Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Duubatti tarkaanfachuun dandeetti waa yaadachuu fooyyessa - Qorannoo
Dhimmi waa yaadachuu gaafa ka'u baayyeen keenyi sammuun keenyi waan arge, dhagaheefi barate sirriitti otoo yaadatee barbaanna.
Maqaa namootaa irraanfachuun deebinee gaafa isaan arginu qaana'uu hanga kutaa qormaataa keessa teenye deebin gaaffii tasumaa yeroo sammuu keenya keessaa badutu jira.
Kana akkamiin fooyyeessina?
Malooti sasalphaa kana fooyyessuu danda'an keessaa tokko gara duubaatti tarkaanfachaa adeemuu dha.
1, Gara duubaatti tarkaanfachuu
Sammuu dhala namaaf yeroo fi iddoon dhimmoota walkeessa jiran ykn walitti hidhatanii dha.
Keessumaa biyyooti lixaa yeroo akka waan sarara dalgeerra adeemutti ilaalu.
Bara 2018tti Yunivarsiitiin Rohaamitan Landanitti argamu yaalii tokko dalage.
Hirmaattonni yaalii qorannoo kanaa, jechoota, fakkii, viidiyoo fi suuraalee garagara akka ilaalan erga taasifameen booda gara duubaattii akka tarkaanfatan gaafataman.
Hirmaattonni isa yeroo kaanirra waan arganiifi dhagahan baayyee yaadatan. Yaadaan gara duubaatti adeemuun immoo irra caalaa hojjeteera.
Haala kanaan waa yaadachuun dhiibbaa yeroo keessa adeemuu ''mnemonic effect'' jedhama.
Qorannoowwan biroo wajjinis kan wal-sime fakkaata. Fakkeenyaaf hantuutni gara duubaatti yaaddi, kunis karaa itti boqolloo nyaattu argattu sirriitti yaadachuuf ishee gargaara.
Bara 2019tti qorannoon bahes akkasuma namoonni dhimma tokko sirriitti yaadachuuf sammuu isaanii keessatti taateewwan darban deebisanii fiduun ni hojjetaafi.
2, Fakkii kaasuu
Dhimma tokko fakkii kaasuun yoo ibsine tokko tokkoon akka yaadannu nu dirqisiisa.
Gareen ga'eessotaa fi dargaggootaa jechoonni tartiibaan isaaniif kennamuun walakkaan akkasumaan akka yaadataan walakkaan immoo fakkii jechoota sanaa akka kaasan gaafataman.
Boodarra hangam jechoota kunneen akka yaadatan gaafa gaafataman warri fakkii kaasan garaagarummaa guddaa agarsiisan. Ga'eessonni otoo hin hafiin jechooti yaadatan kan dargaggootaan qixxee ture.
Warreen jecha qofa barreessan garuu hamma warra fakkii kaasee yaadachuu hin dandeenye.
Fakkii kaasuun namoota dhukkuba waa irraanfachuu qaban otoo hin hafiin waa yaadachuuf isaan gargaara.
3, Sochii qaamaa gochuu
Walumaa galatti sochiin qaamaa kamiyyuu dandeetti waa yaadachuu keenyarratti dhiibbaa gaarii qabu. Sochiin garagaraa dandeettii waa yaadachuu keenya irrattis dhiibbaa wal-fakkaataa hin qabu.
Namoonni yeroo baayyee lafoo adeeman, gaara bahanii bu'an faa dandeettiin dhimmoota guyyuu yaadachuu isaanii fooyya'aa dha.
Kanneen ispoortii ciccimaa dalagan ammoo dandeettiin argama bakka tokkoo, halluu miyaa fa'irratti dandeettiin nyaadachuu isaanii kaanirra wayyoo qaba.
Irra deebi'uu, ammas irra deebi'uu
Waa barachuuf - waan barattu sana irra deebi'i.
Ammas irra deebi'i, ammas irra deebi'i.
Irra deddeebi'uun meeshaa waa yaadachuu si'ataa tahe dha. Kanarraa bu'aa gaarii argachuu barbaadda taanaan odeeffannoo baruu barbaaddu yeroo dheeraa fudhadhuutii hubadhu.
Shaakalliin akkasii kuni dandeettii waa yaadachuu akkaan fooyyessa.
'Odeeffannoo bulchuu'
Hirribni dandeettii waa yaadachuu keenya akka gargaaru amanama. Kunis odeeffannoo guyyaa fudhanne deebisee nutti himuufi yaadannoo keenya dammaqsuun akka hojjetu taha.
Tahus haalli hirriba keenyaa murteessaa dha, hirriba hin jeeqamne yoo qabaanne waa qulqulleessinee akka yaadannuuf nu gargaara.
Yoo hirriba gahaa qabaanne, dammaqnee oolla, dammaqnee yoo oolle hirriba gaarii qabaanna. Kunimmoo akkatti sammuun keenyi odeeffannoo xiinxalurratti dhiibbaa gaarii qaba.
Kana booda dandeetti waa yaadachuu kee fooyyeessuu yoo feete: miilaan gara duubaa tarkaanfachuu, waan yaadachuu barbaaddu fakkii kaasuu, irra deddeebiin shaakaluufi hirriba gahaa rafuu dha.