US fi Iraan gidduutti lolli eegaluuf jedhamee sodaatamaa yeroo jirutti mari'atan

Jila US Istiiv Witkoof (bitaa) jila Iraan immoo Ministira Dhimma Alaa biyyattii Abbaas Aragaachiin [mirga] durfama

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jila US Istiiv Witkoof (bitaa) jila Iraan immoo Ministira Dhimma Alaa biyyattii Abbaas Aragaachiin [mirga] durfama
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Qondaalonni olaanoo Ameerikaafi Iraan muddamni gidduu isaanii erga lolatti qajeeluu mala jedhamee sodaatameetii Omaanitti mari'atan.

Mariin kuni Iraan lammiileeshee mormii bahan irratti haleellaa jabeessite jennaan US waraana ishee gara Giddugala Bahaatti erga bobbaaste booda dhufe.

Akka dhaabbileen mirga namoomaa jedhanitti lammiileen Iraan hiriira bahan kumaatamni ajjeefamaniiru.

Muddamni biyyoota lamaan gidduu hammaate jennaan jaarsummaan furuuf yaalamaa jira.

Haa ta'u malee, biyyoonni lamaan ejjennoo walirraa fagaate qabu.

Yoo mariin kuni milkaa'e gara araaraatti geessuu danda'a.

Iraan gabbisa niwukilaraa ishee akka dhaabdu akkasumas yuraaniyeemii gabbiste akka balleessitu Ameerikaan ni barbaaddi.

Mariin teellanaas dhimma misaa'elii baalistikii Iraan, deeggarsa biyyattiin hidhattootaaf gootu akkasumas akkaataa lammiilee ishee qabachuu qabdu akka dabalatu US ni barbaaddi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Iraan immoo ajandaan marii sagantaa niwukilaraa ishee qofaarratti akka daanga'u barbaaddi.

Dhibdee yookiin garaagarteen kuni yoo furameera ta'e hin beekamu.

Torbanoota muraasa booda kana Iraan yoo waliigalteerra hin geenye akka haleelan Tiraamp dubbataniiru.

Ameerikaan loltoota akkasumas doonii waraanaa jeettii waraanaa fe'u dabalatee gara Giddugala Bahaatti ergiteetti.

Iraan immoo haleellaa Ameerikaa haleellaan akka deebistu, akkasumas buufata waraanaa US Giddugala Bahaafi Israa'el jiranitti akka haaloo baatu dubbatte.

Jilli Iraan Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Abbaas Araagchiitu hooggana. Aangawaan kuni torban dura waraanni Iraan ''quba qaataarra kaa'ee eegaa jira'' jedhanii turan.

Jila Ameerikaa immoo ergamaa addaa Istiiv Witkoof and soddaa Tiraamp, Jaared Kushineeritu hooggana.

Kuni marii jalqabaa erga Iraan fi Israa'el waggaa darbe wallolan booda qondaalonni US fi Iraan taasisuuf jedhanidha.

Yeroos Ameerikaan buufata niwukilaraa Iraan gurguddoo sadii haleelte.

Iraan haleellaa sana booda sochiin gabbisa niwukilaraa ishee akka dhaabate dubbatte.

Hoggantoota Iraaniif mariin Ameerikaa waliin taasifamu carraa dhumaa biyya isaaniirratti haleellaa US aggaamame itti dhaabsisanidha.

Akka xinxaltoonni jedhanitti yoo Ameerikaan Iraan haleelte naannicha jeequmsatti naquu danda'a.

Iraan immoo erga Warraaqsa Islaamaa bara 1979 as yeroon ammaa yerootti dadhabdee jirtudha.

Waggootaaf Iraan sagantaan niwukilara ishee kaayyoo nagaaf akka oolu ibsiti. Ameerikaan immoo meeshaa niwukilaraa hojjechuufi kana gooti jechuun himatti.

Gaafa Kibxataa Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan ''araara haqaa'' akka gaggeessan ministira dhimma alaa biyyattiif ergaa dhaamaniiru.

Iraan marii kanaan qoqqobbiin irra ka'ameefi dinagdee ishee daake akka irraa ka'u barbaaddi.

Mormitoonnii bulchiinsa Iraan immoo qoqqobbiin yoo irraa ka'e dureewwan biyyattiif humna dabala jedhu.

Tiraamp immoo itti baha marii kanarratti hundaa'uun akeekkachiisa waraanaa isaanii dhiisuu malu.

Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatolaa Ali Kaamenii yaadda'uu qabuu jedhamanii kan gaafataman Donaald Tiraamp ''Yaadda'uu qaban jedha,'' jechuun NBC'tti himan.