Waraanni Sudaan mormitoota gara masaraa mootummaa imalan dhukaasaan bittimse

Madda suuraa, AFP
Waraanni mootummaa Sudaan mormitoota kuma kurnaan lakkaa'aman kanneen mormii dhageessisuuf gara masaraa pireezidantii biyyattii imalaa turanirratti gaazii nama imimmaanessu dhukaasuun bittimse.
Waggaa tokkoffaa fonqolcha mootummaa, ce'umsa dimokiraasii biyyattii gufachiise, sababeeffachuun guutuu biyyattiitti mormiin gaggeeffamaa jira.
Hogganaan waraanaa Abdel Fattah al-Burhaan erga aangoo qabatanii as hiriirri diddaa fonqolcha mootummaa torban torbaniin gaggeeffamaa tureera.
Humnoonni nageenyaa bara darbe mormitoota 100 ol ajjeesuun himatamaniiru.
Humni waraanaa aangoo qabachuun arjoomtonni gargaarsa akka addaan kutan kan taasise yoo ta’u, kunis diinagdee Sudaan tasgabbii dhabsiiseera.
Kibxata kaleessaa mormitoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman daandiitti bahuun mormii dhageessisaa turuu isaanii maddi oduu Rooyitars gabaaseera.
Isa booda humnoonni nageenyaa gidduu seenuun mormitoota kunneenitti gaazii imimmaanessu dhukaasuun gara masaraa preezdaantii magaalaa Kaartuum argamutti akka hin qajeelle ittisan.
Mormitoonni kunneen aduun lixuu jala wayita geessu masaraa mootummaa irraa gara kiiloo meetira tokkoo fagaatanii bakka hiriiranitti bittinnaa'an.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gareen hordoffii intarneetii Netblox jedhamu tajaajilli interneetii hanga dhihee sa'aatii 12tti akka addaan citee ture beeksiseera.
Omduruman keessatti namni tokko konkolaataa humnoota nageenyaatiin rukutamee du’uu koreen giddu galeessaa doktoroota Sudaan mormii kana deeggaru beeksiseera.
Kanaanis lakkoofsi namoota sababa mormiitiin du'anii 119 gaheera.
Waggaa tokko boodas hanga ammaatti hoogganoonni raayyaa ittisaa muummee ministiraa hin muudamne.
Deeggartoonni Omar al-Bashir kan bara 2019 aangoo irraa bu'an gara aangootti dhufaniiru.
Al-Bashir fonqolcha aangootti isa fide fi waraana Darfur waliin wal qabatee mana hidhaa keessa taa'uun himata irratti baname hordofaa jira.
Hoggantoonni raayyaa ittisa biyyaa yeroo mootummaan ijaaramu aangoo isaanii dabarsaniie akka kennan kan ibsan yoo ta'u, fonqolcha mootummaa dura aangoo waliin qooddachaa kan turan 'Humnoota Jijjiirama Bilisummaa' jedhamu waliin marii gaggeessaa jiru.
Mormitoonni hedduun marii kana ni didu.












