Masrii, Turkii fi Qaatar, Ameerikaa fi Iraan Ankaaraatti walitti fiduuf

Madda suuraa, Reuters
Masrii, Turkii fi Kaatar dhuma torbee kanaatti marri Ameerikaa fi Iraan gidduutti Ankaaraatti qopheessuuf hojjechaa akka jiran maddeen dhimmichatti dhihoo waabeffachuun miidiyaaleen gabaasaa jiru.
Turkii, Masrii fi Kaatar kanaan dura bulchiinsa Tiraamp waliin dhukaasa dhaabuu Gaazaa irratti hojjechaa turan. Amma Waashingitan fi Tehran fulafulatti walitti dhufanii akka mari'ataniif tattaaffii taasifamaa jiru qindeessaa jiru.
Ameerikaan humna galaanaa fi qilleensaa guutuu gara daangaa Iraanitti bobbaasuu hordofee Iraan fi Ameerikaa gidduutti muddama dhalate tasgabeessuuf biyyootni Arabaa kunneen jaarsummaa taa'ufi.
Dhiibbaan dippilomaasii kun kan eegalame erga Hogganaan Olaanaa Iraan Ayaatollaah Ali Khamenei haleellaan Ameerikaa kamiyyuu gara waraana naannawa sanaa guututti akka geessu akeekkachiisanii booda.
Mariin kun ergamaa addaa Waayit Haawus Istiiv Wiitkoof fi qondaaltota olaanoo Iraan kan hirmaachisu ta'a jedhameera.
Ameerikaan humna waraanaa kana bobbaasuun Iraan irratti haleellaa fudhachuuf kan doorsist yoo ta'u Iraam gama isheen Haleellaan tokko irratti raawwatamnaan jeequmsi guddaan guutuu Baha Giddu Galeessaa keessatti akka qabatu akeekkachiifteerti.
Hogganaan Olaanaa Iraan Ayaatollaah Ali Kahameni "Ameerikaan waraana yoo jalqabde, waranni sun waraana naannootti qabatu akka ta'u beekuu qabu," jedhan.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Iraan waliin ''marii cimaatti jirra'' jechuun erga ibsanii booda marii kunis ''bu'aa qabeessa'' akka ta'u abdii qaban ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araghachi gama isaaniin sagantaa niwukilaraa Tehran irran ilaalchisee ''waliigaltee irra gahuu akka danda'an'' CNN'tti himaniiru.
Ta'us garuu Dooniin Ameerikaa naannawa sanitti siquu hordofee Iraan shaakala waraanaa qopheessiteerti.
Humnoonni Iraan naannoo daandii doonii addunyaa murteessoo ta'an keessa tokko kan taate bo'oo Hormuz irratti shaakala dhukaasa kallattiin akka gaggeessituufi Haleellaan isheerra geenyaan bo'oo kana akka cuftullee doorsisteeerti.
Qondaalli olaanaan Ameerikaa tokko akka miidiyaalee Ameerikatti himanitti , bulchiinsi Traamp waliigaltee dhimma Nikuleraa irra gahuuf marii akka barbaaduu gama adda addaan Iraan beeksisuu ibsaniiru.
Turkii, Masrii fi Kaatar kanaan dura bulchiinsa Tiraamp waliin dhukaasa dhaabuu Gaazaa irratti hojjechaa turan. Amma Waashingitan fi Tehran fulafulatti walitti dhufanii akka mari'ataniif tattaaffii taasifamaa jiru qindeessaa jiru.
'' Yaalaa jirra. Waan dandeenyu hunda gochuuf socho'aa jirraa,'' jedhan qondaalli biyyoota sadanii keessaa tokko ta'e.
Qondaalli Ameerikaa biraas mariin Turkitti taasifamu torban kana ta'uu akka danda'u mirkaneessaniiru.
Turkiiin haala Ameerikaa fi Iraan giddutti jiru jaarsummaan ykn marisisuun gidduu seenuuf torban darbe ifatti gaaffii dhiheessiteetti. Pirezdaanti Recep Tayyip Erdogaan Ankaaraan marii Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamuuf haala mijeessuuf qophii ta'uu ibsan.

Madda suuraa, Anadolu via Getty Images
Masriin tattaaffii dippilomaasii ishee biyyoota lamaan waliin qabdutti fayyadamuun muddamni kun gara maritti akka deemu dhiibbaa taasisaa jirti. Qondaaltotni Masrii qondaaltota Ameerikaa fi Iraan waliin mari'achuun haleellaan Iraan irratti akka hin raawwatamne gaafataa turte.
Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan Pirezidaantii Masrii Abdel-Fattah El-Siisii waliin bilbilaan akka mari'atanitti, Tehran haala jiru daran tasgabbeessuuf Kaayiroo waliin qindoomina guddaan akka hojjattu ibsan.
Kaataaris akkasuma sochii guddaa gochaa kan turte yoo ta'u, Ameerikaan buufata waraanaa guddaa Kaatar keessaa waan qabduuf, haleellaan iraan irratti raawwatamu akka ishee hin hanqannee yaaddoo qabdi. Baatii waxabajjii darbe wayita Ameerikaan buufata Nikuleraa Iraan 3 haleeltu Iraan ammoo Kaatar haleeluun haaloo bahuun ishee ni yaadatama.
Kanaafis waraanni nananawa kanatti akka hin hammaannee fi mariin taasifamu dhibba dippiloomaasii taasissa jirti.
MM Kaatar Sheek Mohaammad Bin Abdulrahmaan Al Taaniin qondaala olaanaa Iraan tokko waliin Tehran keessatti wal arganii karaalee waldhabdee hir'isuu danda'an irratti mari'achuu Ministeerri Dhimma Alaa Kaatar beeksiseera.
Dilbata darbe pirezidaant Doonaald Tiraamp Iraan waliin waliigalteerra ga'uuf abdii qabna jechuun dhaadannoo isaanii hir'isaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaa Araaghchi CNN'tti akka himanitti Iraan Ameerikaa irratti "amantaa dhabdeetti" jedhan.
Haa ta'u malee, qunnamtiin al-kallattiin karaa biyyoota naannawaa michoota ta'aniin waljijjiirraa yaadaa "bu'aa qabeessa" t'uu danda'u taasiseera jedhan.
Haleellaan Ameerikaan Iraan irratti taasiftu biyyoota hedduu gara waldhabdee bal'aatti geessuu akka danda'u xiinxaltoonni hedduun yaaddoo qaban ibsaa jiru.
Rakkoon akkasii gabaa boba'aa addunyaa jeequu fi daandii galaanaa ijoo balaadhaaf saaxiluu akka danda'u ibsaa jiru















