Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dambi Doollootti xannachi KG20 ulfaatu shamarree waggootaaf barumsarraa habise akkamiin baafame?
"Manaa gadi bahuullee saalfachaa turte, namni waan isheen manatti ulfoofte itti fakkaataa ture" maatii shamarree.
Shamarreen umrii waggaa 25 jiraattuu Godina Qeellam Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan taate tibbana gara Inistitiyuutii Fayyaafi Hospitaala Kompireensivii Ispeeshaalayizdii Yunivarsiitii Dambi Doolloo yeroo deemtutti garaanshee akka malee guddatee ture.
"Yeroo dhuftu dubartii dahumsa jala geesse caalaadha kan garaanshee guddatee ture" jedhu hospitaalichatti Ispeeshaalistii Ulfaafi Gadamessaa kan ta'an Dr. Yoonaas Ayyalaa.
Haa ta'u malee dhimmi shamaree tana gara hospitaalaa fide kun ulfa osoo hintaanee dhiitoo waggootaaf sochii shamaree kanaa danqefi dhiibbaa xinsammuuf saaxilee turedha.
Shamarreen kun waggoota saddeet dura dhiitoo kana ofirratti arguu akka eegalte dubbachuushee BBC'tti kan himan Dr. Yoonaas, dhiitoon kun yeroo keessa guddachaa adeemuu himan.
Sochiishee danquu bira darbees barumsashee akka adda kuttus taasise.
- Oduufi xiinxala keenya kallattiin argachuuf Chaanaalii WhatsApp asiin seenaa.
"Waggaa 8 dura kutaa 9ffaa barachaa turte. Sababuma dhibee kanaatiin barnootashee adda kutte" jedhan ogeessichi.
Hawaasni naannoos shamarreen kun gaa'ela osoo hingodhatin manatti akka ulfoftetti fudhachaa akka turan maatiirraa odeeffachuu kan himan ogeessichi, qaamnishees miidhamuu himan.
Dhiitoon kun shamareen kun soorata bifa sirriin akka hin nyaanne dhorkuun 'qaamnishee baay'ee akka huqqatu' taasisuun dabalataan hidda dhiigasheerratti dhiibbaa uumuun miillishee akka dhiita'u taasisaa turuu dubbatan.
Ogeeyyii 10 fi yaalii sa'aa 2 ol fudhate
Ogeeyyiin Inistitiyuutii Fayyaafi Hospitaala Kompireensivii Ispeeshaalayizdii Yunivarsiitii Dambi Doolloo qorannoo taasisaniin dhiitoon shamarree tana waggootaaf rakkisaa ture naannoo gadameessaarraa kan ka'efi dhiita'uu xannacha ovaarii akka ta'e baran.
"Ovaariin xannacha ji'a ji'aan hanqaaquu omishtufi bitaaf mirgaan gadameessatti qabattee jirtudha. Ovaarii kanatu al tokko tokko garmalee guddata" jedhan Dr. Yoonaas.
Xannachi kun yeroo tokko tokko gara kaansariitti jijjiiramuu akka danda'u kan himan ogeessi kun, "al tokko tokkommoo osuma kaansarii hinta'in humnaa ol guddata" jedhan.
Haaluma kanaan gareen ogeeyyii fayyaa 10 ta'an ofkeessatti qabatefi Dr. Yoonaas Ayyalaan durfamu Roobii ALI Sadaasa 17, 2018 wal'aansa baqaqsanii yaaluu sa'aatii 2 ol fudhateen xannachi waggootaaf shamaree kana keessa ture akka bahu taasisan.
Xannacha bahe ilaalchisee yemmuu dubbatanis "xannachichi guddaadha, kilogiraama 20 ulfaata" jedhan Dr. Yoonaas.
Dabalataan shamarreen kun yeroo ammaatti haala gaariirratti akka argamtu himuunis, "iddoon baqaqfamee itti hodhame sun dhukkubbii qabaachuurra kan hafe haala gaarii keessa jirti" jedhan.
Ka'umsi xannacha kanaa maali?
Xannachi (dhiitoon) ovaariirraa ka'u umriidhaan akka hindaangofne kan himan Dr. Yoonaas, "daa'imman xixiqqoorrattillee mul'achuu danda'a" jedhu.
Haa ta'u malee "daa'imman irrattifi namoota umriin deeman irratti sababni ka'umsaa adda addadha" jedhan.
"Fakkeenyaaf yeroo dubartoonni umriinsaanii adeemee hin deenyefaa yoo ta'e bakki ovaariin hanqaaquu irraa bahe madaa'ee fayya. Adeemsa keessa madaa'ee yeroo fayyu gara waan biraatti jijjiiramuu danda'a. Dhiitoon kun akkasiin uumamuu danda'a" jechuunis himan.
Daa'imman irrattimmoo sanyiin (genetics) kan walqabatu ta'uu akka danda'u ogeessichi eeraniiru.