US Iraan haleelti taanan guutummaa naannichaatti waraanatu ka'a- Ayaatolaa Kameenii

Madda suuraa, EPA
Iraanirratti haleellaan gaggeeffame taanaan Iraan qofa osoo hin taane guutuu naannichaatti waraanni akka ka'u gaggeessaa olaanaan biyyattii Ayaatolaa Alii Kameenii ibsan.
Ayaatolaan kana kan jedhan muddamni Iraanifi US gidduutti cimaa dhufuun US humna waraanaa guddaa gara Baha Giddu Galaa geessuu hordofeeti.
"Warri Ameerikaa hubachuu kan qaban waraana ni eegalu taanan waraana naannichaa ta'a," jechuun Ayaatolaan dubbachuunsaanii miidiyaan Iraan Tasmin jedhamu gabaase.
Iraan "dhimmitee nu waliin mariyataa jirti" jechuun Tiraamp ibsee ture. Mariin kanaan waliigaltee qabatamaarra ni gahu jedhee akka amanus ibse Tiraamp.
Ministiira Dhimma Alaa Iraan kan ta'an Abbaas Araagchii dhimma nikulara Iraan irratti US waliin "waliigalteerra ni geenya jedheen amana" jechuun dubbatan turtii CNN waliin taasisaniin.
Iraan gabbisa nikularaa taasiftuufi mormii ji'a darbe keessa biyyattii raasee namoota nagaa heddu galaafate ilaalchisuun Tiraamp tarkaanfii humnaa Iraanirratti akka fudhatu ibsuun dooniwwan waraanaa gara Baha Giddu Galaatti akka socho'an ajajee ture.
Kuni ammoo biyyoota lamaan gidduutti muddama cimaa kaase.
Abbaas Araagchii waaraana hambisuuf marii US waliin eegalame yeroo ibsan: "Akka carraa ta'ee US waliin mariyachuurraa abdii kutanneerra," jechuun garuummoo karaa biyyoota michoota ta'anii naannichatti argamanii ergaa wal-jijjiiraa akka jiran ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qondaalli nageenyaa olaanaan Iraan Alii Larijaanii qajeelfamni marii qophaa'aa jiraachuu ibsanii turan.
US doonii waraanaa guddicha USS Abraham Lincoln dabalatee dooniwwan waraanaa garaa garaa Baha Giddu Galaatti geessiteetti.
Gaggeessaa olaanaan Iraan Ayaatolaa Kameenii garuu akeekkachiisi US kun waan haaraa akka hin taanefi uummanni Iraan sodaachisa UStiif iddoo akka hin qabne dubbatan.
"[Trump] yeroodhuma hunda dooniwwan waraanaa erguu dubbata... Iraan doorsisa kanaan hin raafamtu," jedhan.
Sambata darbe ammoo Iraan keessatti dhohiinsi mudachuu hordofee yaaddoo waraanaa jiru hammeessee ture.
Qondaalonni Iraan akka jedhanitti dhohiinsa mudateen namni tokko yoo du'u, namoonni 14 ammoo madaa'aniiru.
Dhohiinsi kan mudate Kibba Iraan magaalaa Baandar Abbaas jedhamutti yoo ta'u, sababni ammoo gaasiin dhohee ta'uutu himame.
Miidiyaa hawaasaa irratti dhohiinsi mudate ajajaa humna galaanaa Eegdota Warraaqsa Islaamaa irrati kan xiyyeeffate ta'uutu ibsame. Haa ta'u garuu, qodaalonni Iraan haleellaa osoo hin taane gaazii dhoherraa ka'uun balaan mudachuu ibsan.
Kibba Lixa Iraan magaalaa Ahvaazitti ammoo dhohiinsuma wal-fakkaataa mudateen namoonni 4 yoo du'an, dhohiinsa bakka lachuuttuu mudateef sababni gaazii ta'uu ibsan qondaalonni.















