Wal'aansoo hidhattoota Hamaas jalaa bahuuf: Maatii ofii du'anii daa'imman baraaran
Wal'aansoo hidhattoota Hamaas jalaa bahuuf: Maatii ofii du'anii daa'imman baraaran
Doleev fi Odaayaa Siwiisaa daa’imman isaanii hidhattoota Hamaasirraa baraaruuf osoo yaalanii lubbuun isaanii darbe.
Taateen kaameraa bulchiinsa magaalaa daandirra tureen waraabame kuni Onk. 07 yeroo Hamaas daangaa cabsee Israa’el seenuun haleellaa raawwate mudate.
Akkawoon daa’imman kanaa Eliyaanaa Siwiisaa waa'ee ilma isaaniifi niitii ilma isaanii ajjeefame akkasumas mucaa mucaa isaanii yeroo ammaa abbaafi haadha malee hafan BBC Afaan Arabaatti dubbataniiru.
Haleellaa gaafasiin Hamaas namoota 1,400 ajjeesee 200 ol immoo butee fudhate.
Haleellaa haaloo bahuu Israa’el eegasii Gaazaatti raawwatteen 10,500 ol du’uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin hoogganamu ibseera.






