Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paastariin ‘ani ilma Waaqayyooti' ofiin jedhu daa’immaan saalqunnamtiif daddabarsuun to’atame
Paastariin beekamaan daa'imman saalqunnamtiif daddabarsuun Filiippiinsiifi Ameerikaatti barbaadamaa ture to'atame.
Poolisiin nama lammii Filippiins ta'e 'ani ilma Waaqayyooti ' ofiin jedhu, Appooloo Kuyiboloy, to'achuuf waldaa inni itti lallabu torban lamaaf marse.
Sababa kanaan muddama hordoftootasaa kumaatamaan lakkaa'amaniifi poolisota gidduutti dhalateen miseensa waldichaa keessaa tokko dhukkuba onneetiin du'e.
Hordoftoota miiliyoona torban qaba kan jedhu Kuyiboloy himannaa irratti dihyaate hunda haaleera.
Ministeerri Haqaa Ameerikaa bara 2021 Kuyiboloy daldala saalqunnamtii daa’immanii, gowwomsaa fi maallaqa seeraan alaa daddabarsuutiin himate.
Akka Poolisiin Federaalaa Ameerikaa (FBI)akka jedhutti, Paastarichi ijoollee durbaa fi dubartoota biyya Filiippiinsiirraa gara Ameerikaatti maallaqaan daddabarsaa ture.
Gargaartota isaa dubartootaas akka isa waliin saalqunnamtii akka raawwatan gaafate jedha FBI.
Kun hundi Kuyiboloy gorsaa dhimma amantaa hogganaa duraanii Filippiins Rodrigoo Dutertee ta'uun beekamtii argachaa wayita jirutti ture.
Haata'u malee, Duteertee bara 2022 aangoo gadhiisuu hordofuun beekamtiin Paastarichaa hir’ate.
Aanga'oonni Filiippiinsii dhiheenya kana qocollaa daa'immanii, miidhaa saalaa fi daddabarsa namootaatiin himata kan irratti banan yoo ta’u, akka hidhamuuf ajajaniiru.
Poolisoonni kumaatamaan lakkaa'aman waldaa Daavo heektaara 30 ta’u kana torban lamaaf marsanii Kuyiboloy to’atan.
Poolisiin Paastarichi torban lamaaf kutaa gamoo gamoo gara lafaatti aanutti dhokatee akka ture beeksise.
Mooraa sana keessa waldaa fi mana barumsaa dabalatee ijoollee 40tu ture.
Abukaatoon Kuyiboloy akka jedhanitti, poolisiin paastaricha qabachuuf mooraa [KEGC] torban lamaaf gara buufata poolisiitti jijjiire jechuun muddamni dhalate lubbuun nama tokko akka darbuuf ka’umsa ta’eera jedhan.
Dubbi himaan Poolisii biyyattii Koloneel Jiin Fajardoo Dilbata darbe akka jedhanitti, Kuyiboloy sa’aatii 24f keessatti harka kennatu ajajamu hordofee harka kennateera jedhan.
Haa ta'u malee, abukaatoon isaa Israa'eel Tooreen paastarichi walitti bu’insa hambisuuf harka kennachuu ibse.
Kuyiboloy osoo hin hidhamiin dura 'Seexanni hojii keenya qoraa jira' jechuun dubbatee ture.
Dhaabbanni Qorannoo Yakkaa Federaalaa -FBI’n dhimmi keessa akka hin seenne dubbateera.
Ministeerri Haqaa Ameerikaa kanaan dura Kuyiboloy himate,Pirezidant Filippiinsi Duteerteen aangoo pirezidantii ammaa Feerdinand Maarikoos Juuniyeriif dabarsuu ji’oota dura akka hidhamu barbaada ture.
Haa ta'u malee, aanga'oonni biyyattii Paastaricha hordofuu kan jalqaban bara Maarikoos ture.