Addunyaan maqaasaa dhahuutti kan jirtu Elon Maask eenyu?

Madda suuraa, Getty Images
Dur barri kan dureessa Biil Gaatis ture. Amma garuu dabareen kan Elon Maask.
Elon Maask lafti hanqatee imala gara hawaarratti fuulleffateera.
Yaaduu qofa hin hafne dureessi kun taaksii garaa hawaatti ittiin deddeebi’anillee tolfateera.
Namni kun dhalli namaa gara hawaatti ol bahee ji’arra, fi pilaanetoota biroorra akka jiraachuu danda’u yaada.
Namni kun waanta yaade gochaan milkeessee agarsiisuun beekama.
Tibba kana keessumaa hojiin itti heddumateera. Dhaabbata Tiwitaraa gulummaa isaa gochuuf walii galteerra qaqqabeera.
Adeemsi inni Tiwitara ittiin bite addatti ajaa’iba ture.
Jalqaba qooda dhaabbatichaa keesaa %9 qofa bitee jedhamee ture. Otoo baayyee hin turiin garuu "Tiwitarri maxxansa namaa gulaala," jedhee qeequtti ka’e.
‘’Bitadhee geeddaruu laata?’’ jedhee qoosuu eegale. Addunyaan qoosaa isaattii otoo kolfee hin turiin, torban isaatti Doolara Ameerikaa biliyoona 43’n bituuf ka’e.
Miidiyaaleen maqaa isaa kan tibbana irra deddeebiin dhahaniif sababa kana ture.
Eloon Maask dhalataa Afrikaatii?
Maaski kana dhalate biyya Niilsan Maandeellaa kan taate Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti.
Haalli ijoollummaa isaatii akkam ture jechuu dandeessu ta’a.
Maask daa’imummaa isaatti jiruun jiruu warreen adii Afrikaa Kibbaarraa adda hin turre.
Umuriin isaa ganna 10 wayita guutuu kompiyuutaratti gargaaramuurratti cicha ture.
Ganna 12 yeroo guutummoo tapha ykn ‘computer game’ ofiisaatii tolchee, boodaarra doolara Ameerikaa 500tti gurgurate. Sana dura garuu mana manatti deemee chokkoleetii gurguraa ture.
Hojiin biizinasii kan qajeeleef umrii daa’imummaa sanatti ture.
Abbaafi haatisaa sooreyyii turanii?
Haatiisaa dubartii adii lammii Kanaadaati, moodelii Meeyit jedhamti.
Abbaan isaas warreen adii Afrikaa Kibbaa keessaa kan dhalate yoo ta’u, daldalaadha.
Abbaa isaa isaa Injinaraa Elektiroo-makaanikaalaa, Kaappiteenii dooniifi balaliisaa xiyyaaraa ture. Maqaan isaa Erosil Maask jedhama.
Abbaan isaa amala badaa akka qabuufi haadha isaallee rakkisaa akka ture dubbata.
Abbaafi haatisaa wayita wal hiikan obboleessi isaa quxisuufi obbolettiin isaa haadha isaa biratti hafan.
Inni lamaan isaaniifuu angafa kan ture yoo ta’u, abbaa isaa biratti hafe.
Gara boodaarra garuu abbaa isaa filachuutti gaabbaa ture.
"Abbaan koo hammeenyasaatiin nama gita hin qabne, injinara waan badaatille," jedha.
Abbaa isaa waliin yeroo gaarii ta’e hin dabarsine. Umiriin isaa ganna 17 wayita guutu haadha isaa bira Kanaadaa deeme. Abbaan isaa yeroo sanatti akkas jedheenii ture, "ji’a sadii booda gadadamtee deebita ykn akkuma jaanjoftetti hafta".
Elon Maask garuu barnoota isaa Yunvarsiitii Kanaadaa Kuwiinsitti barachuu ittifufe.
Sana booda gara Ameerikaa deeme. Kanaadaarra jijjiirraadhaan gara Peenseliviniyaatti darbe. Sana booda digirii lama barate; Fiiziksiifi Biizinasii barate.
Ammas taanaan waanti innii barate lachuu isa biraaa hin hafne. Fiziiksiidhaan dandeettii waa uumuu kan ittiin agarsiise, bizinasiidhaan ammoo daldalataa jira. Kunoo ittiinillee duroome. Umuriin isaa ganna 24 wayita guutu gara Kaalifoorniyaa deeme ture.
Yunvarsiitii Istaanfoorditti Appilaayid Fiziiksii digirii doktoreetii isaa barachuuf galmaa’ee ture, garuu addaan kute.
Elon Maask warromeeraa?
Maask warroomeera, haatii warraan isaa isheen jalqabaa Jastiin Maask barreessituudha. Kollejji keessatti wayita waliin baratan wal jalaatan.
"Maask nama dafee harka kennatu mitii," jetti.
"Waanta yaade amma milkeessutti hirribni isa hin qabu. Olaaantummaa argachuu yaada," erga jettee booda, gaafa cidha isaanii otoo shubbisaa jiranii gidduudhaan waan inni gurratti haasaasee yeroo hunda akka yaadattu himteetti.
"Gaa’iea kana keessatti qaamni olaatummaan qabu anuma,’’ jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Elon Maask doolara biliyoonaan lakkaa’amu eessaa fide?
Elon Maask abbaan isaa akkuma lammilee adii Afrikaa Kibbaa birootti dureessa ture.
Abbaan isaa ijaarsaa mannenii hanga albuuda baasutti dameewwan hojii gara garaa hojjjateera.
Qabeenyi Elon Maask garuu achiirraa ka’uu isaa waanti akeeku homtuu hin jiru.
Yunvarsitii Istaanforditti digirii doktoreetii barataa ture erga addaan kute booda waan lama yaale. Tokkoffaa, dhaabbata xiqqaa appilikeeshinii hojjatu.
Lammaffaa ammoo dhaabbata karaa interneetii tajaajila baankii kennu yaalee ture.
Isa dura garuu obboleessa isaa waliin moosajii zip2 jedhamu hojjatee ture.
Moosajiin kun barreeffama gaazexaarraa gara dijiitaalaatti kan geeddaru ture.
Rakkoo baayyee booda garuu dhaabbaticha ni gurgure.
Sana booda ammoo dhaabbilee lama hundeessuuf yaale. Isaan keessa tokko milkaa’era.
Innis ‘Paypal’ kan jedhamu tooftaa kaffaltiiti. Namoonni hedduun garuu innii ‘Paypal’ kalaquu hin beekan.
Sirumayyuu doolara hedduu kan ittiin argate dhaabbata kanaan ture.
Gara boodaarra ni gurgure, doolara biliyoona 1.5 irraa buufateera. Maallaqa kanaan hojii biraa hojjachuuf yaaduu eegale. Gara hawaatti imaluu yaade.
Dhaabbanni qorannoo hawaa Ameerikaa NASAn gara hawaatti imala gaggessuun maallaqa hedduu akka baasu hubate.
Meeshaan gara hawaatti baliilitu marroo lammataaf tajaajila akka hin kennine hubate.
Kanarraa ka’uun taaksii ittifufinsaan gara hawaatti nama deeddebisutu hojjate.
Kana malees, lafarratti konkolaattoota baasii qusatan uumuun qaba jedhee Teslaa hundeesse.
‘’Ofisaatiif ilaalcha olka’aa qaba’
Bara 2015 Ashilii Vaansi kitaaba Elon Maask irratti fuulleefate barreesse.
Qorannoo yeroo dheeraa booda barreessan kun gaalee sarara sadiin ibse.
"Nama waan hundaan nan beeka jedhu, ofiisaaatiif ilaalcha ol ka’ee qabu,’" jedhe.
Jireenyi isaallee kanaan walfakkaata, marroo sadiif fuudhee, hiike. Haadha warraa isaa ishee tokko waliin yeroo lama wal hiikan.
Maask yeroo toora Tiwitaraa isaarratti yaada wayii barressu namoonnii hedduun walharkaa fuudhuun irratti haasa’u.
Jaalala baala sammuu namaa adoochuu Maaruwaamaaf qabullee ifatti haasa’a.
Qabeenyi Elon Maask hangami?
Foorbisiiifi Biluum Berg yeroo dhiyootti dureessa addunyaa keenyaaa ta’uu isaa kan labsuu eegalan.
Qabeenyi innii horate walumaa galatti doolara Ameerikaa biliyoona 200 fi biliyona 50 guutera.
Waggoota muraasan asitti dureessaa sadarkaa tokkoffaa qabatee abbaa qabeenyaa Amaazoon Jeef Beezoos doolara biliiyoona hedduun caalee bira tare.
Qabeenyi isaa harki caalan qoodni aksiyoona Teslaa saffisaan guddachuu hordofuun ture.
Innii dhaabbata Tesilaa keessaa qooda % 17 ta’u qaba.













