo ergama ihee hin milkeessin dhoote

Karoorri ture rookeetiin kun imala sa'aatii tokkoo booda Garba Hindiirraan gara dacheetti akka deeb'uudha.

Qabeenya biiliyeenara addunyaa Iloon Maask kan ta'e SpaceX gareen tokko qondaalota nageenyummaa mirkaneessan waliin ta'uun ''karoora of eeggannoo duraa'' irratti hojjechaa akka jiran ibse.

Dhaabbati teeknooloojii qorannoo hawaa kun xiyyaar-samii kana qixa sirrii ta'een gara samiitti dhukaasuun maaliif akka milkaa'uu dhabe qorachuutti jira.

Garuu dogoggora mudaterraa akka baratu ibseera.

''Milkaa'inni kan dhufu waan mudaterraa yoo barannedha. Kufaatiin har'aa kunis milkaa'ina xiyyaar-samii kanaa akka fooyyessinuuf barnoota dabalataa nuuf ta'a,'' jedhe SpaceX ibsa isaa keessatti.

Ibsi kun caccabaan rookeetii kanaa yeroo fi bakka karoorfametti kufuu akka qabu mul'isa, rookeetiin kun wantoota summaawoo fi balaafamoo akka hin qabnes ibse.

Rookeetiin kun dhohuu ilaalchisee Iloon Maask hanga yoonaa homaa hin jenne.

Taateen mudate kun buufataalee xiyyaaraa Filooriidaa keessa jiranitti gufuu ta'eera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xiyyaaronni buufateelee xiyyaaraa Miyaamii fi Orlaandoo irraa ka'anii fi keessa qubatan balalii adda kutaniiru.

Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa (FAA) balaa rookeetii SpaceX mudateen balaliin xiyyaarotaa gufachuu ibseera.

Amajjii darbes xiyyaar-samiin SpaceX buufata Teeksas irraa akkuma dhukaafameen daqiiqaawwan muraasa keessatti dhohe.

Yeroo sanas caccabaan rookeetii kanaa sodaachuudhaan FAA xiyyaaronni akka hin balaliine dhorkee ture.

Jaarmiyaan kun caccabaan xiyyaar-samii kanaa odoolaawwan naannawa Kaariibiyaan kanneen akka Truks fi Kayikoos jedhaman keessatti miidhaa qaqqabsiiseera jechuun rookeetiin kun lamuu akka hin furguggifamne yeroof dhorkee ture.

Rookeetiin Starship jedhamu kun addunyaarratti rookeetii isa guddicha fi humna jabaa qabu yoo ta'u mul'ata Iloon Maask pileeneetii Maarsi jedhamu koloneeffachuuf qabu milkeessuuf kan hojjetamedha.

Gara fuulduraatti Maask rookeetiin kun gara Maarsii imaltee nagaan akka deebituuf hawwii qaba.

Imalli inni karoorse kun dhaqaa-galli ji'a sagal fudhata.