Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezedantiin addunyaarratti ganna dheeraaf bulchan waggoota 43'f itti fufanii bulchuuf
Pirezedantiin addunyaarratti ganna dheeraaf aangoorra turan filannoo injifachuun Ikuhatooriyaal Giinii Pirezedantummaan bulchuu itti fufuuf jiru.
Tedoroo Obiyaang Niguyema Mibasogoo maanguddoo umriin isaa ganna 80 yoo ta’u, sagalee deeggarsaa %95 argatee filannoo injifachuu bu'aan filannoo ibsameera.
‘’Bu'aan filannoo ammas nu ta’uu mirkanneessa,’’ jedha itti aanaa Pirezedantii biyyattii fi ilmi Pirezedant Obiyaang.
‘’Paartii guddicha ta’uu ittuma fufna,’’ jedhe ilmi Tedoroo Obiyaang Niguyema.
Paartileen mormituu muraasni kan filannicha dorgoman jiraatanillee, isaan keessa qaamni filannicha injifachuu malu jedhamee eegames hin turre.
Pirezedant Obiyaang biyya giddugaleessa Afrikaa bobba’aan badhaate Ikuhatooriyaal Giinii humnaan hukkamse to’ata.
Miseensonni maatii tokko gahee hojii mootummaa Ikuhatooriyaal Giinii dhuunfataniiru.
Pirezedant Obiyaang bara 1979 waraanni aangoo dhuunfachuu hordofuun aangoo kan qabate yoo ta’u, yaalii fonqolcha mootummaa heddu jalaa miliqe.
Obiyaang aangoo eessuma isaa Firaasiskoo Makiyaas Niguyemaa irraa kan fudhate yoo ta’u, biyyattii keessatti waan fooyyeesse qabaatullee biyyattii guutummaatti ukkaamse to’achutti deebi’e.
Ikuhatooriyaal Giinii keessatti morkattoonni siyaasa bakka hin qabani, walabummaan miidiyaas biyyattii keessa hin jru.
Miidiyaalee mootummaatu to’ata ykn warreen mootummaatti hidhata qabanitu to’ata.
Aab Obiyaang kanaan dura sarbamiinsa mirga namoomaa biyyattii fi filannoo burjaajeessuun himannaan walqabatu irratti dhiyaatus haalaa ture, ammas sadarkaa addunyaatti filannoo marroo jahaaffaa kanaan maqaa tolfachuuf yaadanii gaggeessan jedhama.
Fulbaana darbe mootummaan du’aan nama adabuu hambisuu hordofee Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniitiin leellifame.
Ikuhatooriyaal Giiniin bu'aa filannoo burjaajessuun biyya kanaan durayyuu beekamtu jedhu qeeqxonni.
Ikuhatooriyaal Giiniin bara 1968 kolonii Ispeen jalaa bilisa bahuun bara Pirezedanti Firaasiskoo Makiyaas Niguyemaa biyya of dandeesse taate.
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman Firaasiskoo Makiyaas Niguyemaa fi Tedoroo Obiyaang Niguyema Mibasogoo Afrikaa keessatti hoggantoota hunda caala mirga namoomaa sarbanitti Ramadan.
Biyya afaan Ispaanish, Fireench fi Porchugis dubbatu kanatti kuusaan boba’aa gurguddaan bara 1996 argamullee, uummanni biyyatti miliyoonni 1.4 hiyyummaa keessa jiru, boba’a biyyattirraas fayidaa hin arganne.