Dargaggeessi fooddaa konkolaataatiin utaalee mucaa lolaan nyaatamuuf ture oolche eenyu?

Abdii Tufaa

Guyyaan isaa Fulbaana 15 bara 2016 ture. Godina Harargee, Hirnaatti bokkaan sa’aatii sadii oliif walitti fufee roobee ture lolaa cimaa uume.

Daa’imni waggaa 10 kan re’ee tiksaa ture tokkos, re’een jalaa deemnaan deebisuuf deemee yoo deebi’uuf jedhu muciichis lolaadhaan marfame.

Hawaasni naannoo sanaas iyyee iyyisiisee namni naannicha guute. Yeroo sanattis bokkaan hin caamne ture.

Bakkichi daandii guddaa Finfinnee irraa gara Harar deemurra waan ta’eef konkolaattonni mucaa kana argan hedduunis bakkichatti dhaabbatanii ture.

Lafti daa’imni sun irra dhaabbatee ture dhawaatuma ykn waluma jalaan hanguma bishaan dabalu dhuunfatamaa deeme. Hamma kanatti maatiis ta’ee dirmataan mucaa kana baraaruuf bishaanicha seenuuf murteesse hin turre.

Hammi namaa achi dhaabbatee iyyee caraana. Bishaan dabalaa deeme. Hunduu abdii kutatee yeroo mucaa kana lolaan kun fuudhee deemu ilaaluuf dhihaateera.

Yeroo kana ture dargaggoon konkolaataa otobisii Harar irraa gara Finfinnee dhufaa ture keessaa tokko waan raajii kan raaawwate.

Maqaan isaa Abdii Tufaa jedhama. Salaale, aanaa Hidhabuu Abooteetti dhalatee guddate.

Abdiin Magaala Hararitti hojii dhuunfaa hojjetaa kan jiraatuu fi Ayyaana Masqalaa maatiisaa waliin kabajuuf gara Salaaleetti imalaa ture.

Ta’ii guyyaa sanaa akkas jechuun BBC’tti hime.

Abdii Tufaa wallaansa irra ta'e
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Otobisiidhaan deemaan ture. Hirnaa yeroo geenyun dammaqe malee rafaan tureeyyu. Yeroon oljedhu daa’imni galaanaan marfamtee uummanni gama dhaabbatee iyyaa jira.”

“Yeroon fooddaa irraa gadi ilaalu iji kiyyaa fi kan daa’ima sanaa walirra bu’e. Daa’imni kun nyaatamuufiidha. Namni baraaruuf seenu hin jiru. Yeroosan ofittan murteesse,” jedha.

Abdiin taatee kana yeroo arge konkolaachisaadhaan ‘naaf dhaabi’ jedhee karaa balbalaa bahuuf yeroo hin arganne.

“Karaan cuccufamaa waan tureef konkolaataan suuta deema. Battalan fooddaa konkolaataa na cinaaa jiru baneen utaalee bu’e. Fiigeen galaanicha seene,” jedha.

Mucaa xiqqaa lolaadhaan nyaatamuuf jirtu kana arginaan miraa isaa too’achuu akka dadhabe kana himu Abdiin, bilbilasaa, waraqaa eenyummaas ta’e maallaqa kiishaa qabu baasuus hin yaanne.

Akkuma jiruun seenee daa’ima kana bira gahe. “Anaa daa’ima kana bira gahu lolaan baayyee dabale. Nu lachuu oofee nuun deeme. Mucaa akka bishaan hin dhugne harka tokkoon mataasaa olqabaan gara maddiitti bahuuf yaale,” jedha.

Lolaan kun isaa fi daa’imicha hangaa meetira 100 akka oofee fi daa’imicha miidhaa tokko malee qarqaratti akka baasees hima.

Lolaan kun daran guddaa waan tureef dhagaa fi jirma adda addaa walitti haree deemaa ture. Erga mucaa baasee booda ofiif yoo bahuuf jedhu lolaan kun Abdii dhagaa fi jirmatti buuse.

Kanaanis Abdiin miidhaa qaamaa cimaadhaaf saaxilame. Luka isaa jilbaa gaditti cabe. Lafee dugdaafi mudhii irras miidhaan akka gahe hima Abdiin.

“Luktikoo jilbaa gaditti cabeera. Mudhiikoo fi dugdakoo kanarras lafeenkoo miidhameera. Amma yaalamaan jira. Miillikoo amma fayyaa jira. Kan mudhiikoo garuu miidhaa cimaadha,” jedha.

Abdiin lubbuu daa’ima kana baraaruuf ofirratti murteessee gocha raawwaateen miidhaa qaamaa cimaaf saaxilamus waan raawwateetti garuu hedduu akka gammadu dubbata.

“Wanni guddaan mucaa kana oolchuukooti. Silaa mucaan kun nyaatamaayu. Ani osoon du’eeyyuu mucichi erga oolee homaa miti. Miidhamus gocha kiyyatti gammachuun qaba,” jedha.

Dargaggeessi lubbuu daa’ima lolaadhaan nyaatamurraa oolche kun yeroo ammaa mana maatii mucichaa ciisee yaalamaa jira.

Obbo Naasir Ibrooshee maatii mucaa lolaarraa oolfamee yoo ta’an yeroo ammaa Abdii mana isaaniitti kunuunsaa fi yaalchisaa jiru.

Isaanis Abdiin “Waaqatu Maaleekaa nuuf erge,” jedhanii ibsu. Gootummaa dargageessa kanaatiin lubbuun mucaa isaanii ooluun hedduu akka isaan gammachiise himan.

“Namni akkanaatuu bara kana hin jiru. Namni naannoo osoo achi dhaabbatanii iyyanii inni ofitti murteessee daa’ima kana nuuf oolche. Abdiin nuuf akka maleekaa rabbiin daa’ima keenya oolchuuf ergeetti laalla,” jedhan.

Yeroo ammaa kanas hospitaalatti deddeebisanii yaala akka argatuu fi manattis kunuunsa gochaafii jiraachuu isaanii himan.

Dargaggeessi Salaalee kun erga gocha gootummaa kana raawwatee hawaasa naannichaatii fi miidiyaa hawaasummaa irratti hedduu leellifame.

Ta’ulleen miidhamni Abdiirra gahe haalaan cimaa ta’uurraa kan ka'e yeroo ammaa namoota afuriin deeggaramee bakkaa bakkatti socho’a.

Obbo Naasiris Abdiin hanga guutumaatti fayyutti kunuunsa gaarii akka godhanii fi gaafa Fayyes gaggeessaa gootaa goonaaf jedhan.

“Abdiin goota goota caalu. Silaa mucaa keenya qaata sabbarre ture. Nuti amma abdii akka mucaa keenya hangafaatti ilaalaa jirra,” jedhan.

Gocha gootummaa dargagggoon kun raaawwateefi miidhaa irra gaherraa akka dandamatuuf namoonni biyya keessaafi alaa deegarsa gochaafii jiraachuus himan Obbo Naasir.

Abdiin miidhama irra gaherraa yeroo fayyetti imala lubbuu daa’ima kanaa oolchuuf irraa hafe gara maatii isaa gaafachuu deemuuf yaada qabaachuu BBC’tti hime.