Mozaambikitti bidiruun dhidhimtee yoo xinnaate namoonni 90 du’an

Bidiruu dhidhimte

Madda suuraa, Getty Images

Kaabaa Mozaambikitti bidiruun tajaajila geejjibaa kennaa turte tokko dhidhimtee 90 ta'an du'uu qondaaltoonni naannichaa beeksiisan. Namoota balaa kanaan dhuman garri caalan isaanii daa'immanidha jedhameera.

Qondaaltoonni bulchiinsa Naampuulaa kan bakka balaan kun itti qaqqabee, namoota bidiruu sanaan imalaa turan 130 keessaa hanga ammaatti lubbuun kan argaman namoota shan qofaadha jedhan.

Barreessaa muummeen Bulchiinsa Naapuulaa Jeeyiimii Neetoo, imaltoota balaan kan mudate wayita weerara Kooleeraa naannoosaaniitti mudate osoo baqataa jiranuudha jedhan.

Jeeyiimii Neetoo ‘‘bidiruun sunis humnaan ol waan feeteefi namoota deedeebiisuuf kan hojjatamte waan hin taaneef dhidhimte’’ jedhan.

Waraabbiin viidiyoo BBC mirkanneeffachuu hin dandeenyeefi miidiyaalee hawaasaa irratti bal’inaan qoodamaa ture, reeffii namoota bidiruu dhidhimteen du’an jedhamanii qarqara galaanaatti baayinaan mul’ata.

Du’a namoota 90 qondaaltoonni naannichaa mirkaneessan alatti, namoonni bakka buuteen isaaniin hin beekamne 30 waan ta’eef lakkoofsi namoota du’anii kanaan ol ta’uu akka danda’u eegama.

Imaltoonni bidiruu kanaan imalaa turanis weerara Koleeraa Luungaa kan bulchiinsa Naampuulaa keessatti argamtutti ka’e baqachuun gara odoola Moozaambikitti imalaa turan.

Bulchiinsi Naapuulaa bakka irra deddebiin dhibeen Kooleeraa keessatti ka’udhaa.

Akka dhaabbata UNICEF’tti, yeroo ammaa kana weerarri Kooleeraa naannichatti qaqqabe kan waggoota 25 asii isa hamaadha jedhameera.

Moozaampikitti hanga ammaatti namoota Koleeran qabame 13,700 kan galmaa'an yoo ta’u, isaan keessaa 30 lubbuun darbuun barameera.

Waggoota dhiheenyaan as sababii sochii garee harbeessitoota Islaamaatiin Moozaambik keessatti lubbuun namoota nagaa hedduu darbeera.

Bulchiinsa Kaaboo Deelgaadoo kan ollaa Naampuulaa taatetti baroota darban jaha keessatti sochii garee Islaamaatiin yoo xinnaate lubbuun namoota kuma afurii olii yoo badu, kanneen miliyoona tokkoo ol ta’an ammoo bakka jireenyaa isaaniirraa buqqa’aniiru.