Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Horsiisee bulaan Booranaa maatiisaa camadee qotee ture barana akkamiin qamadii kuntaala 74 oomishe?
Aab Kuusa Duubaa Jaarsoo, Godina Booranaa aanaa Dirree, ganda Waalmalii keessa jiraatu. Jireenyi isaaniis horsiisa beelladaa irratti kan hundaa’e ta’ullee hojii qonnaas ni hojjetu ture.
Waggaa darbe bonni Booranatti akkaan hammaatee ture Aab Kuusaafis beellada tokkoolleen hin hambifne. Beellada isaanii bonni fixee jennaan maatii isaanii waliin beelli fixuu yaaddootti turan.
Boodarra bokkaan Booranatti roobe hojii qonnaatiif haala mijataa uumulleen erga sangoonni ittiin qotan dhumanii waan ta’eef fala hin finne.
Maatii nama sagalii kan bulchan Aab Kuusaa garuu harka maratanii bokkaa qonnaaf haala mijataa uume kana hin ilaalle.
Meeshaa qonnaa isaanii kaafatanii ijoollee fi haadha warraa isaanii waliin dabaree akka sangaatti meeshaa qonnaa harkisanii qonna jalqaban.
Gochi kun kan maatii isaanii qofa osoo hin turre, warri ganda isaanii hedduunillee maluma kanatti fayyadamanii lafa isaanii qotan.
Suuraan namoota akka sangaatti meeshaa qonnaa osoo harkisanii qotanii agarsiisu yeroo sanatti miidiyaa hawaasummaa gubbaatti waan hedduu irraa haasa’ame ture.
Horsiisee bultoota kanaaf garuu mala lubbuu ittiin tursiifatan ture.
“Bokkaan roobee jennaan silaa garaachi nu fixuusaati maal wayya jedheen yaade. Mootummaalleen sanyii filatamaa tokko gargaarsaan nuuf kennee ture. Amma sanyii tana yoo nyaanne bara dhuftu beelli nu fixxi kanaafuu namumaan qonnee facaasna jedheen jalqabe,” jedhu Aab Kuusa.
Gaaf jalqabaa Aab Kuusi akka sangaatti fuulduraa meeshaa qonnaa harkisaa, haati warraa isaanii ammoo duubaa ittiin qotaa turan.
“Lafa isa tokko guyyaa sadii qonne. Lafa isa tokko ammoo humni keenyas dadhabaa deemee jennaan guyyaa shan qonne. Lafa kan biraa tokko ammoo guyyaa sadii qonne,” jedhan.
Akka isaan jedhanitti mala qonnaa ‘Namaan qotuu’ jedhan kanaan isaan maatii isaanii waliin waliigala lafa hektaara sadii ta’u akka qotanii turan.
“Lafti bokkaan roobe jennaan jabina hin qabu laafaa ture. Sana malee yeroo namaan qonnu kana akka yeroo sangaaan qotanii gadi qabnee hin qonnu akkuma sanyii dhoksutti gubbuma gubbaa qonna ture,” jechuun gaaffii namaan akkamitti lafa hanganaa qotuun danda'ama jedhu deebisu.
Lafa hektaara sadii namaan qotan kana keessaa hektaara 1.8 qamadii yoo facaasan kan hafe ammoo boqoolloo facaasuus himu.
Aab Kuusi qamadii maatii isaanii waliin ta’uun akka sangaatti harkisanii qotan amma Kombaayinaraan sassaaban. Waliigalas lafa hektaara 1.8 kanarraa qamadii kuntaala 74 argachuu BBC’tti himan.
Omishini boqoolloo lafa hektaara 1.2 irratti facaasan ammoo ammayyuu ooyiruu irraa kan hin sassaabamne ta’uus dubbatan.
Rakkoon bonni fidde mala jireenyaa nubarsiise kan jedhan horsiisee bulaan kun, amma sangaa ittiin qotan bitachuus himan.
“Duraan beellada malee jiraachuu hin dandeenyu jennee yaanna ture. Yoo beelladi dhuman nullee inuma dhumna jenna. Bonni darbe sun rakkinaan wal nubarsiisee darbe. Amma sangoota qonnaa bitadheera. Bara dhufu isaaninan qota,” jedhan.
Aanaa Dirreetti ogeessa qonnaa kan tahan Obbo Ibraahim Abdii gama isaaniin, horsisee bultoonni gandoota aanichaa hedduun yeroo bonni beellada jalaa fixe sanatti mala ‘namaan qotu’ kanaan of baraaraniiru jedhan.
Karaa mootummaatiinis deeggarsi sanyii filatamaa taasifamaafii akka turee fi yeroo omishni isaanii gahettis kombaayineraan akka walitti qabataniif haala mijeessuufis himan.
Horsiisee bultoonni mala kanaan rakkoo jala darbanilleen ammas taanaan horsiisee bultoonni hundi sadarkaa ofdanda’anii yaaddoo jalaa bahanirra akka hin geenyes dubbatan Obbo Ibraahim.