Itoophiyaan barattoonni bilbila qabatanii mana barnootaa akka hin seenne dhorkite

Madda suuraa, Getty Images
ALI Bara 2018 eegalee manneen barnootaa Itoophiyaa keessatti argaman hunda keessatti bilbila, taabileetii fi meeshaalee elektirooniksii qabatanii seenuun akka dhorkame Ministeerri Barnootaa beeksise.
Ministeerichi akka himetti, barri barnoota bara 2018 Fulbaana 2 marii barsiisaafi barattootaan akka eegalu ibseera.
Akkasumas barnoonni Wiixata Fulbaana 5 akka eegalu Ministir Di'eetaan Dhimma Barnoota Waliigalaa Aadde Ayyalach Ishatee dubbachuu isaanii ministeerichi gama fuula Feesbuukiii himeera.
Aadde Ayyalach marii naannolee waliin gama onlaayinii taasisan irratti dhimmi bilbilaas mari'atamuu ministeerichi ibseera.
Bara 2018 eegalee barattoonni manneen barnootaa sadarkaa idilee duraa hanga kutaa 12ffaa keessatti baratan bilbila, taabileetii, fi meeshaalee elektirooniksii 'barnootarratti dhiibbaa uuman' akka fudhatanii hin seenne cimsanii dhorkamuu ministeerichi ibseera.
Ministeerri Barnoota dhorkaan kuni maaliif akka murtaaa'e waan ibse hin qabu.
Kana dura Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii bilbiloota ismaartii manneen barnootaa keessatti qabachuun balaa akka qabu akeekkachiisee ture.
Manneen barnootaa keessatti "teeknooloojii barumsa deeggaru qofti" akka fayyadu ibse.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Moobaayiliin xiyyeeffannoo barattoota dhorku, iccitii barattootaa balaaf saaxiluu fi qoccollaa karaa saayibariin barattoota miidhuu danda'a jedha, Jaarmiyaan Barnootaa, Saayiinsii fi Aadaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii UNESCO'n.
Garuu akka addunyaatti biyyoota afur keessaa tokko hin caalletu seera ykn imaammata bilbila manneen barnootaa keessatti dhorku tumatee qaba jedha gabaasni Adoolessa 2023 bahe.
Dhihoo Kooriyaan Kibbaa seera manneen barnootaa keessatti bilbila mobaayilii fi meeshaalee elektirooniksii fayyadamuu dhorku baasteetti.
Araada bilbila fayyadamuu ittisuuf kan kaayyeffate yoo ta'u, waggaa dhufu eegalee hojiirra oola jedhameera.
Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa sababa dhorkaa kana kaa'e ifa gochuu baatus, waggoota muraasa dura hanna qormaataa ittisuuf barattoonni kutaa 12ffaa qoraman bilbila qabatanii akka hin seenne dhorkeera.
Kanarra darbees yunivarsitii keessatti akka qoraman ta'eera.
Biyyoonni tokko tokko akkaataaan itti fayyadama mobaayilii barnoota isaaniirratti miidhaa akka qabu ibsuun barattoonni qabatanii mana barnootaa akka hin seenne dhorku.
Manneen barnootaa Kooriyaa Kibbaa tokko tokko biyyattiin osoo seera hin baasin dursanii dhorkani.
Biyyoonni kanneen akka Finlaand fi Faransaay immoo barattoonni ol adeemoon mana barnootaa keessatti bilbila akka hin fayyadamne hamma tokko dhorkaniiru.
Kanneen akkaa Xaaliyaanii, Nezarlaandis fi Chaayinaan immoo manneen barnootaa hunda keessatti bilbila fayyadamuu dhorkaniiru.
Itoophiyaanis faana biyyoota kanaa hordofuun bilbila dabalatee meeshaa elektirooniksii kamuu gara manneen barnootaa qabatanii akka hin seenne dhorkiteetti.
Barattoonni bilbila qabatanii seenan irratti adabbiin taasifamu, yeroo wayitii kompitaraafi kaan meeshaalee elektirooniksii qabatanii seenuun yoo eeyyamama ta'es hin beekamu.
Gama kaaniin, barattoota deeggarsa tekinolojiin deeggaraman ilaalchisee haalli addaa isaan itti qabatan yoo jiraate ammatti ifa hin taane.
Fakkeenyaaf Nezarlaaandis garuu barattoonni mobaayilii qabatanii akka hin seenne dhorkituus dhorkaan kuni barattoota qaama miidhamoo ta'an hin ilaallatu.
Yeroo barnoota dijitaalaa baratan barattoonni mobaayilii akka fudhatanii seenaniis eeyyamti.












